Paartii Badhaadhinaa Kolfee Aanaa 06

Call Directions Website Contact the organization

Paartii Badhaadhinaa Kolfee Aanaa 06 Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Paartii Badhaadhinaa Kolfee Aanaa 06, Political organisation, Bethel, Addis Ababa.

IRREECHI WALIIGALTEE BIYYOOLESSAAFIrreechi ayyaana galataa, araaraa, nagaa, waliin jireenyaa fi abdii ti.Irreechi ayyaan...
28/09/2026

IRREECHI WALIIGALTEE BIYYOOLESSAAF

Irreechi ayyaana galataa, araaraa, nagaa, waliin jireenyaa fi abdii ti.
Irreechi ayyaana aadaa kan Uumaa galateeffachuun, yeroo darbeef dinqisiifannaa keenya ibsinu, yeroo dhufuuf immoo abdii keenya haaromsinuudha. Ayyaanichi duudhaa nagaa, araaraa, obsa, waliif yaaduu fi waliin jireenyaa cimsuun walitti dhufeenya hawaasaa jabeessuuf gahee guddaa qaba.
Irreecha irratti Uumaan ni galateeffatama; qabeenya uumamaa, jireenya, fayyaa, nagaa fi abdii arganneef galanni ni dhiyaata. Galanni immoo waan darbe karaa gaariin akka ilaallu, dogoggora uumame akka sirreessinu, akkasumas yeroo dhufu abdii fi hawwii gaariin akka ijaarru nu kakaasa.
Araarri ergaa cimaa Irreecha keessatti argamuudha. Araarri ofii keenyaa wajjin, Uumaa wajjin, uumama wajjin, akkasumas namootaa fi hawaasota biroo wajjin hariiroo keenya sirreessuu fi cimsuu jechuu dha.
Araarri rakkoo yeroo darbe hubachuun gara fuulduraatti ilaalu, garaagarummaa marii fi waliigalteen furu, akkasumas duudhaa fi gatiiwwan waliinii cimsuun nagaa waaraa ijaaruuf nu dandeessisa.
Nagaan fedhii waliinii hawaasa hundaa ti. Irreechis fedhii waliinii kana cimsuun, namoonni garaagarummaa isaanii kabajaa fi walhubannaa keessatti nagaan akka waliin jiraatan kan jajjabeessu ergaa qaba.
Namoonni ilaalcha, aadaa fi duudhaa garaagaraa qabaachuu danda’u. Haa ta’u malee, nagaan waliinii fi biyya waliinii hunduma keenyaaf bu’uura waliinii dha. Kanaafuu, ergaan galataa Irreechaa ayyaana qofa keessatti kan daangeffamu osoo hin taane, duudhaa wal kabajuu, wal danda’uu, obsa fi waliin jireenyaa cimsuuf gahee qaba.
Irreechi qaama eenyummaa aadaa fi duudhaa Oromoo ti. Duudhaaleen fi gatiiwwan Irreechaa bareedina garaagarummaa fi eenyummaa garaagaraa kabajaa fi waliin jiraachuu jajjabeessan of keessaa qabu.
Garaagarummaan adda addummaa qofa osoo hin taane, madda cimina waliinii ta’uu danda’a. Waliin jireenyi wal kabajuu, wal danda’uu fi marii irratti hundaa’es waliigaltee biyyaalessaa cimsuu danda’a.
Waliigalteen

Konfiraansiin Paartii Badhaadhinaa kan Kurmaana 4ffaa Bara 2018 Gaggeeffame.‎‎Waxabajjii 25/2018,Bulchiinsa Kutaa Magaal...
02/07/2026

Konfiraansiin Paartii Badhaadhinaa kan Kurmaana 4ffaa Bara 2018 Gaggeeffame.
‎
‎Waxabajjii 25/2018,Bulchiinsa Kutaa Magaalaa Koolfee Aanaa 06tti konfiraansiin paartii badhaadhinaa kan kurmaana 4ffaa bara 2018 bakka koree Qindeesstuu Aanaa Hoggansa Aanaafi Miseensonni paartichaa argamanitti gaggeeffamee jira.

Konfiraansii kanarrattii argamuun haasaa baniinsaa kan taasisaan Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Bulchiinsa Aanaa Kolfee Aanaa 06,Obboo Abarraa Nata'a,Paartiin Badhaadhinaa paartii milkaa'inoota gara carraatti jijjiiruun injifannoowwan adda addaa galmeessaa jiru ta'uu himanii Itoophiyaa gara biyya fakkeenyummaa taateetti ceesisuuf milkaa'inoota gama nageenyaa,misoomaafi siyaasaatiin galmaa'aa jiru daran cimsuun itti fufsiisiisuun imaanaa uummanni sagalee isaatiin nutti kenne galmaan gahuu qabna jedhani,Konfiraansii kana kanneen kanaan duraa irraa kan adda godhu,filannoo biyyoolessaa marsaa 7ffaa karaa nagaa, diimokiraatawaa fi haqa qabeessa ta'een gaggeessinee olaantummaa yaadamaa paartii keenyaatiin xumuruun injifannoon booda gaggeessa jiraachuu keenyadha jedhani jiru.

Saganticha irrattis gabaasni hojii waliigalaa paartii badhaadhinaa kurmaana 4ffaa Aanichaan hojjatame karaa Itti Gaafatamaa Damee Siyaasaa Paartii Badhaadhinaa Bulchiinsa Koolfee Aanaa 06,Obboo Indriis Yimaam dhiyeessani jiru.Obbo indiriis hooggansi aanaa bara baajataa 2018 keessatti miseensotaa fi deeggartoota waliin qindoominaan hojjechuun barbaaachisaadha.Paartiin keenya karaa itti fufaa ta'een waggoota shanan dhufaniif uummata bal'aa ba'ee nu filateef mudhii keenya hidhannee garaa guutuudhaan tajaajiluutu nurraa eegama jedhani itti dabaluun,Addatti immoo qulqullinaa fi dhugummaa hojii hojjetame mirkaneessuu,malaammaltummaa fi hojimaata badaa ifatti falmuu,hojii ijaarsa dandeetti cimsuun tokkummaa yaadaa fi gochaa hoggantootaa fi miseensotaa gidduutti uumuun murteessaa ta’uu eerani,Yaadaa fi Imaamata Paartii Badhaadhinaa hawaasa bira akka ga’u taasisuuf hojii miidiyaa fi komunikeeshinii gurmaa’ee cimsuun,ajandaa humnoota malaammaltummaafi kaayyoo humnoota badii fashaleessuu danda’u irratti xiyyeeffannoon hojjechuun akka barbaachisu dhaamsa dabarsaniiru.

Saganticha irrattis gabaasa kurmaana 4ffaa Aanichaa Itti Gaafatamaan Inispeekshinii fi Naamusaa Bulchiinsa Koolfee Aanaa 06,Obboo Darajjee Fikaduu dhiyeessaniiru.Paartiin Badhaadhinaa kaayyoo badhaadhina biyyaalessaa galmaan ga’uuf dhaabbata paartii cimaa,hooggansa fi miseensota naamusa gaarii qabanii fi sirna dhaabaa eegsisan ijaaruun murteessaa ta’uu ibsaniiru.Akkasumas fayyummaa dhaabaa fi naamusa dhaabaa mirkaneessuuf kutannoon hojjechuun akka barbaachisu dhaamani jiru.

Dhuma Irrattis Miseensooni paartichaasi karaa ifa ta'een yaada kennaniiru.


17/06/2026
05/06/2026
04/06/2026

Address

Bethel
Addis Ababa
1000

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Paartii Badhaadhinaa Kolfee Aanaa 06 posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Organization

Send a message to Paartii Badhaadhinaa Kolfee Aanaa 06:

Shortcuts

Share