ร–๐ซ๐จ๐ฆ๐จ ๐Œ๐จ๐ก๐š๐ฆ๐ฆ๐ž๐

ร–๐ซ๐จ๐ฆ๐จ ๐Œ๐จ๐ก๐š๐ฆ๐ฆ๐ž๐

Share

๐‘ญ๐‘ถ๐‘ถ๐‘ต๐‘ป๐‘ผ ๐‘ญ๐‘ถ๐‘ถ๐‘ต๐‘ฐ๐‘ฐ๐‘ญ ๐‘ซ๐‘ฏ๐‘ฐ๐‘ฐ๐‘ฎ๐‘จ

05/05/2024

Godina Arsii Aanaa Sirkaa Magaalaa xareetaa fi gandoota magalaa xareetaa jalatti argaman keessatti ajjeechaa fi dararaan seeraan alaa jabaatee itti fufee jiraachuu jiraattonni mgaalaaa xareetaa ifatti himanii jiru.

Ajjeechaafi dararaan kan raawwatamaa jiru humnoota mootummaan hidhachiisee ummatatti bobbaase tahuu ifatti himaniiruu. Kanaan durallee bifuma kana fakkaatuun bulchiinsi aanaa sirkaa humnoota fin**leyyii hidhachiisee ummata nagahaa irratti bobbaasuun isaa ni yaadatama.
Hawaasni magaalaa xareetaa fi gandoota isii jalatti argaman Ajjeechaa fi roorroo adda aaddaatiif saaxilamuu isanii irra deddeebiidhaan dubbatanii jiruu.

Guyyaa kaleessaa toora Saaโ€™atii saddeeti irraa kaasee hanga galgalaatti reebichaa fi ajjeechaan hawaasa nagahaa goolaa akka turan jiraataan magaalaa xareetaa tokko iafatti addeesseera

Haga ammaatti namoonni lubbuun darban shan(5)
Kan maqaan isaanii adda bahe keessaa isaan kanniini.


1| Muhaammad Huseen--Ganda Heellaa Xareetaa
2| Muhaammad Arabaa--Xareetaa Ganda 01
3| Ahmadaa H/Kadiir--Gallabee Amajaa
4| Umar Hadiidoo--Gallabee Amajaa
5| Sufiyaan Muhaammad-- Ganda Birboof Collee
yoo tahu Namoonni kunniin bifa siyaasaa kamirraayyuu bilasa tahuu isaanii hawaasni sirritti dubbatu. Kanumaan wol qabatee haga ammaatti haalli nageenyaa sodaachisaa tahuu isaa sirritti dubbatu hanaga ammaatti humnoonni fin**leyyii sibiila guurratanii daandii irratti bobba'anii hulaa mara cufanii jiraachuu fi hawaasni wol keessa socho'uun rakkisaa akka tahe jiraataan magaalaa xareetaa tokko ifatti addeesseera.

Kanumaan wol qabatee nomoonni reebichi hamaan irra gahe mana yaalaa jiraachii isaanii himaniiru.

Namoota lubbuun darbaniif rabbiin haa araaramu qubsuma isaanii jannatul firdoowsiin rabbiin haa taasisu. Kan miidhaan irra gahe Ammoo rabbiin haa fayyisuu. Maatii fi hawaasa magaaalaa xareetaa maraaf jajjabina hawwinaa jajjabaadhaa isiniin jenna. biyya keennaaf Ammoo nagaha hawwina rabbiinisi ni kadhanna dhiiga qulqulluu jigeef Ammoo rabbii keenna akka haqa isaanii nuuf baasu ni kadhanna iinshaa allaah dhiiyni qulqulluun jigee hin hafu turus Gaafa tokko bahuuf taa'a.
Arsii Aanaa Sirkaa Magaalaa xareetaa.

Hawwaasa keenna jajjabaadha qe'ee keessan irratti abboomaa isiniin jenna.

18/04/2024

Ka beekan hin laalan .โ€ฝ
Kanbeeyne maa yaaman .โ€ฝ
Ka jiruuf bishaan hin areertu
Raajiidha ka du'eef maaf boottu.โ€ฝ

Bareeda bobaa jalaa
Maaf bira taa'anii.โ€ฝ
Fokkuu Harka namaa
Maaf itti hinaafanii
Maaf isa kajeelanii .โ€ฝ

Hojiin ishee tokkuma
Jinniin jinnii hin loltu
Kan mataasheef hin tolle
Yoomuu ormaaf hin toltu.

Holola hin dhagahin
Atis gurra bal'istee
Haqa keetiif falmadhu
Gad hin taa'iin callistee.

Fardi biraan geessisa
Kan waraanu abbuma
Onnataaf tattaafataa
Kan gargaaru Rabbuma.

Malee miila ciranis
Maltuun garaadhaan looti
Wanbadeef wabii ta'uun
Wanbadee nama gooti..!!!

๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡

15/03/2024

Gurratu dharraa bare dhaga'uufi, qalbiitu cidheeffata. Ergaan walooma dubbii jajjaaboofi dham-qabeessaan bukaa'e sagalee kiloleedhaan dhageettin lixee onnee keessa garmaama. Imalli waggoottan 36 itti fufee gammachuu bira mana nu naquufi, lazzaa kitilli daboon argatu. Inshaa Allaah gurraafi manzuumaa 37 qar-lamee Ustaaz Raayyaa Abbaamacca jidduu sa'atii bicuu qofatu gaadiddaa'e. Galgala har'aa girdochi quncaanaan waan eegnuun walitti baana.
Inshaaโ€™a rabbunaa ๐Ÿฅฐ
Amar Temam

10/03/2024

Ji'ini Ramadaanaa kan bara kanaa 1445/2024 Mul'atee jira. In shaa allaah, guyyaan booru kan isniinaa Monday March 11th booru guyyaa soomana jalqabaati! Baga waliin ittiin nu gahe. Kan baranaa ka bara hegaree Rabbiin nu haa taasisu! Afwan lillaah.
Ramadaan Mubaarak!

24/02/2024

โ™ฅ๏ธโ™ฅ๏ธโ™ฅ๏ธโ™ฅ๏ธโ™ฅ๏ธโ™ฅ๏ธโ™ฅ๏ธโ™ฅ๏ธโ™ฅ๏ธ
Sin jaaldha haalaan
Si dhabuu hin dandahu
Wallaahi sin dhiisu
Lubbun koo haa bahuu
Lallabee iyyadhe
Namuu haa dhagahuu

Onneen too qabamtee Jaalala keetiini
Dandeettii ni qabdaa
Ati na walla'aani
Na jaaladhu atiis
Teeti murtiin tunii
Rabbii koo sin baana
Rahiim yaa rahmaanii...
โ˜๏ธโ˜๏ธโ˜๏ธโ˜๏ธโ˜๏ธโ˜๏ธโ˜๏ธ

22/08/2023
Photos from โ€ŽHamiltan TV ู‚ู†ุงุฉ ู‡ู…ู„ุชู†โ€Ž's post 13/11/2022
Want your business to be the top-listed Government Service in Ad Dam?

Click here to claim your Sponsored Listing.

Location

Address


ร–romo Mohammed
Ad Dam
OROMO