09/10/2024
የወሳኝ ኩነት ምዝገባ የጊዜ ገደብ በኢትዮጵያ
*********************************************
የወሳኝ ኩነት ምዝገባ ማለትም ልደት፣ ሞት፣ ጋብቻ፣ ፍቺ ከተመዘገቡ በኋላ በሚሰጡት አገልግሎት እና በሃገሪቱ ማህበራዊ እና ኢኮኖሚያዊ መሰረቶች መነሻነት የምዝገባ ጊዜ መደባቸውን በኢትዮጵያ የወሳኝ ኩነት ምዝገባ ስርአት ውስጥ በሶስት ይከፈላሉ፡፡ ይህም መደበኛ የወሳኝ ኩነት ምዝገባ ጊዜ፣ የዘገየ የወሳኝ ኩነት ምዝገባ ጊዜ እንዲሁም የጊዜ ገደቡ ያለፈ የወሳኝ ኩነት ምዝገባ ጊዜ በመባል የሚከፋፈሉ ሲሆን እያንዳንዱን የምዝገባ ጊዜ ምንነት በዝርዝር እናቀርባለን ገጻችንን ይከታተሉ፡፡
25/09/2024
ሁሉን አቀፍ እና ውጤታማ የወሳኝ ኩነት ምዝገባ በማካሄድ ምስክር ወረቀት መያዝ በሁሉም አገሮች ሥርዓት ከረጅም ጊዜ በፊት እውቅና አግኝቷል ፡፡ አብዛኛዎቹ ሀገሮች በህጋቸው በማካተት የምዝገባ ስርዓቶችን ዘርግተዋል ፡፡የወሳኝ ኩነት ምዝገባ በሁሉም የበለፀጉ አገራት ውስጥ የአስተዳደር፣ የፍትህ እና የስታትስቲክስ ስርዓቶች ውጤታማ እና ሙሉ በሙሉ አገልግሎት ለመስጠት አይነተኛ ሚና አላቸው ፡፡ በሕጋዊ ጉዳዮች ላይ እርግጠኛ በሆኑ ማስረጃዎች፣ ግለሰቦች ስለማንነታቸው የሚያረጋግጥ ሰነድ ለመያዝ፣ በቤተሰብ ላይ ለሚነሱ የተለያዩ መልካም የሆነም ሆነ ያልሆነ ጉዳይ በተጨባጭ ማስረጃዎች ማረጋገጥ እንዲችሉ የሚያስችላቸውን መረጃዎች በመመዝገብ እና በማስመዝገብ ምስክር ወረቀት መያዝ አስፈላጊ ነው ፡፡
ስለሆነም ዘመናዊ ስርዓት ባለበት ሀገር ውስጥ የወሳኝ ኩነት ምዝገባ አዲስ ለተወለደ ህፃን የማንነት የማረጋገጫ የምስክር ወረቀት ይሰጣል እንዲሁም ኩነት የተባሉ ክስተቶች ሁሉ ማስመዝገብ ቀዳሚ ተግባር ነው፡፡ ስለሆነም መንግስት ለህዝብ ይጠቅማል ብሎ ያሰበውን ተግባር ለማከናወን የመረጃ እጥረት አይኖርበትም፡፡ ይህን አይነት ስርዓት በአገራችን በመገንባት በመረጃ ላይ የተመሰረተ ክንዋኔ ለመተግበር የሁላችንም ርብርብ ይጠይቃል፡፡
15/08/2024
Galmeessi Sivilii Maali ?
Galmeessa Sivilii jechuun adeemsa taatewwan ijoon hawaasa tokko keessatti qunnaman karaa ittifufiinsa qabuun ,hunda hammataa fi dirqisiisaa ta`een galmee mootummaa irratti galmeessuun lammiileef waraqaan raga itti kennamuudha.
Akkasumas ,haala jiruu fi jireenya dhala namaa beekuuf sirna raga diriire jechuudha.
Barbaachisummaa Galmeessa Siivili
✓ Lammiileen mirga heeraa mootummaa fi seerota birootiin mirkanaa`aniif akka itti fayyadamuu danda`an taasisuuf
✓Lammiiwwan tajaajila hawaasummaa fi dinagdee karaa guutuu ta`een akka argatan taasisuuf
✓Imaammataa fi karoorri akka biyyoolessaa fi naannootti qophaa`an raga guutuu ta`een akka deeggaraman taasisuuf
✓Haala dhiyeessa raga fi kenniinsa murtii qaamota seeraa irratti rakkoolee mul`atan hambisuuf
Faayidaa Galmeessi Siviilii Mootummaaf Qabu
✓Mirgoota Namoomaa fi Seerootaan kennaman kabachiisuuf
✓Tajaajila Dhaqqabamaa fi Haqaa qabeessaa kennuufRagaa Istaatistiiksii qulqulluu,dhugaa qabeessaa fi wayitaawaa ta`e maddisiisuun qo`annoo adda addaatiif oolchuuf Bulchiinsa Gaarii mirkaneessuuf
✓Bulchiinsa Uummataa cimsuu fi fayyaa uummataa fooyyeessuuf
✓Galmoota misoomaa itti fufiinsa safaruuf
✓Misooma haqa qabeessa ta`e fiduuf
Faayidaa Galmeessi Nama Dhuunfaa fi Biyyaaf Qabu
✓ Daa`imman Maatii fi fira irraa dhalatan beekuuf
✓Mootummaa fi lammiilee giddutti qunnamtii seeraa uumuuf
✓ Maqaa argachuu ,maatii beekuu ,ragaa umrii fi lammummaa mirkaneessuuf
✓Mootummaa irraa tajaajila argachuuf Daa`imman umriin isaanii barnootaaf gahe Mana Barumsaa galchuuf
✓Miidhaa daa`imman irraa gahu ittisuuf
✓Mirga dhaaltummaa abbaa qabeenyummaa mirkaneessuuf
✓Tajaajila fayyaa guutuu ta`e daa`imman akka argatuuf
Saamicha humna daa`immanii irraa gahuu ittisuuf
✓Mirga filuu fi filatamuu fayyadamuufCarraa barnootaafi hojii argachuuf
✓Mirga gara biyyaa alaa bahuu fi biyyatti deebi`uuf hayyama gaafachuuf
✓Mirga Paaspoortii ,waraqaa eenyummaa jiraataa fi konkolaachisummaa argachuuf kan gargaaru dha
24/06/2024
Hojii galmeessa ragaalee siivilii teknoloojiitti gargaaramuun waraqaa maleessa taasisuuf hojjechaa jiraachuu Ejensiin Galmeessa Sivilii Oromiyaa beeksise
Ejensichi muuxannoo galmeessa ragaalee magaalota irratti argame gara gandoolee baadiyaa Oromiyaa 772 ol irratti hojii irra oolchuuf ogeessotaaf leenjii kennaa jira.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa qabinsa ragaalee ammayyeessuufi tajaajila lammiilee qulqulluu, si'ataafi ariitiin kennuuf tajaajiloota garaa garaa dijitaalessaa jira. Kunis, itti quufinsa lammiilee dabaluufi dhaabbilee ciccimoo ijaaruuf kan gargaarudha.
Ejensiin Galmeessa Ragaalee Oromiyaas tajaajiloota ragaalee sassàbuu waraqaarratti galmeessuun hojii isaa gaggeessaa turee jira.
Malli ragaalee waraqaarratti galmeessuu dadhabsiisaafi qulqullina kan hin qabne ta'uun ragaalee ammayyeessuuf gara teknoloojiitti ceesisaa jirraachuu Daarektarri Olaanaa Ejensii Galmeessa Siivilii Oromiyaa Obbo Tasammaa Baqqalaa himaniiru.
Galmeessa Siivilii hojiiwwan mootummaan hojjetu kanneen akka imaammata baasuu, karoora waggaa dheeraafi gabaabaa karoorsuufi qorannoowwan garaagaraa gaggeeffamu tumsuuf teknoloojiin tumsuun murteessaa ta'uus himaniiru.
Hojmaata itti fayyadamaa teknoloojichaa cimsuufi akkaataa itti fayyadamaa milkeessuun haala danda'amu irratti ogeessotaaf leenjiin kennamaa jira. Hojicha milkeessuuf Taabileetiin ragaaleen ittiin sassaabamu Godinaaleef qoodameera.
Waggoota saddeettan darbe keessa namoota miliyoona 8fi kuma 500 galmeessuun kan danda'ame ta'uu ragaan Ejensicha irraa argame ni mul'isan.
15/06/2024
Hordoftoota Amantaa Muslimaa Maraan Bagaa Kabaja Ayyaana Iid-Al Adahaa (Arafaa) Waggaa 1445ffaa Nagaan Geessan!
Ayyaanni Iid Al Adahaa waggaa 1445ffaa kan nagaa, gammachuu, Jaalalaaa fi Kan Obbolummaa isiniif haa ta'u!
Eid Mubaarak!
05/06/2024
EGSO Caamsaa 27,2016: OBN Waraqaa Ragaa Ejensii Galmeessa Siviilii Oromiyaatiif Kenne
Ejensiin Galmeessa Siviilii Oromiyaa taateewwan siviilii yeroo seeraan taa’e keessatti galmeessuufi waraqaa ragaa kennuun Kabaja mirga namoomaa, tajaajila dhaqqabamaa fi bulchiinsa gaarii mirkaneessuu, ragaa istaatiksii qulqulluu, dhugaa qabeessa fi wayitawaa maddisiisuun ka’umsa imaammata, tarsiimoo, karoora diinagdee, hawaasummaa fi siyaasaa mootummaan qopheessuu ragaa qabatamaa haala jiruu fi jireenya ummataa irratti bu’urafate hojiirra oolchaa jira.
Ejensichii karoora Bara 2016 keessatti hojiilee gurguddoo raawwachuuf karoorfate hirmaannaa fi fayyadamummaa uummataa karaa mirkaneessuu fi hanqinaa hubannoo jiru furuuf akkaataa aadaa, barsiifata fi duudhaa hawaasa giddu galeessa godhateen karaa qindoominaa fi hirmaachisaa ta’een miidiyaa OBN tti fayyadamuun odeeffannoo Ejensichaa wayitawaa fi dhaqqabamaa taasisuun karaa miidiyaa OBN tiin uummata bira akka gahu gochuu fi hubannoo hawaasaaf ittifufiinsaan hojjacha turu isaatiif OBN waraqa ragaa/galataa/ kenneefii jira.
Ejensiin Galmeessa Siviilii Oromiyaa “Oromiyaa namni kamuu beekkamtii itti argate arguudhaaf” ciminaan ni hojjeta.
30/04/2024
EGSO Ebla 22,2016: Ejensiin Galmeessa Siviilii Oromiyaa Wixinee Qophii Karoora Bara 2017 Irratti Hojjeettoota Waliin Mari’ate Jira
Hojiiwwan gurguddoo bara 2016 hojjatama turan keessatti ciminoota fi hanqinoota gurguddoo mul’atan adda baasuun ka’umsa qophii karoora bara 2017 gochuun haala karoora itti milkeessuun danda’amurratti hojjettootaa Ejensichaa waliin mari’atame jira.
Hojjettoonni marii kanarratti yaada kennaniin karoora qabame galmaan gahuuf xiyyeeffannaan hooggansa fi hojjettoota sadarkaan jiru fayyadamummaa ummataa mirkaneessuuf hojii isaa ariitii fi xiiqiidhaan hojjachuu akka qabu ibsuudhaan galma gahiinsa karoora qabameetiif qaamni hunduu xiyyeeffannaa addaatiin hojjachuu akka qaban ibsaniiru.
Dabalataanis wixinee qophii karoora qophaa’e kun bilchinaan fi hanqinoota raawwii karoora bara 2016 keessatti mul’atan kara hiikuu danda’uun fi xiyyeeffannaa addaa itti kenname hojjachuudhaaf qophaa’a ta’uu ibsaniiru.
25/04/2024
EGSO Ebla 17,2016: Hojii Galmeessa Siviilii gara Teknoloojitti caasisuuf moosaajii misoome irratti dhimmamtoota Federaala fi Naannorraa argaman waliin yeroo 2ffaaf mari'atamaa jira.
Kaayyoo sagantichaa ilaalchiisee haasaa baniinsaa kan taasisan Daarektarri Olaanaa Ejensii Galmeessa Siviilii Oromiyaa Obbo Tasammaa Baqqalaa akka ibsanitti hojiirra Oolmaa sistama misoome irratti dhimmamtoota waliin mar'ichuun yaada galtee fudhachuu fi qabsiisuuf kan qophaa'e ta'uu ibsaniiru.
Hojii galmeessa siviilii maanuwaaliin hojjatama ture kan yeroo dheeraa fudhatuu fi daddabarsa ragaa irratti hanqina kan qabu akasumas eegumsa gochuuf rakkisaa waan ta'eef, sistama misoomsuun teknoloojiitti ceesisuun barbaachisaa ta'ee waan argameef moosaajii misoomsuun barbaachisaa ta'uu ibsaniiru.
Sistama misoomeen online/ offline hojjachuun baasii maxxansa galmee kabajaa fi waraqaa ragaaf bahuu kan hir'isuu fi ragaa olkaa'ame salphaatti argachuuf faayidaa guddaa qabaachuusa dabalataanis ibsaniiru.
16/04/2024
EGSO Ebla 8, 2016 – Tajaajila Lammummaa fi Immigireeshinii Federaalaa Hordoffii fi Deegarsa Raawwii Hojii Godinootaa fi Bulchiinsa Magaalarratti Gaggeessa turan Gabaasni duub-deebii Maaneejimatii Ejensichaaf Dhiyyaatee Mariin Irratti Gaggeeffame Jira.
Saganta kana irratti gabaasni hojii hordoffii fi deeggarsaa dhiyaate ciminoota fi hanqinaalee hojii keessatti mul’atan akkasumas hojiilee fakkeenyummaa gaarii qaban addaan bahani mariif kan dhiyaatan yoo ta’uu, dhimmoonni xiyyeeffannoon itti kenname hojjatamu qaban; ragaan galmaa’e qulqullina irratti xiyyeeffachuun galmeessuu, taateewwan daanga seeraan ta’e keessatti xiyyeeffachuu galmeessu, qindoominaa hojii jiru cimsuun karaa hunda galeessa ta’een hojjachuun ragaan galmaa’e ijaarsa biyyaaf gummaachaa irraa eeggamu bahuu akka danda’u ibsame jira.
Daareektarii Olaanaa Ejensii Galmeessa Siviilii Oromiyaa obbo Tasammaa Baqqalaa saganta kanarratti argamuun haala raawwii hojii waliigalaa Ejensichaa kan ibsan yeroo ta’u, hojiilee gama qabiinsa ragaa ammayyeessuutiin hojjatame, hojiin galmeessa siviilii ajandaa hooggansa akka ta’uu, leenjiin hoggansaa fi ogeessa sadarkaan jiruu fi qooda qabaattootaaf kennamuu, miidiyaalee maxxansaa fi Elektirooniksii fayyadamuun hojiin bala’aa hojjatamu isa ibsaniiru.
Dhumarrattis fuula duraa hojii galmeessa siviilii sistamaa misoomeen galmeessuu, qindoominaa hojii cimsuu, taatee yeroo irratti xiyyeeffatame kan hojjatamu ta’u bal’inaan ibsuun garee hordoffii fi deeggarsa taasisan galateefachuun sagantaan qabame xumurame jira.
23/03/2024
Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee uffata seeraa hojjettootaa ifoomse.
OBN Bitootessa 14,2016-Uffanni seeraa kun riifoormii dhaabbatummaa Ejensiin Tajaajilaa Jiraattotaa fi Galmee Siiviilii gaggeesaa jiruun hojjettoota leenji’an, ammayyaa’anfi naamusa gaarii qaban uumuuf kan kaayyeeffate ta’uun himameera.
Uffanni seeraa guyyaa har’aa ifoome kunis hojjettoonni ejansichaa kuma 2’tti tilmaamaman kan itti tajaajilaman uffata seeraa haaraa ta’uunis himameera.
Saganticharratti haasa’aa kan taasisan Sadarkaa Kantiibaa Ittaanaatti Hojii Gaggeessituun Olaantuu Magaalaa Finfinnee Aadde Haakimaa Keeyireediin ejansichi kenniinsa tajaajilaa gara sadarkaa olaanaatti guddisuufi tajaajila hawaasaa mirkaneessuuf hojjechaa akka jiru himaniiru.
Hojjettoota ejansichaa raawwii olaanaa galmeessisaniif beekamtiin kennameera
10/03/2024
Hordoftoonni Amantaa Islaamaa Hundii Baga Ji'a Kabajamaa fi Jaalatamaa tahe Ji'a Ramadaanaatiin Nagayaan Geessan❗️
ሙስሊም ወንድሞችና እህቶች እንኳን ለተከበረዉ የረመዳን ወር በሰላም አደረሳችሁ‼️
Ramadan Kareem🕋☪️