22/05/2026
Aanaa kurfaa Calleetti Mariin Nageenyaa Caasaalee Nageenyaa addaa addaa hirmaachise Aanaa ollaa waliin Gaggeeffame jira
☆☆☆☆☆☆☆
■Qajeelcha Poolisii Godina Harargee Bahaatti Waajjira Poolisii Aanaa Kurfaa Callee
Mariin Nageenyaa Caasaalee Nageenyaa addaa addaa hirmaachise Aanaa ollaa Aanaa Qarsaa fi Aanaa kurfaa Callee waliin Bakka Hoggantoonni Waajira Nagaa milshaa fi Waajjira Poolisii Argamanitti Caasaa Nageenyaa Gandaa waliin Mariin Bal'aan Gaggeeffame jira Gaggeeffame jira
marii kana Irratti kan Argaman
1. Hogganaa Poolisii Aanaa Kurfaa Callee
2. Hogganaa Poolisii Aanaa Qarsaa
3. Hogganaa Waajjira Nagaa fi Milishaa Aanaa Kurfaa Callee
4.Obbo_Mussaa Hogganaa Waajjira Nagaa fi Milishaa Aanaa Qarsaa
5.It/A/Inisp_Alamayyoo_Adaree Itti Gaafatamaa Kutaa Ittisa Yakkaa Aana Qaraa fi Qaamolee Nageenyaa addaa Addaa Argamanitti Mariin Bal'aan Dhimma Haala Nageenyaa Fi Qindoomina Aanaa lamaanii Cimsuu Irratti marin Bal'aan Gaggeeffame jira
Marii Kana Irratti Nageenyaa Aanaa lamaanii waliin ta'uun akka eegamu fi Hawaasni Yaaddoo Nageenyaa tokko malee Misooma isaa akka hojatatee bulu gochuu Irratti waliigalamee jira
04/05/2026
Aanaa kurfaa Calleetti Leenjiin Gabaaba Humna Nageenyaatiif Qophaa'e irratti marin taasifamee jira
☆☆☆☆☆☆☆
■Qajeelcha Poolisii Godina Harargee Bahaatti Waajjira Poolisii Aanaa Kurfaa Calleetti Leenjiin Humnoota Nageenyaa ergama Hojii Isaanii akka raawwataniif Itti Fufinsaan mirkaneessuu mata Duree Jadhu Irratti Mariin Qaamolee Nageenyaa Hunda Hirmaachise Bakka Hogganaan Poolisii Aanichaa
fi Itti Gaafatamaa Waajjira Nagaa fi Milishaa Aaanicha Akkasumas Itti Gaafatamaa kutaa Ittisa Yakkaa It/A/Inispektara Faqqadaa Fufaa Argamanitti Qaamolee sektara Nageenyaa waliin Mariin Bal'aan Gaggeeffame jira
14/04/2026
Aanaa Kurfaa Calleetti Gamaggamni Raawwii Hojii Baatii 9 Gaggeeffamee jira
■Qajeelcha Poolisii Godina Harargee Bahaatti Waajjira Poolisii Aanaa Kurfaa Calleetti Gamaagamni Raawwii Hojii Nageenyaa Baatii 9 Kan Waajjira Nagaa fi Milishaa fi Poolisii Gaggeeffamee Jira.
Gamaaggamni Kun Raawwii Hojiilee ji'oota 9 Bakka Bulchaa fi Itti gaafatamtoonni Nagaa fi Milishaa Gandootaa argamanitti Kan gaggeefamee jiru yoo tahu kaayyoon isaa Ciminootaa fi Hanqinoota Turan adda baasuun kallattii fuula duraa Kaa'amee jira
Marii kana Irratti kan Argaman Bakka Bu'aa Bulchaa Aanaa kurfaa Callee ,Itti Gaafatamaa Waajjira Nagaa fi Milishaa fi Hogganaa Poolisii aanichaa Argamuun Hojii Nageenya Gara fuula duraatti hojjatamuu Qabanii fi Hanqinaa fi cimina Turan adda Baasun Kallattii fuula duraa kaa'amee Waltajjiin goolabamee jira
10/04/2026
Ergaa Baga Geessanii
Waajjira Poolisii Aanaa Kurfaa Callee Irraa
■Qaj/Po/Go/Har/bahaatti Waajjira Poolisii Aanaa Kurfaa Calleetti Hogganaan Waajjirichaa Hordoftoota Amantaa Kiristaanaa Maraan baga Jala Bultii Ayyaana Sooma Hiikkaa (Faasigaa) bara 2018 Nagaan Geessan jachaa hordoftoota Amantaa Kiristaanaa hundaaf bakka jirtan hundatti baga jala bulttii Ayyaana Faasigaatiin isin gahe jechuun ergaa isaanii dabarsaniiru.
✍️ Ayyaanichi
✔️ Ayyaana Jaalalaa
✔️ Ayyaana Gammachuu
✔️ Ayyaana Badhaadhinaa
✔️Ayyaana Tokkummaa fi Nageenya Waaraa Ittiin argattan Isiniif Haa ta’u Jachaa ayyaanni faasigaa kun Ummata Amantaa kiristaanaa Biratti Ayyaana Kabajamaa Waan ta'eef Ayyaanni kun Kan waliif dhiifamaa, jaalala obbolummaa fi nagaa cimsuu Akka ta’uu hubachiisuun, hawaasni keenya duudhaa gaarii amaanta daran akka jabeessu dhaamaniiru.
Waajjirri Poolisii Aanaa Kurfaa Callee gama isaatiin, nageenya hawaasaa mirkaneessuuf qophii barbaachisaa hunda xumuruu isaa ibsuun, ayyaanichi rakkoo nageenyaa tokko malee karaa nagaa, tasgabbii fi gammachuun akka kabajamuuf hojjetamaa jira Uummanniis ayyaanicha yeroo kabaju seera kabajuu, of eeggannoo gochuu, akkasumas qaamolee nageenyaa waliin tumsa cimaa gochuun nageenya naannoo isaa akka eegu dhamaani Jiru
Ayyaanni kan nagaa, jaalalaa fi gammachuu isiniif haa ta’u!
✝️ Ayyaana gaarii ✝️🙏✨
09/04/2026
“Eebbifamtoonni leenjii argataniin biyyaafi hawaasa isaanii karaa naamusa poolisummaa eegeen tajaajiluu qabu” Jeneraal Dirribaa Mokonnin.
Ebla 01,2018
Inistiitiyuutiin leenjii idileefi ogummaa Sanqallee leenjifamtoota sartifikeeta olaanaa marsaa 7ffaa simachuun baatii ja'aaf leenjisaa ture eebbise.
Komiishinarri Jeneraalaa Komiishinii Poolisii Oromiyaa Jeneraal Dirribaa Mokonnin sirna kanarratti argamuun ergaa dabarsaniin, eebbifamtoonni leenjii argataniin ogummaafi dandeettii isaanii gabbifachaa biyyaafi hawaasa isaanii karaa naamusa poolisummaa eegeen tajaajiluu akka qaban dhaaman.
Leenjifamtootnis ogummaa horataniin hawaasaafi biyyasaanii haqaan tajaajiluuf qophaa’uu himan.
19/03/2026
Ergaa Baga Geessanii
Hogganaa Waajjira Poolisii Aanaa Kurfaa Callee
Hordoftoota Amantaa Muslimaa Maraaf Ergaa Baga Geessanii Dhaamanii jiru
■Qaj/Po/Go/Har/bahaatti Waajjiirri Poolisii Aanaa Kurfaa Callee Inispektar Abbabaa Dheressaa
Hordoftoota Amantaa muslimaa Maraan Baga Jala Bultii Ayyaana Iidal-Fixrii (Sooma Hiikkaa) waggaa 1447ffaan Nagaan Geessan jachaa Ayyaanni Kan milkii kan Quufaa Gabbina isiniif haa ta'u jedhanii jiru
Ummata Muslimaa Biratti Ayyaanni kun Ayyaana Beekkamaa fi Kabajamaa Waan ta'eef Hanga Ummanni Ayyaana Kabajatee Galutti Qaamolee Nageenyaa Aanaa keenyaa Iddoowwan Salaata Adda bahe Irratti Ramadamtan Hanga Ayyaanni Xumuramutti Ayyaanni sodaa fi yaaddoo nageenyaa tokko malee nagaan akka kabajamuuf Dhaamsa Dabarsanii jiru
Ayyaana Gaarii
Inispektar_Abbabaa_Dheressaa
Hora Bulaa Gadaan Quufaa Gabbina
16/03/2026
Leenjiin Gurmaa’insa Milishaa cimsuun “Nageenya Waaraa Biyyaa Mirkaneessuf Kilaastara Gaara Mul'ataa Aanaa Gurawaatti Guyyoota 7f Leenjii Siyaasaa, Heeraaf Seera Mootummaa irrattii Leenjiin qorqalbii Milishootaaf kennamaa Turee xumuramuun Eebbifamanii jiru