05/05/2024
Godina Arsii Aanaa Sirkaa Magaalaa xareetaa fi gandoota magalaa xareetaa jalatti argaman keessatti ajjeechaa fi dararaan seeraan alaa jabaatee itti fufee jiraachuu jiraattonni mgaalaaa xareetaa ifatti himanii jiru.
Ajjeechaafi dararaan kan raawwatamaa jiru humnoota mootummaan hidhachiisee ummatatti bobbaase tahuu ifatti himaniiruu. Kanaan durallee bifuma kana fakkaatuun bulchiinsi aanaa sirkaa humnoota fin**leyyii hidhachiisee ummata nagahaa irratti bobbaasuun isaa ni yaadatama.
Hawaasni magaalaa xareetaa fi gandoota isii jalatti argaman Ajjeechaa fi roorroo adda aaddaatiif saaxilamuu isanii irra deddeebiidhaan dubbatanii jiruu.
Guyyaa kaleessaa toora Saaโatii saddeeti irraa kaasee hanga galgalaatti reebichaa fi ajjeechaan hawaasa nagahaa goolaa akka turan jiraataan magaalaa xareetaa tokko iafatti addeesseera
Haga ammaatti namoonni lubbuun darban shan(5)
Kan maqaan isaanii adda bahe keessaa isaan kanniini.
1| Muhaammad Huseen--Ganda Heellaa Xareetaa
2| Muhaammad Arabaa--Xareetaa Ganda 01
3| Ahmadaa H/Kadiir--Gallabee Amajaa
4| Umar Hadiidoo--Gallabee Amajaa
5| Sufiyaan Muhaammad-- Ganda Birboof Collee
yoo tahu Namoonni kunniin bifa siyaasaa kamirraayyuu bilasa tahuu isaanii hawaasni sirritti dubbatu. Kanumaan wol qabatee haga ammaatti haalli nageenyaa sodaachisaa tahuu isaa sirritti dubbatu hanaga ammaatti humnoonni fin**leyyii sibiila guurratanii daandii irratti bobba'anii hulaa mara cufanii jiraachuu fi hawaasni wol keessa socho'uun rakkisaa akka tahe jiraataan magaalaa xareetaa tokko ifatti addeesseera.
Kanumaan wol qabatee nomoonni reebichi hamaan irra gahe mana yaalaa jiraachii isaanii himaniiru.
Namoota lubbuun darbaniif rabbiin haa araaramu qubsuma isaanii jannatul firdoowsiin rabbiin haa taasisu. Kan miidhaan irra gahe Ammoo rabbiin haa fayyisuu. Maatii fi hawaasa magaaalaa xareetaa maraaf jajjabina hawwinaa jajjabaadhaa isiniin jenna. biyya keennaaf Ammoo nagaha hawwina rabbiinisi ni kadhanna dhiiga qulqulluu jigeef Ammoo rabbii keenna akka haqa isaanii nuuf baasu ni kadhanna iinshaa allaah dhiiyni qulqulluun jigee hin hafu turus Gaafa tokko bahuuf taa'a.
Arsii Aanaa Sirkaa Magaalaa xareetaa.
Hawwaasa keenna jajjabaadha qe'ee keessan irratti abboomaa isiniin jenna.

18/04/2024
15/03/2024
10/03/2024
24/02/2024
13/11/2022