Mana Murtii Ol'aanaa Magaalaa Roobee

Mana Murtii Ol'aanaa Magaalaa Roobee

Share

MMO Magaalaa Roobee
Haqaaf Haqaan Hojjanna!!!

04/06/2026

Gochaa Gara Jabinaa fi ofittummaan Abbaa Seeraa MM Aanaa Walmaraa Aaddee Warqee Fakkansaa irratti raawwatame jedhamee Hawaasni MM Mag. Roobee cimsinee kan balaaleffannuu ta'uu ibsina. Gochi fokkataa kana irraa baruumsi fudhatamee nageenyummaa naannoo hojii mirkanessuun akkuma eegamutti ta'ee, gochaan raawwatame kan hamilee nubuusu osoon hin taane kan Haqaaf, olaantummaa seeraaf akkasumas ijaarsa biyyaaf cichinee itti hojjennuu kan nukakaasudha.
Maatii fi wayyillaan hojiif jajjabina hawwina. Abbaa Seeraa Boqatanif waaqayyo Jannataan isaan haaqanisu Jenna.

Ajjeefamuu Abbaa Seeraa Mana Murtii Aanaa Walmaraa,Aadde Warqee Fakkansaa, Ilaachisee Ibsa Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa Irraa Kenname
-------------------------------------------
(Caamsaa 27,2018 MMWO, Caffee Araaraa, Finfinnee)-Guyyaa har'aa Godina Shawaa Lixaa, Mana Murtii Aanaa Walmaraatti abbaan dhimmaa falmii abbaa manaa fi haadha manaa mana murtichaa irraa qabu Abbaa Seeraa Mana Murtii Aanaa Walmaraa kan ta'an Aadde Warqee Fakkansaa akkasumas haadha manaa isaa kan turanii fi falmii qoodinsa qabeenyaa isa waliin gaggeessaa jiran Aadde Almaaz Makonninitti shugguxii dhukaasuun lubbuun isaanii akka darbu kan taasise yammuu ta'u, ofii isaattis irra deddeebiin dhukaasuun yeroo ammaa kana hospitaalatti kan argamu ta'uun mirkanaa'ee jira. Gochaan kun kan raawwatame yeroo manni murtichaa gamoo haaraa eebbisiisee gamiisaan hojii itti eegalaa jirutti yammuu ta'u, yeroo ammaa kana yakka raawwatameen wal qabatee namoonni dabalataa shakkaman to'atamanii qorannoon gaggeeffamuu eegalee jira. Gochaan suukanneessaan Abbaa Seeraa Aadde Warqee Fakkaansaa irratti raawwatame haala kamiinuu fudhatama kan hin qabnee fi hawaasa manneen murtii fi hawaasa magaalichaa laphee kan cabsedha.Dabalataanis haadha warraa isaa waggoota dheeraaf waliin jiraatanii fi wal himatanii addaan bahan dubartii ulfoo akkaataa kanaan lubbuu dabarsuun heddu kan nama gaddisiisudha. Manni Murtii Waliigalaa Oromiyaa gochaa suukanneessaa abbaa seeraa Aadde Warqee Fakkansaa irra qaqqabeen gadda itti dhagayame ibsaa, maatii fi firoottan isaaniif jajjabina hawwa.Gochaa yakka raawwatameen wal qaabatee qorannoowwan gaggeeffamuu eegalanii fi gara fuula duraati gaggeeffamanii seeraan ilaalaman adeemsaan kan ifoomsu ta'uus beeksiseera.

Photos from የአፍሪካ አመራር ልህቀት አካዳሚ African Leadership Excellence Academy's post 28/05/2026
26/05/2026

Ergaa Baga Geessanii Hordoftoota Amantaa ISLAAMAN!!MMO Mag. Roobeerraa
( Caamsaa 18/2018 Roobee)
# # # # # # # # # # # # # # # # # # # # #
Hordoftoota Amantaa ISLAAMA maraan Baga Ayyaana Eid Al Adha waggaa 1447ffaa nagaan geessan Jenna. Ayyaanichi kan waliif yaaduu, walgargaaruu fi milkii isiniif haata'u Jenna.
Ayyaana Gaarii
# # # # # # # # # # #
Kom. MMO Mag. Roobee
**************************

Photos from Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa-Supreme Court of Oromia's post 22/05/2026
09/05/2026

የፕሮግራም ጥቆማ
(ዛሬ ምሽት 3:00 ሰዓት ላይ)
------------------------
(ግንቦት 1 ቀን 2018 ኦ/ጠ/ፍ/ቤት)-የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት ከEBC ጋር በመተባበር በኦሮሚያ ፍርድ ቤቶች የዳኝነት አገልግሎት አሰጣጥን ቀልጣፋ ተደራሽና ጥራት ያለዉ እንዲሆን ለማስቻል እየተሰሩ በሚገኙ ስራዎችና እየተተገበሩ ባሉ ሪፎርሞች ዙሪያ ያዘጋጀዉ ዶክሜንተሪ ዛሬ ምሽት 3:00 ላይ በአማርኛ ቋንቋ ይተላለፋል። በመሆኑም እንድትከታተሉ እንጋብዛለን።

Want your business to be the top-listed Government Service in Robe?

Click here to claim your Sponsored Listing.

Location

Website

Address


Robe