Waajjira Abbaa Alangaa Magaalaa Maayaa

Directions Website

Waajjira Abbaa Alangaa Magaalaa Maayaa Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Waajjira Abbaa Alangaa Magaalaa Maayaa, Government Organization, maya city Attorney Office, Maya.

Waajjirri Abbaa Alangaa Kaayyoolee: Heeraafi Sirna Heeraa Kabajuufi Kabachiisuuf; Ol'aantummaa Seeraa Mirkaneesuu; Seera Yakkaa Kabachiisuufi Dantaa Hariiroo Hawaasaa Mootummaafi Ummataa Kabachiisuuf Seeraan Hundeeffame Waan Ta'eef Haqaan Haqaaf Hojjata.

13/11/2026
Waajjirri Abbaa Alangaa Magaalaa Maayaa  Hojiilee Ji'a onkololeessa 2019 Raawwataman qorateera.=========================...
13/11/2026

Waajjirri Abbaa Alangaa Magaalaa Maayaa Hojiilee Ji'a onkololeessa 2019 Raawwataman qorateera.
====================================
Sadaasa 04, 2019 WAAMM -Maayaa
Waajjirri Abbaa Alangaa Magaalaa Maayaa gaafa 4-03-2018 Raawwii Hojiilee Ji'a onkololeessa Bara 2019 keessa Waajjiraalee Abbaa Alangaa Magaalaa Maayaatiin galmaa'an irratti mari'ateera.

Haala kanaan, ciminaaleen jiran akka ittifufaniifi hanqinaaleen mula'atan immoo qorannoo gabaasa hojii kanaan adda baafaman akka sirreeffamaniif mariin gadifageenyaan hoggantoota Waajjiraalee Abbaa Alangaa Kutaalee Magaalichaa Fi adeemsaalee sadarkaa Magaalaa jiraniin hojiilee gabaafaman adda addatti dhiyaachuun xiinxalamuudhaan kallattii waliigalaa fuulduraa bakka bu'aa hogganaa Waajjirichaafi Abbaa Adeemsa Dhimmoota Hariiroo Hawaasaa kabajamoo Obbo Siyyuum Birhaanuutiin kaa'amuun waltajjiin xumurameera.

Haqaan Haqaaf Hojjanna
WAAMM -Maayaa

Murtii_Barsiisoo_Dhimmoota_Hariiroo_Hawaasaa_Danta_Ummataafi_Mootummaa_Waajjira_Abbaa_Alangaa_Magaalaa_MaayaaSadaasa 03,...
12/11/2026

Murtii_Barsiisoo_Dhimmoota_Hariiroo_Hawaasaa_Danta_Ummataafi_Mootummaa_Waajjira_Abbaa_Alangaa_Magaalaa_Maayaa

Sadaasa 03, 2019 WAAMM-Maayaa
Dhimmoota hariiroo hawaasaa dantaa ummataafi mootummaa kabajuufi kabachiisuun ergama Waajjira Abbaa Alangaatiif kenname keessaa tokko ta’uun beekkamaadha.

Haaluma Kanaan, Waajjirri Abbaa Alangaa Magaalaa Maayaatti, Waajjirri Abbaa Alangaa Kutaa Magaalaa Addeellee falmii qabiyyee lafaa hektaara 12.7 ta’u kan Kutaa Magaalaa Addeellee, Ganda Addeellee, Wiirtuu Haroo Adii keessatti argamtu kan daangaan bahaan lafa raaree, dhihaan lafa dhuunfaa, kaabaafi kibbaan lafa mootummaatiin daangeffamtu irratti Mana qopheessaa Kutaa magaalaa Addeellee bakka bu’uun himatamaa (Abaadir Jiraa’il Aliyyoo) jedhamurratti himannaa banuun Mana Murtii Kutaa Magaalaa Addeelleetti falmii gaggeeffamaa turee jira.

Manni Murtii Kutaa Magaalaa Addeellee falmii qabiyyee lafaa kana ragaalee namaafi barruu kanneen bitaafi mirgarraa dhiyaatan seera rogummaa qabu waliin xiinxaluun himatamaan lafa mootummaa seeraan ala qabate himataaf (Mana qopheessaa Kutaa magaalaa Addeellee)-tiif akka gadi lakkisu jechuun galmee lakkoofsa 03064 taateefi dhaddacha gaafa guyyaa 19/02/2019 ooleen murtii kennee jira.
Haqaaf Haqaan Hojjanna!
WAAMM-Maayaa

Dhimma Federaalizimii Ilaalchisee mata duree "Itoophiyaa Qaroomteefi Danoomaan Faayamte" Dhaadannoo Jedhuun Marii Paanaa...
12/11/2026

Dhimma Federaalizimii Ilaalchisee mata duree "Itoophiyaa Qaroomteefi Danoomaan Faayamte" Dhaadannoo Jedhuun Marii Paanaalii Taasifameera, Hubannoo Seeraa Kennameera.
---------------------------------------------------------------------------
Guyyaa saboota, Sablammootaafi Ummattoota Itoophiyaa Marsaa 21ffaa Sadaasa 25/2019 irraa eegalee mata duree "𝐈𝐭𝐨𝐨𝐩𝐡𝐢𝐲𝐚𝐚 𝐐𝐚𝐫𝐨𝐨𝐦𝐭𝐞 𝐃a𝐧𝐨𝐨𝐦𝐚𝐚𝐧 𝐅𝐚𝐚𝐲𝐚𝐦𝐭𝐞, 𝐌𝐚𝐫𝐢𝐢𝐧 𝐖𝐚𝐚𝐫𝐨𝐦𝐭𝐞!" jedhuun ni kabajama.

Kana sababeeffachuun Leenjiin mata duree" Bulchiinsa Sabdaneessaafi Walitti Dhufeenya Mootummootaa Ijaarsa Sirna Federaalawaa Cimaaf!" jedhuun Qamoolee Hawaasa Magaalaa Maayaaf kenname

Af_Yaa'iin Mana Marii Magaalaa Maayaa Kabajamoo Obbo Mohammad Saafii Bakar Itoophiyaan biyya sabdaneettii afaan, aadaafi amanataa garaa garaan badhaatedha. Biyyi guddoon Saboota, Sablammootaafi Ummattoota hedduu qabdu kun carrawwan sirna federaalawaafi walitti dhufeenya Mootummootaa cimaa ijaaruun bu'uura tokkummaa biyyaalessaa kan ijaaruudha jedhaniiran.

Waajjira Abbaa Alaangaa Magaalaa Maayaatti Abbaan Adeemsa Hariiroo Hawaasa Kabajamoo Obbo Suyyuum Birhaanuu Sabdaneessummaafi sirna federaalaa dhugaa qabatamaan Heeraafi seerotaan deeggaramee kan mul'atu waan ta'eef hirmaachisummaa ummataa daballee demokraasii guddisuun tokkumman biyyaa ijaaruun lammiilee irraa eegama jechuun leenjii hubannoo seeraa kennuun Seera kabajnee Haa kabachiifnu jechuun dhaamaniiru.
Haqaan Haqaaf Hojjanna
Waajjira Abbaa Alangaa Magaalaa Maayaa

12/11/2026
Waajjira Abbaa Alangaa Magaalaa Maayaa Waajjira Abbaa Alangaa Kutaa Magaalaa Haramaayaa
11/11/2026

Waajjira Abbaa Alangaa Magaalaa Maayaa
Waajjira Abbaa Alangaa Kutaa Magaalaa Haramaayaa

Waajjira Abbaa Alangaa Magaalaa Maayaa Abbaa Alangaa Magaalaa Aawwadaay
10/11/2026

Waajjira Abbaa Alangaa Magaalaa Maayaa
Abbaa Alangaa Magaalaa Aawwadaay

09/11/2026

Address

Maya City Attorney Office
Maya
7053

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Waajjira Abbaa Alangaa Magaalaa Maayaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share


Other Government Organizations in Maya

Show All