Waajjira CHUO Harargee Bahaa
Carraa Hojii Ogummaan Durfamu Uumuuf kan Onnate!!
Sagantaa "Hojiifi Ogummaa" Walta'iinsa Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa fi OBN'tiin torbanitti yeroo tokko guyyaa Kamisaa galgala sa'aatii 2:40 irraa eegalee dhiyaatu hojiilee carraa hojii uumuufi ogummaa Godina Harargee Bahaa aanaa Gooroo Guutuu irratti xiyyeeffate. Bara 2018.
01/02/2026
31/01/2026
WCHUO_GHB 23/5/2018
Manni marii Carraa Hojii Humuu Godina Harargee Bahaa raawwii hojii kurmaana 2ffaa qooda fudhattoota seektara Godinaa, Aanaalee fi Magaalota godinichaa waliin Magaalaa Hararitti gamaaggamaa jira.
Gamaaggamni kunis Bakka Bulchaan Godina Harargee Bahaa fi walitti qabduun mana marichaa Aadde Miskii Mahaammad, I/G Waajjira Paartii Badhadhinaa Damee Godina Harargee Bahaa Obbo Habtamuu Tasfaayee, I/G Waajjira CHUO Godina Obbo Ahmaddiin Suufiyaan argamanitti gaggeeffamaa jira.
Gabaasni raawwii hojii kurmaana lammaffaa mana marii carraa hojii uumuu I/A Waajjira CHUO Godinichaa Obbo Kadiir Abduramaan hirmaattotaaf dhiyaatee jira.
28/01/2026
WCHUO_GHB 19/5/2018
Godina Harargee Bahaatti Manni Maree Raawwii hojii kurmaana 2ffaa Bakka Bulchaan Godinaa Aadde fi I/G Waajjira Paartii Badhaadhina Godinichaa Obbo argamanitti qorachuun Kallattii raawwii hojii fuulduraa kaa'ee jira.
Manni marichaa gabaasa raawwii hojii isaa dhiheessuun hanqinootaa fi ciminoota adda bahan irratti erga mari'ate booda Bulchaan Godinichaa Aadde Miskii Mahaammad Kallattii raawwii hojii fuulduraa kennuun waltajjichi goolabeera.
Click here to claim your Sponsored Listing.
Location
Category
Contact the business
Website
Address
Harar
Opening Hours
| Monday | 08:00 - 18:00 |
| Tuesday | 08:00 - 18:00 |
| Wednesday | 08:00 - 18:00 |
| Thursday | 08:00 - 18:00 |
| Friday | 08:00 - 18:00 |
| Saturday | 08:00 - 00:00 |
