Damma Hadhaa’aa

Damma Hadhaa’aa

Share

The only true worshiper is Allah!

01/01/2025

💔

Haadha❤️
♦ Baay'ee nama dinqa 😢❤️

Kirkirri lafaa Jaappaan keessatti mudate booda gareen hojjattota lubbuu bararuu mana diigame tokko keessa seenuun reeffa dubartii tokkoo argani.

Dubartiin jilbeenfattee jirti; Qaamni ishee gara fuulduraatti jilbeeffatee, harki ishee lamaan waan tokko irratti hafe jira. Manni jige dugdaa fi mataa ishee irratti kufe.

Hogganaan garee lubbuu baraarsaa kun reeffa dubartii kanaa bira ga'uuf qaawwa dhiphoo dallaa keessa jiruun harka isaa dubartii kana irra kaa'e.

Dubartiin sun lubbuun jiraachuu dandeessi jedhee abdate. Haa ta'u malee qaamni ishee qorraa fi jajjabina qaba. Kanumaan du'uun ishee hin oolu jedhee tilmaame darbee....

Inniifi gareen hafe mana dubartii sanaa ba'anii gamoo itti aanu sakatta'uuf deeman.

Garuu hogganaan garee shakkamee ammas gara mana dubartii lubbuun dabarte saaniti deebi'e.

Ammas jilbeenfatee, harka isaatiin naannoo xiqqoo reeffa jala jiru ilaalle waan tokko argate.

Hogganaan garee lubbuu baraaru akka tasaa iyye, “Daa’ima! Mucaan jira! " jedhe

Daa'imni dhiiraa ji'a 3 reeffa haadha isaa jalatti firaasha daratiin marfamee jira.

Dubartiin kun ilma ishee oolchuuf aarsaa isa dhumaa akka kaffalte ifaadha.

Yeroo manni ishee irratti jigu qaama ishee guutuu daa'ima ishee gubbaa kaa'attee lubbuu isaa olchufi ofi jalatti qabde jirti.

Hogganaan garee sanaa daa'ima sana fuudhee daa'ima sana yommuu ilaaluu mucaan sun nagaa rafaa ture.

Gareen yaalaa daa'ima kana qorachuuf ariitiin kan ba'an yoo ta'u, yeroo firaasha sana banan firaasha sana keessaa bilbila harkaa argatani.

Ergaa barreeffamaa iskiriinii mobaayilaa irratti dubbisan.

"Yoo lubbuun hafte yeroo hunda akkan si jaalladhu yaadadhu" jedha.

Imimmaantu na huudhe!
Jaalalli haati mucaa isheef qabdu akkana!!

(miidiyaa hawaasaa irraa kan argee)

30/09/2022

Haadha mu’umintootaa, Ummu Abdullaa Aa’ishaa irraa odeeffamee [r.a] ni jette: Ergamaan Rabbii [s.a.w] ni jedhan: “namni ajaja keenya kana keessatti waan isarraa hin taane itti dabale isarratti deebifama.” Bukhaariifi Muslimtu gabaasan. Gabaasa Muslim keessatti immoo “namni hojii nuti itti hin ajajin hojjate isarratti deebifama” jedha.

30/09/2022

Abuu Abdullaah Annu’umaan bin Bashiir irraa odeeffamee [r.a] ni jedhe: Ergamaa Rabbiitii [s.a.w] jedhanuun dhaga’e: “dhugumatti halaalli ifa galaadha; haraamnis ifa galaadha. Jidduu isaanii immoo wantoota wal fafakkaatoo hedduun namootaa hin beeknetu jiru. Namni wantoota wal fafakkaatoo kana dhiise dhugumatti amantii isaatiifi kabajaa isaatiifis qulqullaa’eera. Namni wantoota wal fafakkaatoo keessa seene immoo haraama keessa seeneera. Inni akka tiksee naannoo daangaa irra tiksuu kan keessa isaa (seentee) dheeduutti dhihaattuuti.

Dhaga’aa! Mootolii hundaafuu daangaatu jira. Dhaga’aa! Daangaan Rabbii immoo waan inni haraama godheedha. Dhaga’aa! Qaama keessa foon muraa wahiitu jira. Yeroo isheen tolte qaamni hunduu tole; yeroo isheen baddes qaamni hunduu bade. Dhaga’aa! Isheen qalbiidha.” Bukhaariifi Muslimtu gabaasan.

Jumaa Gaarii Qabaadha!🕌😍
Rabbiin ‘Qalbii’ Nu ha Bareechu!

22/09/2022

Abuu Abdurrahmaan Abdullaah bin Mas`uud irraa 0deeffamee [r.a] ni jedhe: Ergamaan Rabbii [s.a.w] kan dhugaa dubbataafi dhugeeffamaa ta`an nuuf odeessan: “tokkoon keessan uumamni isaa garaa haadha isaa keessatti guyyaa afurtamatti bishaan saalaa ta’ee walitti qabama. Ergasii fakkaataadhuma sanaan (guyyaa afurtamatti) dhiiga itite ta’a. Ammas ergasii fakkaataadhuma sanaan (guyyaa afurtamatti) gumaa foonii (foon hanga alalfatamuu) ta’a. Sana booda maleykaan itti ergamee lubbuu isa keessatti afuufee himoota afuritti ajajama: isaanis soorata isaa, umurii isaa, hojii isaatiifi nama salphataa yookiin milkaa’aa ta’uu barreessuudha. Rabbii isa gabbaramaan dhugaa Isa malee hin jirreen kakadhee tokkoon keessan hanga gidduu isaatiifi gidduu ishee hanga dhudhumaa malee hin hafnetti hojii warra jannataa hojjata. Galmeen isaa isa irratti dursee hojii warra ibiddaa hojjatee ishee seena. Ammas tokkoon keessan hanga gidduu isaatiifi gidduu ishee hanga dhudhumaa malee hin hafnetti hojii warra ibiddaa hojjata. Galmeen isaa isa irratti dursee hojii warra jannataa hojjatee ishee seena. Bukhaariifi Muslimtu gabaasan.

22/09/2022

Obsaan Dubisii!🙏 Dhugaan Ni Hadhaa’aa !!

IRREEECHI AYYAANA EENYUUTI? AKKAMITTI EEGALE?

Ayyaannii Irrechaa Maali?Irrecha jechuun Hikkaan Isaa gabbaruu ykn Ibaadaa godhuu jechuudha.Hikkaa Isaa kanarraa wanni hubannu Ayyaanni kun ayyaana Ibaadaa itti godhan, kan galata Rabbirraa itti barbaadan tahuu Isaati. Fagoo osoo hin deemne hikkaa Isaa qofarraa ka’uun Muslimootaaf ayyaana tahuu akka hin dandeenye beekuun ni dandahama.• IRREECHA KABAJUUN EEYSATTI? AKKAMITTI EEGALE?Ayyaanni Irrechaa Haroo Arsadii je’amu kan magaalaa Bushooftuutti argamu biratti kabajamuu jalqabe.Sababaan jalqaba Ayyaana kanaa akka himamutti Namni Arsadii Je’amu kan Gosa Oromoo Liiban akka malee rakkatee guyyaa 8 Haroo amma maqaa Isaatiin yamamu kana biratti Waaqa kadhataa jiraate. Osoo hin nyaatiin Osoo hin dhugin jiraachuun Isaatis ummata dinqisiise. Maanguddoon Gosaa waliitti qabamanii bakka san bakka Ibaadaa “Gabbartii” Ykn Waaqeefannaa akka taatu murteeysan. Akkasitti Haroonis Haroo Arsadii taatee bakkittis bakka Ibaadaa ykn Waaqeefannaa taate.Irrechi akkatti jalqabe. Arra Aadaa Oromummaa namaaf mirkaneeysu godhuuf Waaqefatoonni dhagaa hin kaafne hin qaban.•

IRRECHI AMANTII MOO MAALI?Irrechi jalqabuma hikkaa Isaarraa eegalee hanga arraatti Waaqeefattoonni Waaqa Isaan gabbaran waliin hidhaa jabeeyfachuuf, gabbaruuf, kadhachuuf, farfachuuf Irreecha godhan.Wanni kun Aadaa Osoo hin tahin amantii taheeti eegale. Warri eegales galata Waaqaa barbaada eegalan. Wanni Rabbirraa galata itti barbaadan hundi Ibaadaa je’ama.Aada jechuunis waan Ilmi namaa uumee irratti waliif gale jechuudha. Aadaan amantii tahuu dandaha. Waaqeefatummaan Aadaa fii amantiidha. Aadaa tahuun Isaa Ummataatu uume, Amantii tahuun Isaa galata Rabbirraa itti barbaaduudha.Ayyaana Waaqa itti gabbaran jennee fudhannus akkaataan Muslimni Rabbi itti gabbaruu fii itti kadhatu Tartiiba mataa Isaa qaba.

Waan Karaa Quraanaa fii Hadiisaan Ibaadaa tahee hin dhufin akkamitti daleeynee galata Rabbirraa barbaanna? Kanaaf Ayyaanni Irrechaa Ayyaana Keenyaa miti. Amantii If dandeeyse qabna!• IRRECHA AKKAMITTI KABAJAN? EENYUU KABAJA?Irrecha kan kabaju Oromoo Amantii Waaqeefataa hordofan kan naannoo Bushooftuu Jiraatan tahus booda warri Waaqeefattummaa malee Oromoon amantii biraa qabaachuu hin qabdu je’an Ayyaana kana aadaa Oromummaa fi Mallattoo Oromummaa fakkeeysanii biyya keessaa fi alatti ni kabajan.Kan biyya alaa akka itti kabajamu beeku baannus kan biyya keessaa akka itti kabajamu barreeyfamee jira.“Abbaa Qaalluu” jechuun namni yaamamu akka Imaamaa ykn gaggeeysaatti Gabbartii Waaqaaf godhan Irrecha tartiibaan ni qajeelcha.Ayyaannii Irrechaa Asaba Raggaasaa akka Ibsituu “Ayyaana Oromoo fii Waaqa Walitti hidhu kan Waaqa waan dabreef galatoomfatanii waan dhufuuf Waaqa itti kadhatan” jechuun dubbata.Ayyaanni Irreechaa Oromummaa kan mirkaneeysuu akka tahee fii kan Oromoota hundaa akka tahes Barreeysaan Asaba Raggaasaa jedhamu Barruu Isaa “Irrecha: From Thanksgiving Ritual to Strong Symbol of Oromo Identity” jechuun Ibsee jira.Akka barreeysaan kun jedhutti Ayyaanni Irrechaa Ayyaana Waaqaaf galata itti galchanii fii Malattoo Oromummaa guddoo jechuun dubbata.Irreecha namni kabaju Oromummaan Isaa shakkii hin qabuu, namni Ayyaana kana hin kabaju je’u Mallattoo Oromummaa gudditti dide jechuudha akka Isaan jedhanitti.•

IRREECHI MUSLIMAAF MAALI?Akka gubbaatti Ibsuuf yaale Jarri Ayyaana kana Kabaju Ayyaana kanarratti Waaqaaf galata galchina, Waan ful duraa Waaqni akka nuuf tolchu kadhanna, Hiidhaa Waaqaa fii nu jidduu jirtu jabeeyfanna jechuun dubbatan.Muslimni hidhaa Rabbii fii Isa jidduu jirtu jabeeysuuf Irrecha godhuu qaba moo Karaa Rabbii fii Rasuulaa s.a.w guutuu irruu hin qabne hordofuu qaba!?Amantiin Islaamaa amantii guutuudha. Kadhaa, Rabbi farfatuu fii Hidhaa Rabbii fii nu jidduu akkamitti akka tolfannu karaan Islaamaa guutuun lafa kaayee jira. Namni galata Rabbirraa barbaaduuf Ibaadaa godhu hundi karaa Rasuulaa s.a.w qunnamee jala deemuudhaan Milkaawa. Wanni sanii achii hundi jallina.Muslimaaf irrechi guyyaa ayyaanaa Osoo hin tahin guyyaa gaddaati, akkamitti yoo jetten obboleyyan keenye hedduun arrallee Rabbii fii Rasuula s.a.w jala deemuu dhiisanii karaa Rabbiin shari’aa hin godhin jala deemaa jiran. Kuni nu gaddisiisuu qaba malee nu gammachiisuu hin qabu.Kara biraatiin ifittis gadduu qabna. Osoo nuti akka gaaritti da’waa goone Sabni keenya Kumaatamaan lakkaawaman Islaamummaa dhiisanii karaa biraa hin hordofan ture. Kuni Nu sheeneeysee da’waaf nu kaasuu qaba.• AYYAANA IRREECHAA EENYUUTU OROMUMMAAN WALITTI HIDHA?Ayyaana Irrechaa Mallattoo Oromummaa warri godhu warra Oromoon Muslimaa hedduu tahuun akka malee isaan yaachistu.Isaan wanni fedhan Muslima “Aadaa tee”, “Eenyummaa tee” jechuun amantii Waaqeefattummaa tan Oromoota hundaa godhuu fedhan. Rakkoon Isaanii guddoon Oromummaa Waaqeefattummaan walitti hidhanii Muslimoota Shirkiitti deebisuudha.Ayyaana Irreechaa Ilaalchisee Warri Siyaasaa Bilisummaa Oromoo jechuun ummata haajaa Isaanii qofaaf sobaa turan Bilisummaa dhabdan Waaqeefattummaa isiniif finne jechuun itti if jijjabeeysan. Ammallee Sobaan Muslimoota Waaqeefattummaatti deebisuu fedhan.•

XUMURA Waqeefatummaan Amantii Towhiidaa tan Rabbii tokkicha itti gabbaranii miti. Amantiin Towhiidaa tan Rabbiin tokkichi itti gabbaramu karaa Nabi Ibraahim qofa sunis Islaama.Islaamni Amantiidha, aadaadha, mala jiruu fi jireenyaati. Aadaan Amantii Islaamaa falleeysitu hundi Jallinatti laalamti, malli jiruu fii jireenyaa Islaama falleeysu hundi Jallina tahuutti beekkama.Namni Mala jiruu fi jireenyaa, Aadaa, Amantii Islaamaa malee barbaadu Akhiiraatti hongawaadha. Rabbi biraa humaa hin argatu.Irrechi karaa Amantii Waaqeefataa keessatti karaa Waaqa gurraacha ittiin gabbarani. Sun ammoo Amantii Jallinaa fii Shirkiiti.Irreechi Karaa Ibaadaa Waaqa gurraacha ittiin gabbaran waan taheef Muslima hin ilaallatu.Muslimni Rabbi ummataa wajjiin kadhachuuf jum’aa qaba, Iida qaba, Hajjii qaba.Karaan Rasuulaa s.a.w nuuf gaha!Oromummaa Rabbiin irratti nu uume, Ayyaana Irrechaa kabajuu dhabuu keenyaaf namni nurraa fuudhuu dandahu ni jiraa?!

@𝐈𝐛𝐫𝐢𝐬𝐡𝐚𝐚
𝐒𝐡𝐚𝐫𝐞

19/09/2022

Obsaan Dubisii!🙏

𝐒𝐡𝐚𝐫𝐞 𝐅𝐈 𝐂𝐨𝐩𝐲 𝐆𝐨𝐝𝐡𝐮 𝐡𝐢𝐧 𝐃𝐚𝐠𝐚𝐭𝐢𝐧𝐚!

08/09/2022

Qulqullu

06/09/2022

!

Maaf wal sakalla
Maaf deemsa wal dhorkina
Rakkoon keenya cimaan kana
Waliif hin yaanne
Waliin itti yaanne malee
Dubbin keenya Badii dhale
~ ~ ~~~
Maalii maalinni dhugaansaa
Maalinni naan galle waansaa
Walii keenya wal huube
Fagaanne galma hin geenye
Xinnaanne suuqa teenye
Maaloo waliif haa saaqnu karaa
Lammii koo wal mararra
~ ~ ~~~
Cabsuuf wal gaadna hundu
Keenya dubbiif hin tolu
Miira ho'etu dhaamote
Booru miti qulqulluu
Waliif gadda farrisaa
Bari'uu walii jibbene
Jabaadhatu iddoo maqe
Kana cime na dhibe
~ ~ ~~~
Walii faluf kaanna
Baanne abjuu fafaa
Yaada tokko dhabne
Akka ilmo bofaa
~ ~ ~~~
Dhiisa waliif kaanee
Jaalala Dheerana
Jibbi bu'aa hin tolu
Yaada geeddaranna

Koota Waalif Kaanee
Jaalala Dheerana jibbii
Bu’aa hin tolu gaariitti deffaana
~ ~ ~~~

Inaaffaa obbolessa kee
Ol haa ka'u hin jibbini

Yoo guddatema wayya
Gad buusuf hin dhimmini

Qileetti gad darbachuuf
Soqxe jala hin haadini

Latee ija haa kennu
Badii itti hin yaadini
~. ~. ~~~
Maaf wal sakalla
Maaf deemsa wal dhorkina
Rakkoon keenya cimaan kana
Waliif hin yaanne
Waliin itti yaanne malee
Dubbin keenya rakkoo dhale
~ ~ ~~~
Maalii maalinni dhugaansaa
Maalinni naan galle waansaa
Walii keenya wal huube
Fagaanne galma hin geenye
Xinnaanne suuqa teenye
Maaloo waliif haa saaqnu karaa
Lammii koo wal mararra
~ ~ ~~~

Sokee Nagaan bobanee
wareeganeraa kumbii
Rafnees Boqonnaa hin
Qabuu Afaan wal-egnaa dubbii
~ ~ ~~~
Wareegama jaalalaf
facafnee hamne hin
nyaanne wal-fanaa
jorree abjuun gumaata
soba ba’anee
~ ~ ~~~
Qooda qocaaf jedhee
allattin hin nyatuu
keetu kankee ta’aa
hamamilee kaatuu
~ ~ ~~~
Garrii waliif dinnee
maaf wal-ganaa kiyyoo
lafarraatti hafnee nuun
lagattuu biyyoon
~ ~ ~~~
Tolaa waliif dinnee
maaf wal-ganaa kiyyoon
asirraatti hafnee nun
lagattuu biyyoon
~ ~ ~~~
Yoo Wal kufisuuf gammuu
yoo kan kufees dhiitamu
.. Calisuun naati cimee...
~ ~ ~~~
Yoo haminni hixaatu yoo
qajjeelan mirgaa dhabuu
.. Calisuun naati cimee.....
~ ~ ~~~
Yoo Sobni guura qabu yoo
Dhugaan Mirgaa Rakkaatu
.. Calisuun naati cimee...
~ ~ ~~~
Xinnaa Guddaan Walittii
Hamatee yommuu Wal
utubuu diduu ilmaa
namaf maal me laata
bu’aan Waal kufisuun Fiduu
~ ~ ~~~
Xinnaa Guddaan Walittii
Hamatee yommuu Wal
Guddisuu diduu Dhalaa
Namaf maal me laata
bu’aan buqisuun Fiduu

Want your business to be the top-listed Government Service in Upper Hill?

Click here to claim your Sponsored Listing.

Location

Category

Telephone

Website

Address

Kenya Nairobi
Upper Hill