15/10/2026
Siinqee Liizii: Misooma Industirii, Carraa Hojii fi Guddina Hunda Galeessaaf!
Dhaabbanni Siinqee Liizii misooma industirii cimsuu, oomishtummaa guddisuu fi guddina diinagdee hunda haammate dhugoomsuuf hojjechaa jira.
Dhaabbanni Siinqee Liizii maashinota hojii barbaachisoo ta’an dhiyeessuun, yaada hojii gara hojii qabatamaatti jijjiiruuf namoota dhuunfaa, dargaggootaa fi abbootii qabeenyaaf carraa bal’aa uumaa jira. Keessumaa, namoonni hojii jalqabuuf, hojii isaanii babal’isuuf ykn oomishtummaa isaanii guddisuuf fedhii qaban Siinqee Liizii akka hirkoo amanamaatti fayyadamuu danda’u.
Haaluma kanaan, Magaalaa Mattuutti, dhaabbilee dhuunfaa fi waldaalee Indaastirii Xixiqqaa fi Giddugaleessaa (IMX) irratti bobba’aniif, qindoomina Waajjira Waldaa Magaalaa Mattuu, Waldaa Aksiyoona Siinqee Liizii Oromiyaa Damee Mattuu fi Waajjira Carraa Hojii Uumuu fi Ogummaa Magaalaa Mattuu waliin leenjii hubannoo uumuu kennamee jira.
Leenjiin kun hubannoo tajaajila liizii irratti qaban cimsuun, namoonni maashinota hojii barbaachisoo ta’an argatanii hojii isaanii akka babal’ifatan, oomishtummaa isaanii akka guddisanii fi carraa hojii haaraa akka uuman dandeessisuuf gahee olaanaa qaba.
Tajaajilli Siinqee Liizii kennuu kun, carraa hojii uumuu fi dargaggoota hojii irratti bobbaasuu, oomishtummaa fi qulqullina oomishaa guddisuu, namoota kaappitaala fi wabii gahaa hin qabneef carraa hojii babal’isuu, walitti hidhamiinsa gabaa fi dandeettii daldalaa cimsuu, beekumsa, kalaqaa fi teeknooloojii babal’isuu keessatti shoora murteessaa qaba.
Walumaagalatti, Siinqeen Liizii yaada gara hojii qabatamaatti, dandeettii gara oomishtummaatti, carraa gara galii fi of danda’uuttis jijjiiruuf bu’uura cimaa ta’ee tajaajilaa jira. Tajaajilli kun guddina industirii, carraa hojii bal’aa fi badhaadhina waaraa ijaaruuf gumaacha olaanaa qaba.