Mana Murtii Aanaa Malkaa Bal'oo

Mana Murtii Aanaa Malkaa Bal'oo

Share

Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Mana Murtii Aanaa Malkaa Bal'oo, Government Organization, Harar.

Photos from Mana Murtii Aanaa Malkaa Bal'oo's post 18/05/2026

Mana Murtii Aanaa Malkaa Balloo
Camsa 10, 2018 A.L.I – Aanaa Malkaa Balloo
Mana Murtii Aanaa Malkaa Balloo, hubannoo Manuwaalii Ittisa Ragaa Sobaa irratti mata duree “Waliin Taanee Ragaa Sobaa Haa Ittisnu” jedhuun waltajjii marii bal’aa gaggeesseera.
Waltajjii kana keessatti, Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Malkaa Balloo fi Mana Murtii Aanaa Malkaa Balloo waliin ta’uun hawaasaafi qooda fudhattoota adda addaa hirmaachisuun marii bal’aa dhimma ragaa sobaa irratti Hojjettoota mootummaa,Abbootiin amantii, Abbootiin Gadaa,Hawaasni bal’aan,bal’inaan hirmaataniiru.
Sagantichi qinda'iinsa Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Malkaa Balloo Kabajamoo ob_Musxafa. Abdullahi fi pirizdanti Mana murtii Kabajamoo Abdii Shamshadinin hubannoon ergaa kennameen booda akka amantaa Islaamaatti Sheek Ibraahim Sheekh ragaan sobaa maal akka ta’e, miidhaa inni hawaasaafi sirna haqaa irratti geessisu, akkasumas ilaalcha amantaan dhorkamu irratti ibsa bal’aa kennaniiru.
Dhuma irratti, hojii ittisa ragaa sobaa keessatti hawaasni gahee isaa akka bahatuuf, Koreen Ittisa Ragaa Sobaa Sadarkaa Aanaa hawaasa keessaa namoota shan (5) of keessaa qabu filachuun mariin milkaa’inaan xumurameera.

Photos from Mana Murtii Aanaa Malkaa Bal'oo's post 07/05/2026

Aanaa Malkaa Ballootti mariin Koree JBAH gaggeeffame.

(Ebla 29/2018, Godina Hararge Bahaa Aanaa Malkaa Ballootti 0 Koreen JBAH(Jijjiirama Bu'uura Adeemsa Hojii) Dhimmoota qindoominaa, Qulqullinaa, Si'oominaa fi haala kenna tajaajila haqaa irratti marii bal'aa gaggeessee jira.

Marichi Miseensota korichaa Mana Murtii Aanaa Malkaa Balloo,Waajjira Abbaa Alangaa fi Waajjira poolisii Abbaa adeemsaa mana Murtii fi Abbaa Alangaa hunda hirmaachisuun Bakka Pirizdaantiin Mana Murtii Aanichaa fi walitti qabaan koree JBAH Aanichaa Kabajamoo Obb/Abdii Shamshadin argamanitti kan gaggeeffame yoo ta'u Karoora waloo irrattiis erga mari'atameen booda Dhimmota qindoominaa, Qulqullinaa, Si'oominaa fi haala kenna tajaajila haqaa irratti ciminaa fi hanqinoota jiran kaasuun mariin bal'aan geggeeffamuun kallattiin fuula duraa kaa'ameera

Photos from Mana Murtii Aanaa Malkaa Bal'oo's post 08/04/2026

Manni Murtii Aanaa Malkaa Balloo duub-deebii MMO Godina Harargee Bahaattin kennamee fi Dubdeebii MMWOtin Godina keenyaaf kennamee fi gamaggama Gabaasa kurmaana 3ffaaa fi kallattii hojii kurmaana 4ffaa irratti marii gaggeesse.

(Bitooteessa 30/2018,MMA Malka Balloo ) Mana Murtii Aanaa Malka Ballootti duub-deebii gamaggama kur. 3ffaa irratti Mana Murtii Ol'aanaatiin kennamee fi MMWO tin kenname fi Gamaaggama raawwii hojii kurmaana 3ffaa fi kallattii hojii kurmaana 4ffaa irratti hawaasa Mana Murtichaa waliin mariin gaggeeffameera.

Marichi irratti Pirezidaantii Mana Murtii Aanichaa Kabajamoo Obbo Abdii Shamshadin gabaasa raawwii hojii kurmaana 3ffaa fi duubdeebii kenname irratti dhiyeessii kan dhiyeessan yoo ta'u marii gaggeeffameeniis qulqullinaa fi Si'oomina kenninsa tajaajila abbaa seerummaa,Dabalatee dubdeebii MMWO irraa kenname ,akkasumas ciminootaa fi hanqinoota gabaasa raawwii Mana murticha keessaatti mul'atani adda bahanii fi kallattii gara fuulduraa hooggansa MMOtiiin kenname,fi dubdeebii MMWO irraa kenname fudhachuun,fi kallattii hojii kurmaana 4ffaa irratti bal'inaan erga mari'atameen booda ciminoota jiran itti fufsiisaa hanqinoota mul'atan irratti xiyyeeffaannaan hojjechuu akka qabanii fi kurmaana hafe kana keessatti harcaatiiwwan jiru hunda duguuganii hojjachuun milkaa'ina Mana Murtichaa akka mirkaneessan kallattii fuulduraa kaayuudhaan marichi bifa gaariin xumurameera.

Photos from Mana Murtii Ol'aanaa Godina Harargee Bahaa-East Harerghe Zone High Court's post 04/04/2026
Photos from Mana Murtii Aanaa Malkaa Bal'oo's post 20/03/2026

Baga Ayyaana Iid Al-adahaa bara 1447ffaa ittin issin gahe

01/03/2026

Waliin Mana Murtii Ol'aanaa Godina Harargee Bahaa-East Harerghe Zone High Court – Reefu akka leellistoota olaanoo isaanii keessaa tokko ta'etti beekamtii argadhe!

Want your business to be the top-listed Government Service in Harar?

Click here to claim your Sponsored Listing.

Location

Telephone

Website

Address


Harar