20/10/2024
Bara 2017 barattoota madrasaa keenyatti barchaa jiran kana fakkaatu.
Educationsof deen
20/10/2024
Bara 2017 barattoota madrasaa keenyatti barchaa jiran kana fakkaatu.
Madrasaan keenya keessanii madrasaa Bilaal Al Islaamiyyaa Jedhamu kana deeggaru isin haa godhu jechaa, Waan sheekni keenya Sheek Abdulaziiz jedhu kana mee dhaggeeffadhaa isiniin jenna.
Barnoonni milkii duniyaafi aakhiraa walitti qabachuuf si gargaara. Kanaaf barattoota keenya jabaadhaa baradhaa.
Deeggarsa teessoo Jama'aa gaaddisa Islaamaa garee sadaqatan jaariyaa madarsaa Bilaal Al Islaamiyyaaf taasisan haala kana fakkaatu.Galatoomaa jazaakumullaahu keeyran.
24/09/2022
Haala maraggii madarasaa Bilaal Al-Islaamiyyaa magaalaa burqaa yeroo taasifamu.
Beekumsi b'uura waa hundaati jedhama.Inni kun waa malee miti.Namuma deegeefi namuma deemeetu waa himaa jedhan akkana jechuun namuma barateetu waa dubbatuufi dhiisullee beeka jechuutti yoo hiikkanne hin fokkisu.Kanaaf ilmaan ofii haa barsiisnuun dhaamsa keenya.
GALMEEN BARATTOOTAA MADARASAA BILAAL AL ISLAAM EEGALEE JIRAA WAAN TA'EEF NAMNI HUNDI MAATII KEESSAN AKKA GALMEESSITAN ISINIIN MADARASAA BILAAL AL ISLAAM
As.Wr.Wb.Hundi
Bilaal Al Islaamiyyaa,Madarasaa tokkicha sadarkaa aanaatti jirudha.Iddoon argama isaa godina harargee bahaa aanaa Gola Odaa Magaalaa Burqaa.Iddoo beekumsa duniyaafi aakhiraa kan qooda guddaa gumaachaa turedha.Ammas gumaachaa jira.Kanaaf,guddina isaaf gaheen hawaasa marti murteessaadha.Keessattuu dhaloota isarraa fayyadamaa jiru hunda ilaala. Cinaa haa jiraannuun dhaamsa keenya,
Galatoomaa,horaa bulaa