29/03/2026
Godina Harargee Bahaa Waajjira PSMQN Godinichaatiin Leenjiin guyyoota 2f Sadarkaa Godinaatti Aanaalee fi Bulchinsa Magaalotaaf kennamaa ture xumuramee jira.
==========
Waajjirri PSMQN Godinichaa Leenjii qabinsa Staastiksii Ragaa qabeenya Namaa bara 2018 Manuwaalii irraa gara Systemaatti galchuurratti kan kennamaa ture yemmuu tahu ,Leenjii fi hubannoo arkataniin yeroo jedhamee fi karoorfame keessatti akka raawwatamuu qabuus kallattiin kan kennameedha.
Kana Malees Imaammataa fi Tarsimoowwan Bobba'insa Qabeenya Namaa,Qajeelfamoota Naamusaa Hojjattoota Mootummaa fi Kenninsa Tajaajila Manneen Hojii Mootummaa hanga Sadarkaa Gandaatti jiru irratti leenjiin kan kenname yemmuu tahu xumura irratti Itti Gaafatamtuu Waajjira PSMQN Godina Harargee Bahaa Yaadaa fi gaaffiwwan hirmaattota irraa ka'aniif mariin bilchina qabu erga gaggeeffame booda kallattiin fuulduraa kennamuun xumuramee jira.
28/03/2026
Waajjirri PSMQN Godina Harargee Bahaa Leenjii Mata duree Staastiksii Ragaa Qabeenya Namaa,Imaammataa fi Tarsiimoo Hoggansa Qabeenya Namaa , akkasumaas Kenniinsa Tajaajila Manneen Hojii Mootummaa fi Qajeelfamoota Adda Addaarratti qooda fudhattoota Aanaalee fi Bulchinsa Magaalootaa Godinichaarraa hirmaataniif kannuu jalqabeera.
=======
Godina Harargee Bahaatti Waajjirri PSMQN Godinichaa Leenjii Mata duree Staastiksii Ragaa Qabeenya Namaa,Imaammataa fi Tarsiimoo Hoggansa Qabeenya Namaa , akkasumaas Kenniinsa Tajaajila Manneen Hojii Mootummaa fi Qajeelfamoota Adda Addaarratti qooda fudhattoota Aanaalee fi Bulchinsa Magaalootaa Godinichaarraa hitmaataniif kannuu jalqabeera.
I/G Waajjira PSMQN Godinicha Aadde Miskii Abraahim akka jedhanitti leenjii kanaan dandeettiin raawwachiisummaa Hirmaattootaa kan cimu tahuu kaasanii leenjichi guyyoota lamaaf kan itti fufu ibsaniiru.
15/03/2026
(MESOB) fi
=================
Masoob rakkoo kenna tajaajila Seektaraalee Mootummaa furaa jira- Obbo Kaffaaloo Tafarraa
6, 2018 Naannoo Oromiyaatti Tajaajilli Giddugala wiirtuu Tokkoo Masoob rakkoo kenna tajaajila seektaraalee mootummaa hundeerraa akka furuuf hojjetamaa jira jedhan Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Kaffaaloo Tafarraan.
Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Kaffaaloo Tafarraan Bulchinsa Magaalaa Maayaatti wiirtuu Keenninsa Tajaajila Giddugala Tokkoo Masoob hojii eegalchiisaniiru.
Obbo Kaffaaloon Wayita kana haasawa taasisaniin, Mootummaan Naannoo Oromiyaa rakkoo kenna tajaajila seektaraalee mootummaa furuuf xiyyeeffannoon hojjetaa jiraachuu ibsaniiru.
Hawaasni dhamaatii fi baasii tokko malee iddoo tokkotti tajaajila si'ataa fi haqa qabeessa akka argatuuf Masoob gahee olaanaa bahataa jira jedhan.
Hanga ammaatti hojii giddugalicha babal'isuu naannichatti hojjatameen kenni tajaajilaa hawaasaa fooyya'aa dhufuu ibsaniiru.
Kantiibaan Magaalaa Maayaa Dooktar Ifrahaa Waziir gamasaaniin, giddugalichi tajaajilamaan mufii tokko malee tajaajila qulqulluu akka argatu taasisaa jedhan.
Giddugalichi ykn Wiirtuun kun Fooddaawwan 12 kan qabuufi hojjettoota teeknooloojiin deeggaraman 92 ol qabaachuu dubbataniiru.kunis dhaabbilee federaalaa 4 fi Seektaraalee magaalaa 23 of keessatti kan hammate ta'uu ibsameera.
10/03/2026
Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad(PhD) fi jilli isaanii Harargee Bahaa, Aanaa Malkaa Ballootti argamuun Holqa Naasi’ool daawwatan.
Mootummaan jijjiiramaa, riifoormii sektaraalee dinagdee damdaneessuf taasiseen turiizimiif xiyyeeffannoo ol'aanaa laachuun hojiiwwaan bu'uura ce'uumsa turiizimii ta'an hojjataa turuun nibyaadatama.
Kanaanis toorawwan qabiiyyee turiizimii adda baasuun hojiin bal'aan hojjatameera; addatti waggoottan jijjiiramaa darban, buufataalee xiyyaaraa, hoteelotaafi loojiiwwan, hidhamiinsa daandiifi bu'uuraalee misooma turizimii misoomsuu irratti fuulleffachuun hojiin bal'aan hojjatameera.
Bu'uuruma kanaan, fayidaa naannawaafi hawaas-dinagdee paarkiileefi ikoo-turizimii irraa argamu qaban argamsiisuuf dhaqqabummaafi mijatummaa isaanii irratti hojjatamaa jira. Rifoormii sektaraalee dinagdee damdaneessuf taasifameen turiizimiin jijjiiramaa as xiyyeeffannoo ol'aanaa argachuun baldhinaan misoomsuu irratti argama.
Mul'ata Ministiraa Muummee Abiyyi Ahimad (PhD)' kan ta'e, keessumaa pirojektiin maaddii dhaloota qaama tarsiimoo biyyoolessaa bal’aa Itoophiyaan bakkeewwan simaanna sadarkaa idil-addunyaa eeggatan addatti misoomsuun, waggoota muraasaa as galiin turizimii irraa argamufi yaa'iinsi turistootaa hedduminaan akka dabalu ta'eera.
Hojiileen jijjiiramaa kunneen, miidhagina umamaa, hambaalee aadaafi barmaatilee gaggaarii ittifufiinsa qaban walitti fidun kan qindaa'aniidha. Keessumaa piroojektoonni Ikoo-turizimii irratti dalagaman iddoowwan magaalaafi umamaa gara wiirtuu hawwata turizimii ta’etti jijjiiraniiru.
Hojiin kunis, adeemsa turizimii baramaa, hawwata dhaala seenaafi aadaa/amantaa qofa irratti daanga’ee ture, yaadama ikoo-turizimii beeksisuufi misoomsuun, naannawa umamaa (teessuma lafaa, bosona, yaa’awwan, bineensota) gara hawwata turizimiitti fidaa kan jiruudha.
Walumaagalaan, dilbiin turiizimii naannoofi biyya keenyaa ammallee bal'aa waan ta'eef mootummaan gama kanaan haalota dandeessisoo hunda adadaan mijeessaa kan deemudha. Bu'uuruma kanaan, tibbana jilli Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad(PhD) durfamu Baha Oromiyaatti argamuun bakkeewwan hawwata turizimii ta'an Holqa Naasi’ool fi Gaara Qundhuudhoo daawwatanii jiru.
09/03/2026
Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiyyi Ahimad(PhD) fi jilli isaanii Godina Harargee Bahaatti argamuuun bakka turizimii Gaara Qunduudoo daawwatan.
Abiyyi Ahimad(PhD) bakka turiizimii kana erga daawwatanii booda ibsa kennaniin Gaarri Qunduudoo bakka seenaa hawwataa qabu ta'uu ibsuun, Itoophiyaan biyya seenaa, aadaafi bakkeewwan daawwatamee hin quufamne hedduun kan badhaate ta'uu dubbatan.
Ittidabaluunis, gaarri Qunduudoo miidhagina olaanaa kan qabu ta’uu himuun, fardeen gaaricha irra jiran Fardeen manatti beeknurraa adda kan isaan godhu dhaloota isaanii osoo hin taane achi jiraachuun isaanii adda kan taasisu ta'uu eeran. Fardeen kunneen bakka hawwata tuurizimii dilbii guddaa ta'uu akka danda'anis MM Abiyyi eeraniiru
06/03/2026
Dijitaalessuun Imala Bara Olka'insaati!
= = =
Addunyaan har’aa saffisa dinqisiisaa teknolojii yeroon barbaadu hidhattee guyyaa guyyaan gara jijjiirama haaraatti imaluu irratti argamti. Keessumaattuu, dijitaalessuun hojii namaa salphisuu, yeroo qusachuufi tajaajila saffisiisuu keessatti carraa bal’aa uumuun boqonnaa haaraa saaqaa jira.
Jaarraan amma keessa jirru kun bara dorgommii dijitaalaafi guddinni damee hundaa ijaarsa sirna teeknoloojii dijitaalaatiin dhugoomudha. Bara gilobalaayizeeshinii Addunyaan mandara tokko taatetti guddina saffisiisaafi itti fufiinsa qabu ijaaruuf teeknoloojii dijitaalaatiin yoo hin masakamne milkaa'uu hin danda'u. Kanaafuu hidhannoo teknoolojii ammayyaa diriirsuun kalaqa, ariitiifi qulqullina dabaluun jiruuf jireenya ilma namaa jijjiiruuf hojjechuu barbaachisa.
Dijitaalessuun bu'uura guddina biyya tokkoo ta'uun odeeffannoon yeroo gabaabaa keessatti iddoo tokkoo gara iddoo biraatti karaa salphaa ta'een darbarsuu, hojiiwwan yeroo dheeraa fudhatan gara sirna salphaafi saffisa qabuutti jijjiiruun kenna tajaajila mootummaa si'eessuu, haqa qabeessa taasisuufi malaammaltummaa irraa bilisa baasuuu keessattis qooda guddaa qaba.
Kun immoo dhaabbilee mootummaa, miti Mootummaafi hawaasa bal’aaf milkaa’ina haaraa banuun, daldala dijitaalaaf carraa banuun daldaltoota fayyadamaa taasisuufi hawaasni keenyas tajaajila barbaadu karaa salphaa ta'een dadhabbii tokko male akka argatu taasisa.
Itoophiyaanis dorgommii damee dijitaalaa Addunyaan keessa jirtu milkeessuuf bara 2030tti Karoora dijitaal Itoophiyaa dhugoomsuuf hojjechaa jirti. Kunis galma dijitaalessuu qabame milkeessuu kan dandeessisudha. Kanaafis hojiin leenjii Koodersii, Eenyummeessaa dijitaalaa kennuufi Wiirtuun Kenna Tajaajila 1ffaa imalicha milkeessuuf hojiiwwan tarkaanfii haaraan jalqabamanidha.
Mootummaan Naannoo Oromiyaas galma ga'insa dijitaala Itoophiyaa saffisiisuuuf hojiilee bal'aa hojjechaa jiraachuu hoogganaa itti aanaan Abbaa Taayitaa Saayinsiifi Teknoloojii Oromiyaa Enjinar Jimaa Tulluu ibsaniiru. Kenna tajaajila Mootummaa ammayyeessuun tajaajila si'ataa, haqa qabeessaa, qulqulluufi qaqqabamaa taasisuufis hojii hanga ammaatti hojjetameen wiirtuun tajaajila tokkoffaa magaalota 7 keessatti banamee hojii eegaluu himaniiru.
Wiirtuu kenna tajaajila tokkoffaa kanaan rakkoo kenna tajaajilaa ture daraan fooyya'aa dheefeera.Kanaaf yeroo dhiyootti magaalota Oromiyaafi kutaalee magaalotaa 61 keessatti babal'isuuf hojjachaa akka jiranis Enjinar Jimaan eeraniiru.
Gama biraatinis, lammiilee gama hundaan ga'umsa qabu horachuuf hojiileen baay'een eegalamuu ibsuun, leenjii Ethiocoders waliin wal qabatee karoorri akka Oromiyaatti qabame namoota 1,440,045 leenjisuu yoo ta'u hanga ammaatti kan galmaa'e namoota 1,340,042 fi kan leenji'anii xumuran namoota 1,009,169 ta'uu himaniiru.
Galmee waraqaaa eenyummaa Biyyaaleessaa (Fayda) waliin wal qabatees hanga ammaatti namoonnii 11,379,181 ol fudhachuu himuun, imala kana caalmaatti milkeessuufi guutuu taasisuuf bu’uuraalee teknooloojii cimsuufi dandeettii ogummaa dijitaalaa guddisuun murteessadha jedhan.
Dijitaalessuun imala bara olka'insa Itoophiyaa gama hundaan milkeessuu danda'u waan ta'eef , lammiileen hundi milkaa'ina hojichaatiif tumsa barbaachisaa taasisuu akka qabanis Enjinar Jimaan dhaamaniiru.
Kan gabaase Oromia Communication Bureau dha.
05/03/2026
Guraandhala 25/2018
Wiirtuu Tajaajilaa Tokkoffaa-MESOB
Wiirtuun Tajaajilaa Tokkoffaa (MESOB) jalqaba bara 2018 akka Oromiyaatti Magaalota Shan Irratti Hojii Eegalan Sadarkaa Maal Irra Jiru?
“Wiirtuu Tajaajilaa Tokkoffaa” kan jedhu maqaa Afaan Ingiliffaa “MESOB” jedhu irraa kan dhufe yommuu ta’u, kunis“Modern Ethiopian Services for Organized Benefit” jechuu dha.
MESOB jechuun tajaajiloota iddoo garagaraatti faffaca’anii kennaman wiirtuu tokkotti walitti fiduun qindaa’ee haala itti kennamu jechuu dha.
Itoophiyaa keessatti yaada kana ka maddisiise kabajamoo muummee Ministiraa Dr.Abiy Ahimadiin yommuu ta’u,“MESOB” jalqaba sadarkaa Federaalaatti eegalee gara Naannootti gadi dhufee yeroo ammaa hojiirra oolaa jira.
Akka Naannoo Oromiyaatti, tajaajiloota mootummaa manneen hojii garagaraa keessatti kennamaa turan wiirtuu tokkotti walitti fiduudhaan kennamuu eegalee jira.
Jalqaba bara 2018 irratti MESOB magaalota Oromiyaa shan irratti kan eegalame yommuu ta’u, muuxannoon achi irraa argames godinaaleefi magaalota hunda irratti babal’ataa jira.
Magaalotni jalqaba wiirtuun tajaajila tokkoffaan hojiirra itti oole magaalota Shaggar, Bishooftuu, Adaamaa, Shaashamanneefi Jimmaa dha.
Magaalota kana irratti yeroo ammaa manneen hojii kana dura faffaca’anii tajaajila kennaa turan wiirtuu tokkotti walitti dhufuun tajaajila iddoo tokkoo kennaa jiru.
Haaluma kanaan:-
1. Wiirtuu Tajaajilaa Tokkoffaa Magaalaa Shaggar
Wiirtuu Tajaajilaa Tokkoffaa Magaalaa Shagar irratti manneen hojii 32 walitti dhufanii iddoo tokkotti tajaajila kennaa jiru.Wiirtuu kana irratti tajaajilootni 159 kan adda bahanii kennamaa jiran yommuu ta’u, hanga yoonaatti (20/6/2018) tajaajilamtootni/abbootiin dhimmaa 39,960 simatamanii keessummeessamaniiru. Akka Wiirtuu Tajaajila Tokkoffaa Magaalaa Shagaritti, sadarkaan itti quufinsa maamilaa 98.85% irra gaheera.
2. Wiirtuu Tajaajilaa Tokkoffaa Magaalaa Bishooftuu
Wiirtuu Tajaajilaa Tokkoffaa Magaalaa Bishooftuu irratti manneen hoji 26 walitti dhufuun iddoo tokkotti tajaajila kennaa jiru. Wiirtuu kana irratti tajaajiloota 131 kan adda bahanii kennamaa jira yommuu ta’u, hanga yoonaatti abbootiin dhimmaa 63,458 simatamanii keessummeessamaniiru.
Akka Wiirtuu Tajaajilaa Tokkoffaa Magaalaa Bishooftuutti, sadarkaan itti quufinsa maamilaa 99.5% irra jira.
3. Wiirtuu Tajaajilaa Tokkoffaa Magaalaa Adaamaa
Wiirtuu Tajaajilaa Tokkoffaa Magaalaa Adaamaa irratti manneen hoji 32 walitti dhufuun iddoo tokkotti tajaajila kennaa jiru. Wiirtuu kana irratti tajaajiloota 138 kan adda bahanii kennamaa jira yommuu ta’u, hanga yoonaatti abbootiin dhimmaa 125,357 simatamanii keessummeessamaniiru.
Akka Wiirtuu Tajaajilaa Tokkoffaa Magaalaa Adaamaatti, sadarkaan itti quufinsa maamilaa 98.75% irra akka jiru sakatta’iinsi biiroon geggeesse mul’iseera.
4. Wiirtuu Tajaajilaa Tokkoffaa Magaalaa Shaashamannee
Wiirtuu Tajaajilaa Tokkoffaa Magaalaa Shaashamannee irratti manneen hoji 27 walitti dhufuun iddoo tokkotti tajaajila kennaa jiru. Wiirtuu kana irratti tajaajiloota 110 kan adda bahanii kennamaa jira yommuu ta’u, hanga yoonaatti abbootiin dhimmaa 67,309 simatamanii keessummeessamaniiru.
Akka Wiirtuu Tajaajilaa Tokkoffaa Magaalaa Adaamaatti, sadarkaan itti quufinsa maamilaa 99.855% irra akka jiru sakatta’iinsi ni agarsiisa.
5. Wiirtuu Tajaajilaa Tokkoffaa Magaalaa Jimmaa
Wiirtuu Tajaajilaa Tokkoffaa Magaalaa Shaashamannee irratti manneen hoji 25 walitti dhufuun iddoo tokkotti tajaajila kennaa jiru. Wiirtuu kana irratti tajaajiloota 135 kan adda bahanii kennamaa jira yommuu ta’u, hanga yoonaatti abbootiin dhimmaa 72,893 simatamanii keessummeessamaniiru.
Akka Wiirtuu Tajaajilaa Tokkoffaa Magaalaa Adaamaatti, sadarkaan itti quufinsa maamilaa 98.7% irra akka jiru sakatta’iinsi biiroon geggeesse mul’iseera.
Akka waliigalaatti, Wiirtuu tajaajilaa Tokkoffaa Magaalota shan kana irratti manneen hojii 142 tajaajiloota 673 qabatanii maamila tajaajilaa jiru. Wiirtuulee Tajaajila Tokkoffaa Magaalota kanaa irratti hanga yoonaatti tajaajilamtootni 368,977 simatamanii kan keessummeeffaman yommuu ta’u, itti quufinsi maamilaa wiirtuulee tajaajilaa kanaa giddugalaan 98.9% irratti argama.
Kan gabaase Biiroo Pabliik Sarvisiifi Mqn Oromiyaa ti.
14/02/2026
Gurmaa'insi Caasaa gandaa hojiirra oole bu'aa buusaa jiraachuu, Miseensonni Caffee himan.
==================
Guraandhala 07,2018
Hojiiwwan Mootummaan jijjiiramaa hojiirra oolchuun hawaasa keessatti mul’atan itti fufuu qabu jedhan, Miseensonni Caffee Oromiyaa
Hojiiwwan mootummaan jijjiiramaa milkeesse keessaa Omishtummaan qonnaa dabaluusaaf Qamadii oomishnee ofirra dabarree alatti erguu eegaluun waan gaariidha jedhan.
Qormaata keessatti hojiileen misoomaa rakkoo hawaasaa furan kanneen akka pirojektoota jallisii,turiiziiifi kanneen biroon fakkeenyummaa qabaachuu dubbatan.
Labsiiwwan fayyadamummaa ummataa mirkaneessan kanneen akka Buusaa Gonofaa,Gaachana Sirnaa Mana Murtii Aadaas hojiilee hojjetamuun bu'aa qabatamaa argamsiisan ta’uu himan.