Adem Mohammed
Namoota Imaanaa itti kenname gahuumsaa fi amanamummaan guddina biyyaa milkeessan RABBIIN nu haa taasisu!
11/02/2026
‼️
Gareen shoorarkeessituu Faannoo loohe gara magaalaa Debrataabor seenun caffaraa ture amma iyyannoo ergitoota isaanii jaarrolee sha'ebiyaa fi TPLF tti ergatanii nu dhaqqabaa jechaa jiru.
Raayyaan ittisa biyyaa miseensonni garichaa tokko akka hin baanetti gama hundaan marsee gobaa jira.
Garichi amma iyyee na dhaqabaa maaloo jechuun sha'ebiyaa fi TPLF tti xalayaa fi basaasa erganiiru.
Injifannoon raayyaa Ittisa biyyaa keenyaf!
11/02/2026
!
❤️🌴🍓🇪🇹🇪🇹🇪🇹
Mootummaan Itoophiyaa imaammata hariiroo alaa isaa qajeeltoo misooma walootiif nagaa waloo jedhuun geggeessa. Biyyoota ollaa waliin gama diinagdeetiin walitti hidhamuu, rakkoolee karaa dippilomaasiitiin furuu fi dhimmoota faayidaa waliinii irratti xiyyeeffachuu akka milkaa'ina guddaatti ilaala. Akkaataan nagaa kun imala badhaadhina uummata keenyaa ariifachiisuuf murteessaa ta'uu isaa cimsinee amanna.
Hata'u malee, deemsi dippilomaasii nagaa Itiyoophiyaa birmadummaa biyyaa dabarsee kennuu waliin gonkumaa wal hin qabatu. Mootummaan keenya humnoota faayidaa biyyaalessa keenya tuqanii fi daangaa biyya keenyaa darban yeroo kamiyyuu haala amansiisaa ta'een ittisuuf dandeettii qabaachuun isaa kan ragaa qabudha. Nagaa ogummaadhaan barbaanna; birmadummaa biyya keenyaa garuu dandeettii olaanaan ni kabachiisna.
11/02/2026
የአማራን አርሶአደር ሀብት ንብረት ያቃጠለው ጃውሳ የእጁን አግኝቷል!
ህወሓትና ሻዕቢያን ያመነ ጉም የዘገነ ነው ነገሩ!
ደብረታቦር ተንደርድሮ የገባው የሻዕብያና የህወሓት ተላላኪ ቡድን የጀግናው መከላከያ🇪🇹 ሰራዊታችን መብረቃዊ በትር መቋቋም ያቀተው ለሻዕብያና ህወሓት አስቸኳይ ድረስሉኝ ጥሪ የላከው "አንችልም" መሰሉን አሰምተናል።
የአማራን ሀብት ንብረት በማቃጠል ሕዝቡን ለመከራ እና የከፋ ስቃይ ለማጋለጥ ያሰፈሰፈው ጃውሳ የከፋ ጉዳት ሳያደርስ የእጁን አግኝቷል።
ሻዕቢያና ሕወሃት ለራሳችንም ነገሩ ከጠብቅነው በላይ ልንቋቋመው የማንችል የሰማይና የምድር ኃይሉ እያቃጠለን ይገኛል። የሻዕብያና የህወሓት ቅጥረኛ ቡድን በጥምር ኃይሉ ሙሉ ለሙሉ ተቀጥቶ ውርደት ተከናንብዋል።
ድል አንድ ለእናቱ
ሺ ለጠላቱ
ጀግናው የኢትዮጵያ መከላከያ ሰራዊታችን!
11/02/2026
Bu’aa Ashaaraa Magariisaa!
Har’a bu’aa Ashaaraa Magariisaa keenyaa ifatti arginee itti fayyadamaa jirra. Muka kaleessa dhaabne irraa firii guurree nyaachaa jirra; kunis hojii keenya bu’aa qabatamaa akka fide ragaa qabatamaadha. Fuduraa fi muduraa oomishuun nyaata maatii dabale, galii dabalataa uumeera.
Ashaaraan Magariisaa keenya lafa magariisa godhee qofa hin dhaabne; jireenya keenya fooyyesseera. Qilleensa qulqulleesse, lafa tiksee, nageenya nyaataa cimsuun bu’aa isaa har’a nutti mul’isaa jira. Dhugumaan, bu’aan Ashaaraa Magariisaa amma harka keenya keessa jira.
11/02/2026
Pireezidaantiin Koomooroos Azaalii Asumaanii Finfinnee galan
Pireezidaantiin Koomooroos Azaalii Asumaanii Yaa’ii Hoggantootaa Gamtaa Afrikaa 39rratti hirmaachuuf Finfinnee galaniiru.
Pireezidaantichi wayita buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Boolee gahan Ministirri Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa Dooktar Ergoogee Tasfaayee simataniiru.
Yaa’iin Hoggantootaa Gamtaa Afrikaa 39ffaan Sanbataa fi Dilbata dhufu gaggeeffama.
11/02/2026
Mallatoon Filannoo Paartii Badhaadhinaa Nadoo Qamadiiti.
Nadoon Qamadii:-
👉 Idaa'amuudha
👉Tokkummaadha
👉Gamtooma(Tumsa).
👉Calaqqee Itoophiyaan Biyya fakkeenya Badhaadhinaa ta'uuti.
👉Ibsituu Birmadummaa midhaan Nyaataati.
Walumaagala Nadoon Qamadii Mallattoo Badhaadhina Itoophiyaati.
11/02/2026
✅
Raayyaan Nageenyaa Itoophiyaa biyya Somaaliyaa naannolee Halganiifi Baladiwayinii keessatti qophii loltummaa isaa akka mirkaneeffatan ibsameera.
Hojiin inispeekshinii salphaa miti kan jedhan Itti Gaafatamaan Inspeekshinii Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Waajjira Deeggersaa Somaaliyaa (UNSOS) Mohaammad Diyaaloon, sadarkaan qophii loltummaa isaa sirnaan sakatta’amee murtiin itti kan kennamu ta’uu isaa kaasaniiru.
Haaluma kanaan sakatta’iinsa taasifameen loltootni Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa yeroo hundaa qophaa’oo ta’anii kan argaman ta’uu isaanii daawwannaa isaaniitiin akka mirkaneessan Mohaammad Diyaaloon himaniiru.
Itti Gaafatamaan To’annoo fi Hordoffii Kaffaltii Inspeekshinii Sektara Afurii Shaambal Taaddasaa Yimar, inispeekshiniin kun bu’uura Ergama Gamtaa Afrikaa Tasgabbii fi Deeggarsa Somaaliyaa (AUSSOM) irratti hundaa’uun qabeenya hunda irratti ji’a sadii sadiin sakatta’iinsa akka taasifamu ibsaniiru.
Kaayyoon sakatta’iinsa kanaas dirqama ergamaa gahumsaan bahachuun akka danda’amuuf, akkasumas gahumsa keessaa mirkaneessuufi biyyis galii damee kana irraa argachuu dandeessu akka argattuuf akka ta’e Shaambal Taaddasaan dubbataniiru.
Qabeenyas ta’e humni namaa kaayyoo qabameef akka ooluuf miseensotni raayyaa hunduu kaka’umsa gaariin hojjechaa akka jiran kan himan Shaambal Taaddasaan, loltootnis hojii kamiyyuu raawwachuuf sadarkaa gaarii irratti akka argaman ibsuu isaanii odeeffannoo Miidiyaan Onlaayiniin Raayyaan Ittisa Biyyaa ifoomseera.
Click here to claim your Sponsored Listing.
Location
Category
Contact the business
Website
Address
Jijiga
