Jimma Zone Communication

Directions

Jimma Zone Communication Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Jimma Zone Communication, Government Organization, Jimma.

Coordinates and delivers accurate Government information, promotes public awareness and enhances communication between the government and the communities across the zone.

''Ayyaanni saboota, sablammootaafi ummattoota Itoophiyaa 21ffaan Jimmatti kabajamu akka milkaa'uuf qindoominaan hojjetam...
09/10/2026

''Ayyaanni saboota, sablammootaafi ummattoota Itoophiyaa 21ffaan Jimmatti kabajamu akka milkaa'uuf qindoominaan hojjetamuu qaba.'' Doktar Rashaad Kamaal.
********
Qophiin Kabaja walii galaa ayyaana saboota, sablammootaafi ummattoota Itoophiyaa 21ffaa Sadaasa 29 Magaalaa Jimmaatti kabajamu ilaalchisee taasifamaa jiru hoggantoota olaanoo Godina Kibba Lixa Oromiyaa fi Magaalaa Jimmaa waliin qoratameera.

Waltajjii kanaan qophiin hanga ammaatti ayyaanichaaf qindoominaan taasifamaa jiru sadarkaan irra jiru kan qoratame yemmuu ta'u, ciminootaafi hanqinaaleen turanis addaan bahee kallattiin ittaanu kaa'ameera.

Kantiibaan Magaalaa Jimmaa Obbo Xahaa Qamar, saganticha miidhaginaan bifa naannoo keenya madaaluun qopheessuun karaa duudhaa Oromoo mul'isuun nagaafi jaalalaan xumuruuf hojiin qindoominaan hojjatamaa jiraachuu ibsanii ammas milkaa'ina olaanaaf halkaniifi guyyaa hojjachuutu nurraa eegama jedhanii, maqaa gaarii Jimmaa ijaaruu qofa osoo hin taane maqaa gaarii Naannoo Oromiyaa ijaaruuf ergama dachaa kan qabnu waan ta'eef hojii itti fufiinsa qabuufi qindaa'aa ta'e hojjachuun murteessaa ta'uu ibsaniiru.

Sadarkaa Pirezidaantii Ittaanaatti Bulchaan Godina Kibba Lixa Oromiyaa Doktar Rashaad Kamaal, guyyaan Sabaafi Sablammootaa kun Jimmatti kabajamuun carraa guddaadha jedhanii, carraa kana sirnaan fayyadamuun hojii qindaa'aa hojjannee maqaa gaarii Jimmi qabdu daran mul'isuuf carraa kanaan sochii diinagdee magaalattii sirriitti si'eessuufillee itti fayyadamuun barbaachisaa ta'uu himaniiru. Kana milkeessuuf immoo yeroo qabnu keessatti humna guutuun hojjachuutu nurraa eegama jedhan.

Pirezidaantiin Yuunivarsiitii Jimmaa Dr. Darajjee Ingidaa haala qophii gama yuunivarsitiin jiru ilaalchisuun yaada kaasaniin akka Yuunivarsitichaatti ayyaanicha milkeessuuf qophii Istaadiyeemii irraa kaasee qooda fudhattoota hunda waliin ta'uun halkaniifi guyyaa hojjataa jiraachuu himaniiru.

Xumurarrattis ciminoota hanga har'aatti argaman daran fooyyessuun galtee hojii ittaanuu taasifachuun hanqinaalee mul'atan bu'uurarraa hiikuuf miira yeroo hin qabnuutiin hojjatamuu akka qabu kallattiin kaa'amee jira.

08/10/2026
''Adeemsi gaggeessummaa milkaa'inoota argaman jabeessaa, injifannoo caalmaaf hojjechuu gaafata.'' Dr. Rashaad Kamaal.***...
08/10/2026

''Adeemsi gaggeessummaa milkaa'inoota argaman jabeessaa, injifannoo caalmaaf hojjechuu gaafata.'' Dr. Rashaad Kamaal.
********
Gaggeessummaan adeemsa injifannoowwaniifi muuxannoowwan argaman jabeessaa, raawwii caalmaa galmeessuuf kutannoon hojjechuu kan gaafatudha jedhan sadarkaa Pirezidaantii Ittaanaatti Bulchaan Godina Kibba Lixa Oromiyaa Doktar Rashaad Kamaal.

Guyyaa har'aa Hogganaa Biiroo Nagaa Oromiyaa Obbo Tijjaanii Naasiriif gaggeessaan taasifamee jira.

Obbo Tijjaanii Naasir waggoota 15 oliif sadarkaa Aanaa irraa kaasee Godinaalee fi Magaalota gara garaatti gaggeessummaa kennaa turuun sagantaa kana irratti kan ibsame yemmuu ta'u, waggoota shanan darban immoo Bulchaa Godina Jimmaa ta'uudhaan milkaa'inoota heddu galmeessuu akka danda'an ibsameera.

Sadarkaa Pirezidaantii Ittaanaatti Bulchaan Godina Kibba Lixa Oromiyaa Doktar Rashaad Kamaal, Obbo Tijjaaniin waggoota darban gaggeessummaa kennaa turaniin Godinni Jimmaa nageenyaan akka beekamtu fi jijjiiramoonni gama misoomaa heddus akka galmaahu taasisaniiru jedhanii, ammas ittigaafatamummaa dachaa sadarkaa naannootti itti kenname gahumsaan akka bahatan hawwii qabanu ibsaniiru.

Kantiibaan Magaalaa Jimmaa Obbo Xahaa Qamar, Bulchaan Godina Jimmaa duraanii Obbo Tijjaanii Naasir hoggansummaa kennaa turaniin hojiiwwan akka magaalaatti hojjetamaa turan keessatti qindoomina olaanaadhaan gama mosoomaafi nageenyaatiin jijjiiramoonni akka dhufan gochuu keessatti tumsa olaanaa taasisaa turuu himuun, gaggeessummaan nama dhaggeeffachuu, tokkummaafi wal dhageettiin kennamuu akka qabu kan irraa baratamudhas jedhan.

Hogganaan Biiroo Nagaa Oromiyaa Obbo Tijjaanii Naasir, hojiin kamiyyuu kan milkaahuu danda'u dursa nageenyi waaraan jiraachuu akka ta'e himuun, waggoota shanan darbes jijjiiramoonni hanga tokko mullatan nagaaf dursi kennamuu isaatiin ta'uu fi qindoominni hoggansaa, qaamolee nageenyaa fi ummata ballaa qooda olaanaa akka qabus dubbataniiru.

''Hojiiwwan misoomaafi nageenyaa eegalaman daran itti fufsiisuudhaan fayyadamummaa ummataa mirkaneessuuf qindoominaan ho...
07/10/2026

''Hojiiwwan misoomaafi nageenyaa eegalaman daran itti fufsiisuudhaan fayyadamummaa ummataa mirkaneessuuf qindoominaan hojjetamuu qaba'' Doktar Rashaad Kamaal.
********
Koreen hoggansa olaanaa Godina Kibba Lixa Oromiyaa raawwii hojiiwwan misoomaafi nageenyaa hanga ammaa jiran qorachuun kallattii hojii ittaanu kaa'aniiru.

Waltajjii kanaan raawwiin hojiiwwan misoomaafi nageenyaa akkasumas raawwiin hojii kenna tajaajilaafi pirojektootaa dabalatee hojiiwwan walii galaa Godinichaa sadarkaan irratti argamu kan dhiyaate yemmuu ta'u, ciminootaa fi hanqinaaleen turanis addaan bahee kallattiin ittaanu kaa'ameera.

Sadarkaa Pirezidaantii Ittaanaatti Bulchaan Godina Kibba Lixa Oromiyaa kabajamoo Doktar Rashaad Kamaal, hojiiwwan misoomaafi nageenyaa eegalaman daran itti fufsiisuudhaan fayyadamummaa ummataa mirkaneessuuf qindoominaan hojjetamuu qaba jedhan.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa kenna tajaajilaa fooyyessuu, misooma eegalame daran itti fufsiisuufi nageenya waaressuuf riifoormiiwwan gara garaa hojiirra oolchaa akka jiru kan himan Doktar Rashaad, akka Godina Kibba Lixa Oromiyaattis hojii gama kanaan jalqabame milkeessuuf xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta'uu dubbataniiru.

Hogganaan Biiroo Nagaa Oromiyaa Obbo Tijjaanii Naasir, hojiiwwan mosoomaa jalqabaman akka milkaa'aniif nageenyi waaraan jiraachuun dhimma murteessaa ta'uu himanii, hojiin olaantummaa seeraa mirkaneessuu fi alseerummaa dhabamsiisuuf hojjetamu hojii xiyyeeffannoo barbaadu akka ta'e ibsaniiru.

Biiroon Nagaa Oromiyaas, nageenyi Oromiyaa keessatti akka waara'u fi misoomni jalqabame akka milkaa'uuf qaamolee nageenyaa sadarkaan jiran mara wajjin qindoomina olaanaan kan hojjetu ta'uus Obbo Tijjaaniin himaniiru.

Sadarkaa Pirezidaantii Ittaanaatti Bulchaan Godina Kibba Lixa Oromiyaa Doktar Rashaad Kamaal walarkaa fuuchaa raawwachuu...
07/10/2026

Sadarkaa Pirezidaantii Ittaanaatti Bulchaan Godina Kibba Lixa Oromiyaa Doktar Rashaad Kamaal walarkaa fuuchaa raawwachuun hojii eegalan.
*********
Koreen hoggansa olaanaa Godina Kibba Lixa Oromiyaa guyyaa har'aa teessoo Bulchaa Godinichaa kan ta'e Magaalaa Jimmaatti argamuun walarkaa fuuchaa hojii raawwachuun ifatti hojii jalqabaniiru.

Walarkaa fuuchaan hojii kunis Hogganaa Biiroo Nagaa Oromiyaa Obbo Tijjaanii Naasir dabalatee Bulchoota Godinaalee sadan duraanii waliin kan raawwatame yemmuu ta'u, Waajjira Bulchiinsa Godinichaattis argamuun ifatti hojii jalqabaniiru.

Doktar Rashaad Kamaal Magaalaa Jimmaatti guyyaa har'aa wayita Magaalaa Jimmaa galan hoggantootaafi qaamolee hawaasaa gara garaatiin simannaan taasifameefii jira.

05/10/2026
05/10/2026
05/10/2026

" Itoophiyaan Shira diinootaa cicciruun,fedhii ishee qabatamaan ni dhugoomsiti " Dr. Abiyyi Ahimde MM.FDRI

05/10/2026

" Itoophiyaan karra galaanaatti baatuun akka argattuuf cimnee hojjenna" - MM Dooktar Abiyyi Ahimad

Address

Jimma

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Jimma Zone Communication posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share