Jallal malee jiibadhisi

Jallal malee jiibadhisi

Share

Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Jallal malee jiibadhisi, Public swimming pool, Oromia, Harar.

14/04/2023


Eebla 15,1980 (Waggaa 43 yoonaa), gammoojjii Ogaadeen bakka Shinniggaa jedhamutti ture. Hangafoonni qabsaa'ota Oromoo, imaltoonni haqaafi irbuu, wareegamtoonni guyyichaa hidhattoota Somaalee waliin walitti dhufani. Yeroon kun wareegamtoota keenya kanaaf yeroo qorumsaa hamaa ture. Kunis akka amantaan adda qoodamaniif gaafatamu. Kiristaanni bakka tokko, musliimni immoo bakka biraatti akka goran itti himama. Yoo kana hin goone hunda isaaniitu ajjeefamuuf jira. Yoo 'tole' jedhanii waan isaan jedhan kana raawwatan immoo, kan du'a oolu ni jiraata. Dhugumattuu qorumsa hamaadha. Keessattuu osoo dhaloota akka keenya ammaa kanaaf ta'ee, akkam ulfaata!

Gootota keenya sanaaf garuu, hagas mara waan burjaajessu hin taane. Gaaffii dhiyaateefii sana deebisuufis akka isaan hin rakkifne deebii isaaniitu ragaadha. Akkana jedhaniin; "Nuti amantiidhaan gargar baanee hin beeknu, hin baanus. Nuti Oromoodha. Oromummaa keenyaafis qabsootti jirra. Akkuma tokko taane kana, duunus jiraannus hireen keenya takka. Kanaafuu du’a ooluuf jecha amantiidhaan gargar hin baanuutii, akka feetan nu godhaa!"
Isaan akkanaan wal faana wareegamani.

Nuyimmoo jechaafi gocha isaanii kana lapheetti qabachaa, yaadanna.




Baga geessani!
Eebla 15, 2023

Join group chat on Telegram 04/08/2022

Beelaa fi gadadoo suukaneessaa hawaasni keenya keessatti kufe kanaaf furmaanni waaraa sadaqaa waliif gumaachuu caalaa, mirgoota bu’uuraa ulfina dhala namaaf malan san eeguu fi kabajuufiidha. Maddi rakkoowwan kanaas sadaqaa waliif gumaachuu dhabuu keenya osoo hintaane, kabajamuu dhabuu mirgoota namummaa fi Diimokiraasii hawaasa keenyati. Sanatu waraana dhale, waraanni ammoo sochii qaamaa fi qalbii hawaasa keenyaa gaadi’uun beelaa fi dhibee dhale.

Uummata hidhanii, doorsisanii, afaan qawweetin ukkaamsanii beelaa fi hongee furuun inuma hin yaadamne. Gargaarsi bitaa fi mirgaa namoota dhuunfaa fi dhaabbilee mit mootummaatin walitti guuramu waan tokko, garuu fala miti. Hanga wal waraansi jirutti Inumaayyuu hannaa fi saamichaaf karaa saaqa. Hawaasa keenya akka Oromiyaatti gadadoo hindubbatamne keessa jiruufis fala dhumaa, furmaata giddu galeessaa hinta’u.

Amma Oromoon marti hallayyaa gadadoo fi beelaa hamaatti imalaa jira. Baddaa fi gammoojii Oromiyaa beelatu jira. Hundaa ol madda rakkichaa beekun dirqama. Maddi rakkoowwan kanaa 75% ol siyaasa. Siyaasatu dabareedhan tooftaa jijjiirratee nama keenya goolaa jira. Wal gargaaruu fi afaan bool’atirra erga geenyee booda du’a wal oolchuun akkuma jirutti ta’ee osoo san bira hinga’in falli kaa’amuu qaba. Amma uummanni keenya waraana qawwee caalaa waraana beelaa fi dhibeetin weeraramee jira.

Kana beekuun barbaachisaadha. Kanaaf dhimmi kuni ammas ija kan argatu yoo mootummaan cunqursaa fi dhiittaa mirga namoomaa hawaasarratti gaggeessaa jiru ifatti dhaabee uummata bilisa gochuun sochii diinagdee fi hawaasummaatif karaa bane qofa! Wal gargaaruu fi waliif birmachuunuu achii booda, yookan soba! Sagaleen uummata bal’aa kanaa haa dhagaa’amu! Oromiyaan dukkana keessa jirti!

Join group chat on Telegram

Want your business to be the top-listed Government Service in Harar?

Click here to claim your Sponsored Listing.

Location

Website

Address


Oromia
Harar