Batu π—Άπ–ˆπ–”π–“ Youth Art Fact

Batu π—Άπ–ˆπ–”π–“ Youth Art Fact

Share

Dargaggeessa hammas πŸ’ͺgeessa!

10/11/2022

✨✨✨Anis Biyyaan Qaba✨✨✨
Anis biyyaan qabaa
Biyya biyya caaltu
Biyya too Oromiyaa
Tan uumaan badhaatuu
Handhuura aabboodhaa
Biyya gootowwanii
Biyya hayyuu qaraa
Biyya biifileewwanii
Biyya too Oromiyaa
Biyya Sirna Gadaa
Tan ittiin beekamtu mallattoon isii Odaa
Anis biyyaan qabaa
Tan ittiin dhaadahu
Biyya too Oromiyaa
Tanin jiruuf abdadhu
Biyya too badhaatuu
Magarsituu hundaa
Biyya midhaanii fi albuuda adda addaa
Baddaa fi gammoojjii
Gaarranii fi raarota
Tan hormaanni quufaa
Haadha beeyiladootaa 2x
Anis biyyaan qaba…
Haadha burqaalee fi laggeen gurguddaadhaa
Mukkeen bosona isii addunyaaf fakkiidhaa
Gosti shimbirroolee tan halluun faayamte
Bineeyyiin adda addaa bosona isii guutee 2x
Anis biyyaan qabaa…
Gannaa fi bonni isii nama gammachiisa
Aayyoo Oromiyaan hoggayyuu ameessaa
Ittiin bulmaanni isii Seera Abbaa Gadaatii
Diimookiraasiin mara ilmaan isii hammattii 2x
Anis biyyaan qabaa…
Ittiin bulmaanni isii Seera Abbaa Gadaatii
Diimookiraasiin mara ilmaan isii hammattii 2x
Anis biyyaan qaba baqataa tahullee
Roorroo alagaatiifin biyyaa deeme malee 2x
*************----------*************
Artist -Dr. Artist Ali Birra

08/11/2022

Heartfelt condolences on the passing of Ali Birra.

α‰ αŠ αˆ­α‰²αˆ΅α‰΅ አሊ α‰’αˆ« αˆ…αˆαˆα‰΅ α‹¨α‰°αˆ°αˆ›αŠ•αŠ• αŒ₯αˆα‰… αˆ€α‹˜αŠ• αŠ₯αŠ•αŒˆαˆαƒαˆˆαŠ•

β€œObboluu as jedhii takkaa dudubbannaa
Wal jibba dhiisitii, kottu wal gorfannaa.” from his song 'Maaltu Addan Nu Baase?'

23/09/2022

GS-TD=NS

Want your business to be the top-listed Government Service in Ziway?

Click here to claim your Sponsored Listing.

Location

Category

Address


BaatuοΏ½
Ziway
ZIP