05/06/2026
๐๐๐ข๐๐ฉ๐๐ข๐๐๐ฃ ๐ฝ๐๐ฆ๐๐ก๐ฉ๐ค๐ค๐ฉ๐๐ ๐ฟ๐ช๐ช๐ก๐ ๐ผ๐จ๐๐๐๐ง๐๐ ๐๐๐๐๐ง๐๐๐จ๐๐๐ฃ ๐๐๐๐๐๐๐ข๐๐ฃ ๐ข๐๐ฃ๐๐๐๐จ๐๐ ๐ฝ๐๐๐จ๐๐ ๐๐ช๐๐๐๐จ๐ ๐๐ ๐ ๐ช๐ฃ๐ช๐ฃ๐จ๐๐ ๐๐๐๐ ๐ฉ๐ช๐ง๐๐ ๐๐ ๐ฝ๐๐๐จ๐๐ ๐๐๐ฆ๐๐ก๐ฉ๐ช๐ช ๐ ๐๐ฃ๐ ๐๐๐๐๐๐จ๐๐ฃ๐๐ ๐๐๐๐๐๐ช๐ช ๐๐ ๐ ๐ช๐ฃ๐ช๐ช๐ฃ๐จ๐ช๐ช๐ ๐๐๐ง๐๐๐๐๐๐๐จ๐ช๐ช ๐๐๐๐๐ก๐๐ฉ๐ ๐ฝ๐๐๐ฃ๐ฎ๐๐ ๐๐๐ก๐ก๐๐ฆ๐๐ ๐๐๐ง๐จ๐๐๐ ๐๐๐,๐๐๐ ๐๐ ๐ ๐ ๐ ๐๐๐๐๐ก๐ช ๐๐๐๐๐ช๐ช๐ฃ ๐๐ช๐ง๐ฉ๐๐'๐๐ ๐๐๐ง๐
~~~~~~~//~~~~~~~
~~~~~~~//~~~~~~~
Waajjirri Abbaa Alangaa Aanaa Dadar Hojiilee gama Dantaa Ummataa fi Mootummaa Kabachisiisuun hojjacha jiruun Aanaa Dadar bulchinsa Ganda Qabsoo Tokkummaa jedhamu keessatti Himatamaan maqaan isaa Iliyaas Abdii jedhamu Biqiltootaa Duula Ashaaraa MagariisaWaajjira Abbaa Alangaa Aanaa Dadar ala mancaasee turee beenyaa kaffalchiisuuf A/Alangaa Himannaa Hariiroo hawaasaa hundeessee Mana Murtii Aanaa Dadaritti dhiheessuun falmii Gaggeessaa erga tureen booda Manni Murtii Aanaa DWaajjira Abbaa Alangaa Aanaa Dadar018 ooleen Himatamaan Beenyaa Biqiltootaa mancaasee, Baasii guddisa fi kununsaa Hanga guyyaa biqiltuun kun manca'uuti bahe turee fi shallagii gatii biqiltoota kun yeroo guddatani (OomishaaWaajjira Abbaa Alangaa Aanaa Dadarnii dabalatee Baasii biqiltuu kana deebisanii dhaabuu fi kunuunsuuf barbachiisuu dabalate Beenyaa Mallaqaa Qarshii 285,000 akka kaffaluu jechuun Murtaa'ee jira.
Haqaaf Haqaan Hojjanna!
Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Dadar
Dadar
Caamsa 28, 2018
05/06/2026
Tola Ooluun xiqqoo hin qabdu jabaadha Warri Aanaa Baddannoo!
03/06/2026
Akeekkachiisa!
Akkaawuntiin WhatsApp Itti gaafatamaa Waajjira Abbaa Alangaa Godina Harargee Bahaa kabajamoo Obbo Asladdiin Ahmadnuur yeroo ammaa nama birootiin 'hack' tahee tahee jira.Ergaawwan adda addaa gara keessaatiin hiriyoota WhatsApp irratti ergamaa kan jiruudha. Rakkoo uumame kana hubachuun namoonni ergaan kun isin dhaqqabe deebii akka hin kennineefi akkaauntii isinitti ergamurratti maallaqa akka irratti hin ergine isiniin jenna.Ergaan kun nama hedduu akka gahu share nuuf godhaa. Galatoomaa
29/05/2026
Biyyi keenya yeroo ammaa filannoo biyyooleessaa marsaa 7ffaaf caamsaa 24,2018 gaggeessuuf qophii irra akka jirtu ni beekkama.Filannoo marsaa kanaa milkaaโinaan akka xumuramu taasisuuf olaantummaa seeraa kabajuun barbaachisaadha.Olaantummaa seeraa mirkaneessuun filannoon adeemsa nagayaa fi seera qabeessa taheen akka raawwatamu taasisuuf namni hundinuu gahee isaa akka bahu jechuun barreeffama hubannaa dhimmoota seera filannoo irratti qophaaโe kana akka dubbiftan isin afeerra.
๐๐๐๐๐๐๐๐๐๐
Gochoota Yeroo filannoo fi Filannoon booda Raawwachuun Yakkaan nama gaafachiisu
๏ถ Walgahii filannoo fi adeemsa filannoo jeequu fi gufuu itti taโuu. (SY. Kwt. 466)
๏ถ Mirga filachuu ykn sagalee kennuu dhibuu/tuquu (Sy. Kwt. 467)
๏ถ Filannoon walqabatee kennaa seeran alaa/Mattaโaa kennuu (Sy. Kwt. 668)
๏ถ Gochaa/hojiimaata seeraan alaa rawwachuu (SY. Kwt. 469)
๏ถ Sagalee kennuun walqabate gochaa waliin dhahaa raawwachuu (SY. Kwt. 471)
๏ถ Egumsa Eccitii kenniinsa sagalee cabsuu (Sy. Kwt. 473)
๏ถ Waraqaalee kenniinsa sagalee fi Saanduqa filannoo fudhachuu fi balleessuu (Sy. 474)
๏ถ Gochoota guyyaa filannoo dhoorkaman (1162/11 kwt. 157/2/)
๏ Gochoota sirna kenniinsa sagaleetiin ala taโan raawwachuu, fkf sagaleen osoo kennamu sochii duula na filadhaa gaggeessuu,
๏ Buโaawwan filannoo yeroo fi haala dhoorkamaa taโeen maxxansuu, baayโisuu fi gochaa seeran alaa kanaan fakkaatan kan biroo raawwachuu,
๏ถ Iccitii kenniinsa sagalee cabsuu (lab. 1162/11 kwt. 157(3,C))
๏ถ Dhoorkalee kenniinsa sagalee meeshaalee filannootiin walqatan cabsuu (lab. 1162/11 kwt. 157(3,D))
๏ถ Mattaโaa kennuudhaan ykn waadaa galuudhaan al-loogummaa/bilisummaa Boordichaa ykn raachiiftota filannoo irratti gufuu taโuuf yaaluu (lab.1162/11 Kwt. 157(3,E))
๏ถ Gochaa seera alaa Mirga filachuu fi falatamuu dhiibu raawwachuu, (Sy. 467)
๏ Humnaan dirqisiisuu
๏ Aangoon seeran ala fayyadamuu
๏ Gochaa waliin dhahuu raawwachuu fi kkf
๏ถ Gochoota filannoo seeran alaa (sy. Kwt. 471
๏ Galmee filatamtootaa balleessuu fi waliin dhahuu,
๏ Waraqaalee filanno faayidaarra oole balleessuu,
๏ Iccitummaa sagalee cabsuu.
๏ Irra deeddeebiโee/yeroo hedduu sagalee kennuu, saanduqa sagaleetti naqauu, saanduqa sagalee keessaa baasuu
๏ Eenyummaa nama biraatiin fayyadamuun sagalee kennuu,
๏ Maqaa nama hin hayyamamneefiin sagalee kennuu,
๏ถ Itti gaafatamummaa dagachuu,
๏ถ Meeshaalee filannoo iccitiin eegamuu qaban dhoksuu, jijjiiruu ykn balleessuu
๏ถ Sanadoota filannoo waliin dhahuu/burjaajessuu, baayโisuu, sanada walfakakatuun tamsaasuu, (lab. Lak. 1162/11 kw. 157 (1),
๏ถ Buโaalee filannoo yeroo dhoorkame keessatti maxxansuu ykn baayโisuu, (lab. Lak. 1162/11 kwt. 157(2)
๏ถ Al-loogummaa/Bilisummaa boordichaa jeequuf yaaluu ykn buโaa filannichaa irratti dhibbaa fiduuf yaaduudhaan odeeffannoo sobaa tamsaasuu, (labsicha kwt. 157(3)
๏ถ Hojjattoonni Boordichaa itti gaafatamummaa isaanii akka hin baane danquu/guufuu itti taโuu, (labsicha kwt. 157(4,A)
๏ถ Gochaawwan walii dhahuu kan akka:-
๏ถ Buโaalee filannoo burjaajessuu,
๏ถ Buโaa filannoo haala dogoggorsaa taโeen lakkaahuu,
๏ถ Buโaa filannoo dhoksuu
๏ถ Waraqaalee fi saanduqa filannoo mancaasuu, balleessuu fi raawwachiiftota filannoo irratti gochaa humnaa raawwachuu (Sy. 471)
Nageenya Buufataalee Filannoo
๏ฑ Labsii lakk.1162/2011 kwt.48 jalatti akka ibsametti:
๏ถ Buufataaleen Filannoo osoo sagalee kennuun hin gahin dura eegumsi barbaachisaa taโe taasifameefii haala nageenyi isaanii eegamee qophaaโuu qaba
๏ถ Raawwachiiftota Filannoo,Paartilee Siyaasaa,bakka buโoota dorgomaa/kaadhimamaa dhuunfaa,miseensa koree komii dhagahuu fi taajjabdoota filannoo hayyamameefiin ala namoonni filattoota hin taanee fi namoonni sagalee kennanii jiran naannoo buufata filannoo keessatti argamuu hin qabanu
๏ถ Namni kamiyyuu buufata filannoo irraa daangaa meetira 500 keessatti miira machiitiin,meeshaa waraanaa qabachuun ykn haala nageenya booressu kamiinuu argamuu hin qabu.
๏ถ Haala kanaan nama argame hogganaan buufata filannootiin deeggarsi qaama nageenyaa gaafatamuun tarkaanfiin barbaahisaa taโe kan fudhatamu taโa;
๏ถ Dhorkaan meeshaa qabatanii argamuu olitti ibsame kun qaama nageenyaa kaampii keessatti argamu daangaa buufata filannoo irraa meetira 200 taโe irratti raawwatiinsa ni qaba,
๏ถ Nama hayyamameefiin ala nama buufata filannoo seenuuf jedhu ykn nama kamuu sochii filannoo jeequuf yaale hogganaan buufata filannoo akka inni bahu ajajuu dandaโa.
๏ถ Namni sunis kan ajajicha hin kabajne yoo taโe humna poolisii yaamuun akka bahu taasisa. Humni Poolisaa sababa ibsame kanaan buufata filannoo seenes akkuma dirqama isaa kana raawwateen buufata filannoo keessaa bahuun bakka ramaddii isaa kan deemuu qabu taโa;
๏ถ Qaamni Nageenya Filannoo kabachiisu guyyaa Filannoon geggeeffamu Saโatii akka argamaniif karaa boordiitiin adda bahetti Buufata Filannootti argamuu qabu(Qaj. Kenniinsa sagalee fi ibsa buโaa filannoo lakk.14/2013 kwt.17(1))
Akkuma kenniinsi sagalee xumurameen qaamni nageenya buufata filannochaa kabachiisu seensa balbalaa irra turuun eegumsa ni taasisu
๏ถ Akkuma Qajeelfama olittii kwt.14 jalatti tumamee jiru- Hogganaan Buufata filannoo Kenniinsa sagaleef guyyaa sadii dura raawwachiiftota filannootiin buufanni filannoo bakki sagaleen itti kennamuu nageenyi isaanii eegame qophaaโuu taasisuu kan qaban taโee,
๏ถ Miseensi poolisii nageenya kabachiisuuf achitti argamus bakka itti ramadan turuudhaan nageenya kan kabachiisanu yoo taโu gara buufata filannootti kan seenaniis yaamichi hogganaa BF tiin yoo taasifmeef qofa dha.
๏ถ Nageenyi Buufata Filannoo akka kabajamu taasisuun aangoo tokkoon tokkoon hoggantoota buufata filannoo taโuun hubatamuu qaba.
๏ถ Erga adeemsi filannoo seeraan teechifame buufata filannoo irraa raawwateen booda yommuu meeshaan gara naannoo filannootti geeffamu qaamni nageenyaa eegumsa Cimaa taasisuun geessuu qaba.
๏ถ Sababa humnaa oliitiin galmeen filattootaa yeroof adda cituus taโe deebiโee itti fufuuf qaamonni buufata filannoo osoo hin murteessin dura hogganaa ykn miseensa qaama nageenyaa ykn poolisii ramadame waliin marii taasisuu qabu;(Qaj lakk.6/2013)
๏ถ Buufata filannoo keessattis taโe naannoo sanatti nama yakka raawwatu qabatamaan yommuu adda baafatan ykn hawaasa irraa heeruun isaan qaqqabe nama shakkame tooโachuun qaama ilaallatuuf dabarsuu;
๏ถ Qaamolee filannoo raawwachiisuuf eegumsa barbaachisu taasisuu
๏ถ Akka qaama mootummaa tokkootti dirqamni qaamni nageenyaa qabu akka jirutti taโee nageenya filannoo kabachiisuun hojii qaama nageenyaa taโuu isaatiin labsii lakk.1162/2011 kwt.48(6) jalatti xiyyeeffannoo kennuun akka tumametti:
๏ถ Hogganaa Buufata Filannoo ykn Naannoo Filannootiin nageenya filannoo akka kabachiisuuf miseensi poolisii/nageenyaa kamuu gaafatame buโura labsii hundeeffama boordii kwt.27 keessatti taaโeetiin deeggarsa gochuu, deebii hatattamaa kennuu fi ajaja kennameef fudhatee raawwachiisuuf dirqama akka qabu tumamee jira.
๏ถ Buโura kanaanis, deeggarsa barbaachisaa gochuu dhabuudhaan adeemsi filannoo akka gufatu namni taasise kamuu buโura seeraan tumameetiin yakkaan itti kan gaafatamu taโuu isaas kwt xiqqaa 2 jalatti tumamee jira.