Koominikeeshinii Bulchiinsa Aanaa Soofii

Koominikeeshinii Bulchiinsa Aanaa Soofii

Share

Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Koominikeeshinii Bulchiinsa Aanaa Soofii, Government Organization, Harar.

Photos from Koominikeeshinii Bulchiinsa Aanaa Soofii's post 28/05/2026

Waajjira Barnoota Aanaa Soofii Leenjii Dubbisa Barattoota Kuta 1hanga 4 irratti Deeggarsa Maallaqa Pirojektii HCO tiin Barsiisotaf Leenjin kenname.
*******************
Caamsaa 18/2018 waajjirri barnootaa Aanaa Soofii Dubbisa Barattoota kutaa tokkoo hanga Afuri irratti Deeggarsa Maallaqa Pirojektii HCO/human Capital operation tiin Barsiisoata Mana barumsaa irra walitti waamamaniif leenjiin kennamee jira.

leenjii kanaas kan banan hogganaa waajjira barnootaa Aanaa Soofii obbo Mohamad Abas akka dubbatanitti joolleen amma barsiisaa jirru kan boru hegeree biyya kanaatif , Dagaagina biyyaatif murteeysaa waan tahaniif akkuma obboleeyyan fi Ilmaan keenyaatti hubannee bu,uura kana aarsaa barbaachisu irratti kafallee barsiisuun dirqama gama keenyaa bahu qabna jechuun ergaa dabarsaniit jiran.

leenjifamtoonnis akkuma leenjirraa hubannoo argataniin hubannoo kana gara hojiitti geeddarudhaan akka lammii barnootaan badhaate akka oomishnu ni hojjanna jechudhaan xumurani jiran.

Photos from Koominikeeshinii Bulchiinsa Aanaa Soofii's post 28/05/2026

Bulchiinsa Aanaa Soofiitti Waltajjiin Marii Nageenyaa Qindoomina Aanaalee Ollaa Cimsuu Irratti Xiyyeeffate Geggeeffame.
*********************
Caamsaa 20,2018;-Qindeessummaa Waajjira Bulchiinsa fi Nageenya Aanaa Soofiitiin Waltajjiin Marii Nageenyaa Tokkummaa, Obboluummaa fi Nageenya Aanaalee Godina Harargee Bahaa, Magaalaa Maayaa fi Aanota Naannoo Hararii Cimsu guyyaa har'aa Aanaa Soofiitti Geggeeffamee jira.

Maricha irratti Ummanni Aanota keenyaa ummata seenaan teessuma lafaatiin jiruu fi jireenyi ummataa tokko ta'eef wal fakkaatuu fi waliin jiraatu ta'uun ibsamuun, yeroo ammaatti Hariiroo fi walitti dhufeenyi Aanotaa dhimma Nageenyaa irratti qaban hanga sadarkaa gandaatti cimuuf hawaasa sodaa fi yaaddoo nageenyaa tokko malee Wal keessa bobba'ee nageenyi isaa eegame fi misoomni isaa guddate gochuudhaaf Mariin qindoomina Aanota ollaa walitti fide kun barbaachisummaa qabaachuun ibsameera

Marii kana irratti kan hirmaata Godina Harargee Bahaa Aanaa Fadis, Aanaa baabbile, Aanaa Kombolchaa fi Maayaa City fi Aanota Naannoo Harari Aanaa Soofii, Aanaa Erer, Aanaa Dirree xayyaaraa, Amiir Nuur, Jiineellaa, Haakim , Aanaa Abaadir yeroo ta'u Hooggansa Nageenyaa fi Siyaasaa Aanaalee, Hooggansa Poolisii Aanalee akkasumaas hoggansi Araddoota Ollaas hirmaatanii jiru

walitti hidhamiinsa hooggansa siyaasaa fi nageenya Aanotaa daran cimuu akka qabu marii irratti kaafamuun mariin Qindoominaan gaggeeffame milkiin goolabamee jira.

Photos from Visit Harar's post 26/05/2026
Photos from Koominikeeshinii Bulchiinsa Aanaa Soofii's post 25/05/2026

ታዋቂው የማህበራዊ ሚዲያ ተፅእኖ ፈጣሪ ዲላን ፔጅ ሀረር ከተማ ገባ።

ታዋቂው የማህበራዊ ሚዲያ ተፅእኖ ፈጣሪ ዲላን ፔጅ የተለያዩ የመስህብ ስፍራዎችን ለመጎብኘት ሀረር ከተማ ገብቷል።

የሀረሪ ክልል የመንግስት ኮሙዩኒኬሽን ጉዳዮች ጽ/ቤት ኃላፊ አቶ ሔኖክ ሙሉነህ እና በሌሎች ከፍተኛ አመራሮችም በድሬዳዋ አለም አቀፍ አየር ማረፊያ ተገኝተው አቀባበል አድርገውለታል።

ከዓለም ታዋቂ የማህበራዊ ሚዲያ ተፅእኖ ፈጣሪዎች መካከል አንዱ የሆነው እንግሊዛዊው ዲላን ፔጅ በሀረር በሚኖረው ጉብኝትም በሀረር ኢኮ ፓርክ የጅብ ትርዒት ከመታደም በተጨማሪ የተለያዩ የቱሪዝም መዳረሻ ስፍራዎችን ተዘዋውሮ ይጎበኛል ተብሎ ይጠበቃል።

ከዲላን ፔጅ በተጨማሪ የሀገራችን የማህበራዊ ሚዲያ ተፅዕኖ ፈጣሪዎች ተገኝተዋል።

Photos from Koominikeeshinii Bulchiinsa Aanaa Soofii's post 25/05/2026

Bulchiinsa Aanaa Soofii Waajjirri Paartii Badhaadhinaa Aanichaa fi Akka Naannoo Harariitti Hiriira Duula Na Filadhaa Paartii Badhaadhinaa Guyyaa Xumuraa Gaggeeysaa oolan.

Caamsaa17/9/2018 Bulchiinsa Aanaa Soofii
waajjira paartii badhaadhinaa Aanaa Soofii Duula na filadhaa paartii badhaadhinaa Naannoo Harariitti guyyaa arraa Hiriira deeggarsaa gaggeeffame irratti miseensa Keenya akka Aanaa Soofiitti Duraa fii Booda bu,uun Araddoota Torban irraa walitti dhufudhaan Hoggatoonni Aanichaa Bulchaa Aanaa Soofii Kab obbo Abdi Awwalin hangafee isaan hundinuu Miseensa paartichaa waliin gaggeeysaat jiran. Hiriirri deeggarsaa kuniis Istaadiyamii Imaam Ahmaditti akka Naannotti Gaggeeysaa Oolan.

hiriira deeggarsaa kanaas qindeeysudhaan joggantoonni Aanichaa fi Araddaas Tokkummaadhaan dhaadannoo Itoophiyaa Gara Biyya Fakkeenyummaatti! jedhuun gaggeeyfameet jira.
Badhaadhina Filadhaa!
Mallattoon paartiivKeenyaa Nadoo/Bissii/ Qamadiiti!

Photos from Koominikeeshinii Bulchiinsa Aanaa Soofii's post 25/05/2026

የአሸናፊነታችን ማብሰሪያ!

ዛሬ የተካሄደው ታላቅ የድጋፍ ሰልፍ የብልፅግና ፓርቲ የምርጫ ቅስቀሳ ማጠቃለያ ብቻ ሳይሆን፣ ህዝባችን የተጀመረውን የለውጥና የብልፅግና ጉዞ በላቀ ደረጃ ለማስቀጠል ያለውን ቁርጠኝነት የሚያሳይ ነው።

ባለፉት ዓመታት በከተማና በገጠር ያስመዘገብናቸው ስኬቶች— የኮሪደር ልማት፣ የትምህርትና የጤና ተቋማት ግንባታ፣ እንዲሁም የሰላምና የአብሮነት ስራዎቻችን—የነገዋን ጠንካራ ሀገር ለመገንባት የጣልናቸው ጠንከራ መሠረቶች ናቸው።

ይህ የድጋፍ ሰልፍ የምርጫ ቅስቀሳችን ማጠቃለያ ብቻ ሳይሆን፣ ወደ ቀጣዩ የታላቅ ስኬት ምዕራፍ የምንሻገርበት የአሸናፊነታችን ማብሰሪያ ድምፅ ነው!
የጀመርነውን ልማት፣ ሰላምና ብልፅግና ለማስቀጠል ሁላችንም የምርጫ ካርዳችንን ለብልፅግና ፓርቲ እንሰጣለን!

ያቀድነውን አሳክተን የምንመኘውን እንገነባለን!

ኢትዮዽያን ወደ ተምሳሌት ሀገር!

Photos from Koominikeeshinii Bulchiinsa Aanaa Soofii's post 24/05/2026

Dhaamsa baga gammaddanii Ministira Muummee Itti Aanaa Tamasgan Xurunaa garee Arsenaaliif dabarsan
*********************************

Ministirri Muummee Itti Aanaa obbo Tamasgan Xurunaa injifannoo Waancaa Piriimiyer Liigii Arsenaal ilaalchisee dhaamsa baga gammaddanii deeggartoota kilaabichaaf dabarsaniiru.

Injifannoon garee keessanii cichanii falmuu nama barsiisa jedhan.

Deeggarsi keessan kan hin raafamne ammoo, waan jaallatanii fi itti amanan tokkoof otoo hin shakkini jabaatanii dhaabbachuu agarsiisa jedhan.

Daandiin carraaqqii dhukkubbiin kan guutame ta'us, dhuma irratti garuu injifannoo mi'aawaa nama dhamdhamsiisa jedhan obbo Tamasgan Xurunaa.

Injifannoon garee keessanii qeeqa fi gufannaan abjuu dhugoomsuu irraa nama dhoowwuu akka hin dandeenye ragaa qabatamaadha jedhaniiru ergaa isaaniitiin.

"Baga gammaddan" jechuun ergaa isaanii dabarsaniiru.
ውድ የአርሰናል ቤተሰቦች!
የቡድናችሁ ድል ጸንቶ መታገልን ያስተምራል። የእናንተ የቡድኑ ቤተሰቦች ያልዋዠቀ ድጋፍ ደግሞ ለወደዱት እና ላመኑበት ሳይዋዥቁ በመታመን መቆምን ያሳያል።
ጥረት መንገዱ በሕመም የተሞላ ቢሆንም፤ በመጨረሻ ግን በጣፋጭ ድል ይክሳል።

የቡድናችሁ ድል፣ ትችት እና ዕንቅፋት ሕልምን ዕውን ከመሆን የማስቀረት ዐቅም እንደሌለው አሳይቶናል። ታግላችሁ ስታሸንፉ፣ ተቺ እጆች ለጭብጨባ፣ ነቃፊ አንደበቶች ለሙገሳ እንደሚነሡ አሳይታችኋል።
እንኳን ደስ አላችሁ

Photos from Koominikeeshinii Bulchiinsa Aanaa Soofii's post 24/05/2026

Aanaa.Soofii Araddaa Harawweetti Sheek Kadir Musxafa Markaza Daar Arqam Hawaasa Harka Qalleeyyif /Dadhabaaf Asbeezaa asiin gaditti arkitan kana Arjoomani Jiran.
Kadir Musxafa Haa Galatoomu.

Photos from Koominikeeshinii Bulchiinsa Aanaa Soofii's post 24/05/2026

Ji'oota (9) darban keessatti hojiiwwan waajjira Qonnaa fi Misooma Kooridara Baadiyyatti Hojjataman Muraasa isaa.
*************************
🙏🙏ji'oota 9n dabran kessatti Roga hundaan jijjirama qabatamaa Aadaan hojjii jijjirun jijjirama guddaan Aanaa kenyaa Aanaa Soofitti qabatamaan kan argamuudha hojjilen roga hundaan hojjatamaa jiru kessaa kan itti Gaafatamaan waajjira Qonnaa Aanaa Soofi Objo Jaafar Kadir kan yeroo ammaa kana hojjatamaa jiru keysaa muraasa akkasitti himan jalqabarratti.

🙏🙏Hojii misooma Qonnaatin yoo laalle Kilaastara,SHunkurtaa,Kilastara Timaatim,Maangoo Appil fi

akkasuma hojilee Roga Kooridara Daandii Baadiyyaa,waliin gehuu fi xaraguu gandoota fi ganda wal xuysisuun akkasuma
gara koridaraatinis ganda moodela Baadiyyaa uumurratti hojiin Abdachiisaan kan hojjatameedha ja'an.

🙏🙏Bulcha bulchinsa Aanaa Sofii Obbo Abdi awwal akaa himanitti bu'an argame fi jijjiramni mul'ates kana caala yero kamu cime kan itti fufnus tahu qaba ja'an obbo Abdi Awwal.

Keessattuu hojiiwwan Hirkatumma irra gama oomishumma omishaa fi omishuumma guddisuun hawaasni egatuma jala akka bahu fi jirenya tasgabiin akka jiratu oomisha kuduraa fi muduraa kan boqolloo fi Bishingaa akkuma.jiru taheeti qaalainsa gabaa xiqeysuu irratti xiyyeefannaan kennameefi akka biyyaattis irratti hojjatamaa jiraachuu himan..

Photos from Koominikeeshinii Bulchiinsa Aanaa Soofii's post 24/05/2026

Ijaarsa Fi Guddina Biyya Takkaatiif Lammii Baratee Fi Gahoome Horachuun Muteessaa Tahuun ibsame
**********

Adeemsi baruu fi barsiisuu manneen barnootaa Naannoo Hararii Aanaa Soofiitti argamanii haala gaarii taheen gaggeeffamaa jiraachuu Ittigaafatamaan Waajjira Barnoota aanichaa Obbo Mahammad Abbaas ibsanii, qindoominni hogganootaa, barsiisootaa, maatii barattootaa fi barattootaa ammoo bu'aa argame kanaaf gahee olaanaa gumaachuu addeessan.

Adeemsi baruu fi barsiisuu manneen barnoota aanichaa hunda keessatti barnoota idileen duraa irraa jalqabee hanga kutaa saddeetiitti haala gaariin gaggeeffamaa jira kan ja'an Obbo Mahammad manneen barnootaa 23 fi buufataalee barnootaa jiddugalaa 14 keessatti hojiin kun cimee itti fufuu beeysisan.

Dura bu'aa Itti-aanaan mana barnoota Dakkar Obbo Fandishee Amiin mana barnootaa isaaniitti adeemsa baruu fi barsiisuu idilee faraqa lamaan kennamu irratti dabalataan barattoota cimsuuf barnoonni tiitooriyaalii kennamaa jiraachuu himan.

Barsiisoonniniis gama isaaniitiin barattoonni barnoota isaanii salphatti akka hubatan godhuuf meeshaalee barnoota deeggaran waanuma naannawa isaanii jiran irraa qopheessuun barnoota gochaan deeggarame kennaa jiraachuu ibsan.

Ragaa barattootaa sirnaan gurmeessuun maatii waliiniis walitti dhiheenyaan hordoffii godhaa jiraachuu ibsan.

Adeemsa barnootaa keessatti hirmaannaan maatii olaanaa tahuu hubachuudhaan ijoolleen isaanii barnoota irraa yoo galan itti dhiheenyaan hordofaa jiraachuu maatiin barattootaatiis dubbatan.

Barsiisootaa waliiniis qindaawuun haala barnootaa fi naamusa ijoollee isaanii hordofaa jiraachuu ibsan.

Adeemsi baruu fi barsiisuu amma jiru milkaa'ina isaaniitiif isaan gargaaraa jiraachuu kan ibsan barattoonni daree keessatti gareen ijaaramuun haalli itti shaakkallii godhan hedduu isaan gargaaruu eeran.

Barnoota isaanii irratti bu'a qabeessa tahuuf akka carraaqaniis mirkaneessan.

Gabaasni kan Aadam Abraahim
Hiikkaa Rihaanaa Jamaaliin
16/09/18

Photos from Koominikeeshinii Bulchiinsa Aanaa Soofii's post 23/05/2026

We are ready to welcome you, Dylan! We are waiting for you with open hearts
************************
🙏🙏🙏 “My wish is that Adonay would lead Dylan to come to Harar.”

Come visit beautiful Harar.

Want your business to be the top-listed Government Service in Harar?

Click here to claim your Sponsored Listing.

Location

Telephone

Address


Harar