15/10/2026
Namni atti yaadduuf garu siif ni yaadayi?
Yeroo namaaf yaaddee dhiphattu, ati nama gaarii ta'uu kee ofitti himta. garuu yeroo tokko tokko, wanti ati jaalalaan gootu sun nama biraaf hiika qabaachuu dhiisuu danda'a.
Kanaaf, namaaf yaaddee dhiphachuu kee dura, uttu ofiikeef yaaddee, ofiikeef dhiphattee, jireenya kee fooyyessuuf utuu carraaqxee caalaatti siif wayya ture.
Sababni isaas, ati namaaf waan gaarii yaaduu dandeessa, garuu namni hundi yaada gaarii atti qabdu hubachuu ykn gatii isaa beekuu hin danda'u.
Namaaf yaaduun gaarii dha, garuu of dagachuun sirrii miti.
Namaaf jaalala qabaadhu, garuu ofii kees jaalladhu.
Dhugaan isaa kana dha: Namaaf yaaduu kee hin dhiisin, garuu namaaf yaaddee ofii kee hin dagatin. Jireenya kee, gammachuu kee fi nagaa sammuu keetiifis gatii kenni.
garuu dhugaaf jirachuu fi namaaf gaarii yaadduun ijaa nama guchisaa Waaqayyon biratti.
Kan nama immoo namaafin dhiisaa?