Oromiya biyya Koo

Oromiya biyya Koo

Share

Oromiyaan Afaan qawweetiin gabroomte Afaan qawweetin bilisoomtii

02/16/2025



Ijoollen kun Wallagga lixaa mana sibuutti guyyaa tokkotti durbaa lama bakka tokkotti dhaban.
Reeffa maatisaanii rasaasni ciccire gaggaragalchanii yaaluuf dirqaman.

Amma ijoollen tun maal haa taatu? ittiin namumayyuu jaalattu horattee guddattii?

01/12/2025

Oromoo sirna pp'n akkanatti ajjeeffamaa jira warri odoo kana arguu

burjaaja'u Mee keessaa, alaa if ilaalaa akka Sabaatti Dammaqi

Saba Oromoo qaamni dura dhaabbatu kamiyyuu Oromooti.

anaatuu si ceesisa,anaatuu siif beeka waaniin an siin jedhe jala hiriiri Saba Oromootiin jedhu Oromooti...kana jala muraa beekaa...

01/05/2025

Lolaa guyyaa kaleessaa G/W/B/A/HAROO LIMMUUmagalaa haroo limmuuti jarmiyaan urjii lolaa fi birgeediin Faanaa eebbisaa adduunyaa lolee injifannoo aja'iibaa galma'ee jira. Odeeffanno dabalataf. Arraata biyyoolessa oromiyaa hordofa.

01/05/2025



Guyyaa Hardhaa WBOn Zoonii Kibba Bahaa Cibraan Gumaa Aannolee ganda Shaashoo jedhamtu Keessatti Tikewwan Sirna Nam-tokkee Abiyoot Kaasayee Olii fi Gadi deddeebisee Tumee Reebee itti fe'amtee dhufte Daaraa Botoroo Gochuu dhaan Injifannoo addaa argatee Jira.

01/04/2025

Jabaadhu jajjabee koo jabaatu mirga ofi kabachiisaa

01/04/2025

"SAFARTUU NAMA BIRAAF SAFARTEEN SIIF SAFARAMA"

akkuma jedhan sanatti Sanyii Nagaasaa fi Buchulloonni isaa Bilxiginnaa dhaan Ganamee Jira. Guyyoota Sadan kana Murni Kaadiree Abiy Ahmed Alii fi Gareen Gantootaa Battalee faa Hooteela SkyLight'tti Marii gubbaa turan.

Akkasiin Jeneraal Birhanu Julan "Gareen Harka Kennate kuni Kallattii dhaan Bosonatti ergamee ABOWBO loluu Qaba" yoggaa jedhutti Obbo Fiqaaduu Tasammaas Itti Dabaluu dhaan Kosii Marroon Mana Isaa Keessaa Qulqulleessee Gadi nutti Dabrate Kanaa waliin Rakkachuu hin qabnu, Yoo Barbaadan Milishaa waliin Deemanii Shanee Haa lolan yoo isaaniif ta'uu dide ammoo Akka walii galte Keenyaatti Seera Danbii waliigaltichaa Diigna" jechuu dhaan Fiqaaduun Sanyiifaatti ija Babbaasee jira.

Kauma Hordofee Komaander Araarsaa Mardaasaas harka Baasuu dhaan Muudamni Ajajaa Milishaa_Oromiyaa taasisuudhaan Sanyii Nagaasaa tiif Kenname Yeroo isaa Kan Eeggate Miti" Jechuu dhaan Sanyii nagaasaa akka Saree Gabaa Seente godhanii Jiru.

Gareen Sanyii rifaatuu fi gaabbii Guddaa Keessa Jiru.

MADDA ODEEFFANNOO SIRRII irraa arganne!!
Dubiin akkaa figaa galaanii mitti gabuunis Nii Jira
Irbuun Erbee mitti liqiimsii Niqiiluu

01/03/2025
01/03/2025

Tarkaanfii Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii Giddu Galeessa Ganama kana Aanaa Yaayyaa Gullaalleetti fudhateen
I/G waajjira galiiwwanii godina shawaa kaabaa kan ta'e
kan jedhamuuf fi
Kaabinoota godinaa ammaaf eenyummaan isaanii adda hin baane
Namoota 5 Samiitti yoo ergaman
Bulcha Ganda Sadinii Biyyoo fi
H/W/Qonnaa A/Yaayyaa Gullaallee limmee waraannachuun
Bufaata Fayya Aanaa Yaayyaa Gullallee
Galaniruu!

Injifannoon kan ummata oromooti!

Jaal Gurraacha󱢸

10/25/2024



~Seenaa beekuu fi beekuuf tattaafachuudha.(yoo Seenaa hin beekne waan dhabdee fi barbaaddu hin beektu)

~Sirna cunqursaa fi saamichaa Hundeen buqqisuun sirna siyaasaa haaraa saba ofiif argamsiisuuf wareegamuudha
~Of gananii saba ofiif jiraachuudha
~Warraaqsa gaggeessan fakkaachuudha
~Ajajaa fi Ajajamaa gaarii ta'uudha
~Daangaa biyyaa, Alaabaa fi Heera biyya ofii kabajuu fi kabachiisuudha.
~Walqixxummaa fi sirna Diimokraasummaan gaggeeffamuudha
~Mirga namummaa, mirga Diimokiraasi kabajuun dhala namaaf kabajaa kennuudha.
~ ilaacha Gandummaa, Laga, gosa, amantii..fkkf irraa qulqullaa'un sadarkaa sabaa fi biyya Oromiyaatti yaaduu fi hadoodudha.


sadarkaa arman olii kana jirutu sabaa fi biyya Oromiyaatif waardiyyaa ta'a yoo akkas hin taane diina waliin biyyaa fi Dhaloota qorqaa jiraatta.

baateef hin dagatin, ati Calaqqee Warraaqsa gaggeessituuti. Saba Irbuu galteef yaadadhu, imimmaan haadha hiyyeessaa gadadoon wallaansoo walqabaa jiraattu kana hin yaadadhu, isa jabaatetu salphina fi gadantummaa jalaa saba Oromoo bilisa baasuun Oromiyaa walabaa ijaaraa.
Lamanansuufan Jette
Ekeraa Jiraa Nyaate

Injifannoon Uummata Oromoof

Want your business to be the top-listed Government Service in Manhattan?

Click here to claim your Sponsored Listing.

Location

Website

Address


Manhattan, NY