06/05/2026
Guyyaa Har'aa Ebla 28/2018
waajjirri ittisaa fi to'annoo HIV/AIDS Naannoo hararii gammaggama raawwii hojiilee "Mainstriming " ji'a sagalii gadggesse
*********************
waajjirri Ittisaa fi to'annoo HIV/AIDS Naannoo Hararii Sektaraalee mootummaa naannicha kessatti argaman afurtamii sagal (49 ) fi Aanoota saglan (9) irraa fokaal parsanoota HIV/AIDS afeeruudhaan hojiilee ittisaa fi tatamsa'ina HIV iddoo hojii ilaaluu jalqabeetii jira ,
waltajjicharratti argamudhaan haasawa baniinsaa kan taasisan hogganaan waajjira ittisaa fi to'annoo HIV/AIDS naannoo hararii kan tahan obbo abdulhaafiz mahammad akka jedhanitti tatamsa'ina HIV yeroo ammaa akka biyyaatti fi akka naannoo kenyaatti jiru eerudhaan jalqabarratti qaamnii asitti argamee kun hundii miira aantummaatiin ittisaa fi tatamsa'ina dhibee kanaa to'achuuf lafee duydaa akka tahan ibsudhaan , hojiilee mainstrimingiti walqabatee wantoonni gaariin hojjatamee jiraatus garuu haanqinoota ammaan dura umamee jiru sirressudhaan fuula dura kana caalaa irratti hojjechuun barbaachisaa akka tahee ibsaniiti jiruu, itti dabaludhaan baajata motummaan iddoo hojitti ittisa dhibee kanaatif ramadee 2% dhimma biraatif osoo hin taanee qixa sirri taheen dhimma kana qofaaf olchuun barbaachisaa akka tahee ibsudhaan dhaamsa isaa dabarfachudhaan waltajjicha jalqabsiisaniiti jiru .
hojiileen ittisa HIV/AIDS kurmaana sadan darban sektaraalee irratti hojjetaman bakka qaamnii dhimmi ilaallatu hundii argamanitti abbotti adeemsaa waajjira ittisaa fi to'anno HIV/AIDS Naannoo harariitiin , obboo Iskandar maftuh fi obbo kamaal abditiin erga dhihaataniin booda ciminotaa fi hanqinoota jiru adda baasudhaan kallattiin fuula duraa kaayameetii jira .
28/8/2018
17/12/2025
Hojjettonni waajjira ittisaa fi to'annoo HIV/AIDS Naannoo hararii sektaraalee motummaa irratti supportive supervision gad gessuu jalqaban
****************************
Hojjettonni waajjira ittisaa fi to'annoo HIV/AIDS Naannoo Hararii garee (team) sadihitti qoqqodamudhaan sektaraalee motummaa naannicha kessa jiran 40 fi Aanoota 9 irratti bobbahudhaan akkaataa hojilee ittisa HIV iddoo hojitti hojjetaman (mainstriming ) akkasumas itti fayyadama bajata 2% ittisa HIVtif qabame ilaalchisudhaan qixa sirritiin kaayyoo qabamef irra olaa jiraachuu isaa hordoffii fi deggarsii guyyota walitti aanan kudhanif godhamu jalqabeetii jira.
8/4/2018
10/12/2025
"ትውልድን በሥነ-ምግባር ፤ ተቋምን በአሰራር!” በሚል መሪ ቃል ዓለም አቀፍ የፀረ-ሙስና ቀን የሐረሪ ክልል ኤች አይ ቪ ኤድስ በሽታ መከላከያ እና መቆጣጠሪያ ፅ/ቤት አክብረዋል።
**************************
"ትውልድን በስነ - ምግባር ተቋምን በአሰራር" በሚል መሪ ቃል 22ኛው ዓለም አቀፍ የፀረ-ሙስና ቀን በሃገር አቀፍ ደረጃ ለ21ኛ ጊዜ በክልላችን ደግሞ ለ20ኛ ጊዜ የሚከበር የፀረ ሙስና ቀን አስመልክቶ የተቋሙ ሰራተኞች አክብሯል ::
በመድረኩ ላይ የሐረሪ ክልል ኤች.አይ.ቪ ኤድስ በሽታ መከላከያ እና መቆጣጠሪያ ፅ/ቤት ሀላፊ የሆኑት አቶ አብዱልሀፊዝ መሀመድ በመገኘት ሀገራችን ከያዘችዉ የልማት ጉዞ ጎን ለጎን ሙስናን ለማስቀረት በተባበረ ክንድ አንድ በመሆን መስራት አለብን በማለት መልእክታቸውን አስተላልፈዋል ።
እንዲሁም ሙስና የልማት እንቅፋት መሆኑን መረዳት አለብን ያሉት ሀላፊዉ የነገ ሀገር ተረካቢ ለሆኑ ትዉልዶች ሙስናን የሚጠየፍ እና ከሙስና የፀዳች ሀገርን ማስረከብ መቻል አለብን ብለዋል።
ሙስና በመንግስት እና በህዝብ መሃል ያለዉን እምነት የሚነቀንቅ በመሆኑ ሁሉም ዜጋ ሙስና መከላከል እና መፀየፍ አለበትም ሲሉ ተናግረዋል።
ከፕሪዘንቴሽን ቦሀላም የተለያዩ ሀሳቦችንን በማንሳትና ውይይት በማድረግ ሰራተኛው ቀኑን አክብሯል ።
ታህሳስ 1/2018 ዓ.ም.
09/12/2025
Guyyaa Ayyaana Eedsii Addunyaa sababeffachudhaan hoggantootnini fi Hojjettonni Biiroo Barnootaa Naannoo Hararii Ayyaanicha kabajudhaan Hubannos argatan
*******************************
Guyyaan Eedsii Addunyaa akka addunyaatti yeroo 38ffaaf kabajamee kan jiru yoo ta’u , saganticha irratti kan argaman hogganaa biiroo barnootaa naannoo hararii obbo Geetuu Nagawoo , hogganaa waajjira ittisaa fi to'annoo HIV/AIDS Naannoo Hararii obbo Abdulhafiz mahammad akkasumas abbottin adeemsaa waajjira HIV argamudhaan Ayyaanni AIDS kan kabajameedha.
saganticha irratti argamudhaan haasawa baniinsaa kan taasisan hogganaan waajjira ittisaa fi to'annoo HIV/AIDS Naannoo hararii obbo Abdulhafiz Mohammad Guyyaa Eedsii Addunyaa kana namoota HIV/AIDS dhaan lubbuu dhaban kan itti yaadannu , namoota vaayrasii waliin jiraachaa jiran kan yeroo kamiyyu caalaa itti deggarru fi kabajnu akka barbaachisuu fi akkasumas ,
AIDS dhabamsiisuf waadaa waloo kenyaa haaromsudhaan haanga Eedsiin xumura argatutti waliin irratti hojjechuun akka barbaachisuu jechudhaan sagantaa jalqabsiisaniiti jiru . sagantiicha irratti tatamsa'ina dhukkubichaa Akka addunyaatti , akka biyyaatti fi akka naannotti erga laalamee hubannoon irratti kennamee booda sirni dungoo ibsutis gadgeffameetii jira.
WALIIN TAANEE HIV/AIDS HAA ITTISNU !
30/3/2018.
05/12/2025
Guyyaa Ayyaana AIDS akka Addunyaatti marsaa 38ffaaf akka biyya kenyaatti marsaa 37ffaaf kabajamee Sababeffachuun hawaasaaf hubannoon umameetii jira
********************
Guyyaan kun adda durummaan hawaasaaf waa’ee HIV/AIDS irratti hubannoo uumuuf kan kabajamu yoo ta’u , hojjettonnii Waajjira Ittisaa fi To’annoo HIV/AIDS Naannoo Hararii iddolee Namoonni baay'inaan itti walgahanitti argamudhaan bifa barrutiin waraqaa ergaalee adda addaa qabduu ummataaf raabsudhaan , bifa muuziqaatiin akkasumas bifa sagaleetiin maaykii fayyadamudhaan hubannoo hawaasaaf Uumaatii jiran .
HIV/AIDS WALIIN TAANEE HAA ITTISNU !!
01/11/2025
የኤች.አይ.ቪ/ኤድስ ስርጭትን ለመከላከል የሚደረጉ ንቅናቄዎች ተጠናክረው መቀጠል እንዳለባቸው ተጠቆመ።
*************************************
የተለያዩ ጥናቶች እንደሚያሳዩት በአሁኑ ወቅት ማህበረሰቡ እያሳየ ባለው ቸልተኝነትና መዘናጋት ምክንያት የኤች.አይ.ቪ/ኤድስ ስርጭት እየጨመረ ይገኛል።
በዚህም መነሻነት የኢትዮጵያ ሴት የጤና ባለሙያዎች ማህበር ከሸንኮር ወረዳ ጤና ጣቢያ ጋር በመተባበር 'ኤች.አይ.ቪ/ኤድስን በጋራ እንከላከል' በሚል መሪ ቃል ህዝባዊ ንቅናቄን ማካሄድ ጀምሯል።
በኢትዮጵያ ሴት የጤና ባለሙያዎች ማህበር የሐረሪ ክልል አስተባባሪ ወ/ሮ መዓዛ አጥላው የንቅናቄው ዋና ዓላማ ስለ ኤች.አይ.ቪ/ኤድስ እና አባላዘር በሽታዎች መከላከል ዙሪያ የማህበረሰቡን ግንዛቤ ማሳደግ ነው ብለዋል።
የግንዛቤ ማስጨበጫ ንቅናቄው ከዛሬ ጀምሮ በየወሩ እንደሚካሄድ የገለፁት ወ/ሮ መአዛ በተለይም ወጣቱ ትውልድ የቫይረሱን ስርጭት ለመከላከል በበሽታው ዙሪያ ግንዛቤአቸውን ማሳደግ እንዳለባቸው አስገንዝበዋል።
ወጣቶች የቫይረሱን ስርጭት ሊያስፋፉ ከሚችሉ ድርጊቶች በመቆጠብ ህይወታቸውን በጥንቃቄ መምራት እንዳለባቸውም መልዕክት አስተላልፈዋል።
በሸንኮር ወረዳ ጤና ጣቢያ የጤና ባለሙያ የሆኑት ሲስተር እፀገናት መብራቴ እንደተናገሩት በአሁኑ ወቅት የግንዛቤ ማስጨበጫ ስራዎች እየተዳከሙ መሆኑን ጠቁመው፣ ከክልሉ ጤና ቢሮ ጋር በመሆን ለመጠጥ ቤቶች፣ ለማረሚያ ቤቶች እና ለጎዳና ተዳዳሪ ህጻናት በቫይረሱ መከላከል ዙሪያ የተለያዩ ግንዛቤዎች ተደራሽ እየተደረጉ እንደሚገኙ ገልፀዋል።
ህብረተሰቡም በፈቃደኝነት ላይ የተመሰረተ ምርመራ በማድረግ እራሱንና ቤተሰቡን ከቫይረሱ ስርጭት ሊጠብቅ ይገባል ሲሉም አስገንዝበዋል።
ዘጋቢ፦ ትህትና ተስፋዬ
22/02/18
20/10/2025
waajjirri Ittisaa fi to'annoo HIV/AIDS Naannoo Hararii leenjii ogessota fayyaatif kennu jalqabe .
****************
Guyyaa har'aa onkololessa 10/2018tti
waajjirri Ittisaa fi to'annoo HIV/AIDS Naannoo Hararii ogessoota fayyaa Hospitaalootaa fi Buufata irraa afeeramanii walitti dhufaniif leenjii mata dureen Ittisa HIV/AIDS Yeroo ulfaa haadha irraa gara daa'imaatti akka hin dabarre ittisuu jettu irratti xiyyeffachuun (Prevention of mother to child transmission of HIV ) marsaa lammaffaaf ogessoota fayyaa hin leenji'iniif guyyoota walitti Aanan shanif leenjii (PMTCT) kennu jalqabeetii jira ::
09/10/2025
waajjirri Ittisaa fi to'annoo HIV/AIDS Naannoo Hararii leenjii ogessota fayyaatif kennu jalqabe .
****************
Guyyaa har'aa fulbaana 29/2018tti
waajjirri Ittisaa fi to'annoo HIV/AIDS Naannoo Harariiti fi Biiroon Eegumsa fayyaa Naannoo Hararii waliin qindoomudhaan ogessoota fayyaa Hospitaalootaa fi Buufata irraa Aferudhaan leenjii mata dureen Ittisa HIV/AIDS Yeroo ulfaa haadha irraa gara daa'imaatti akka hin dabarre ittisuu jettu irratti xiyyeffachuun (Prevention of mother to child transmission of HIV ) guyyoota walitti Aanan shanif leenjii kennu jalqabeetii jira ::
08/10/2025
የሐረሪ ክልል ኤች.አይ.ቪ በሽ.መከ.ጽ/ቤት ከሐረሪ ክልል ጤና ቢሮ ጋር በጋራ በመተባበር ለጤና ባለሞያዎች ስልጠና መስጠት ጀምረዋል
******************
በ ክልሉ ከተለያዮ ጤና ተቋማት የተወጣጡ 17 የሚደርሱ ጤና ባለሙያዎች ART ፎካሎች ችሎታዎች እና እውቀቶች እንዲያገኙ የሚረዳቸው ለ አስራ ሁለት ቀናት /12 /የሚቆይ (Comprehensive Basic ART Training) በተዘጋጀ ማንዋል በሐረር ጤና ሳይንስ ኮሌጅ ስልጠና እየተሰጠ ይገኛል ።