Oromia cooperative promotion agency OCPA

Oromia cooperative promotion agency  OCPA

Share

To promote our organisation

Photos from FMC Afaan Oromoo's post 20/05/2026
16/05/2026
Photos from Oromia cooperative promotion agency  OCPA's post 12/05/2026

Yuuniyeeniin Waldaa Hojii Gamtaa Qonaan Bultoota Arfan Qalloo Fakkeenyaa Bu’a Gurma’u jijjiramaa ce’umsaa Qonnaan Bultoota fi Horsisee Buloota Godina Harargee Bahaa Ta’u Bulchituun Godinicha Addee Miiskiin Mahamaad himan.
****************************************************************************
(EBWHGO Finfinnee 4/9/2018 )Yuuniyeeniin Walda hojii gamtaa Arfaan Qalloo bara 2002 waldaalee bu’ura 48 kappitalaa 546,747 kan hunda’e yoo ta’u yeroo amma waldaalee bu’uraa 253 kappitaala 256,895497.47 kan qabu fi Aanaalee godina harargee bahaa 18 bulchinsa magaala 2 keessatti hojjachaa jira
Yuuniyeenichi hojii Oomishaa Sanyii Filatamaa gosaa adda addaa Baayisuun feedhii qonnaa bultoota fi horsisee bultoota godiniichaa galmaan gahuuf hojjatamaa kan jiru yoo ta’u gama biraatin Horii Annaanii fi furdisaa loonii gabaaf dhiiyyeessuun bu’a garii argachaa kan jiru yoo ta’u ,oomishaa Qonna kaneen akka boloqee ,Boqolloo, ochoolonii fi Mishingaa lafa heektaraa 400 olirratt facasee irraa oomishinii calla garii kan argamuu ta’u hubachuun danda’ameraa gama biraatiin Makanayizeeshinii qonna galmaan gahuuf Tirakteeraa fi Kombayinerii bituun tajajilaa miseensa isaatiif kenna jira.
Obbo Abdii Ahmeed Hojii Gaggeessaa Olaana Yuuniyeeni waldaa hojii gamta Qonna Bultoota Arfaan Qalloo akka jedhanitti yuuniyeenichi oomishaa fi oomish*tummaa qonnaa guddisuu fi cee’umsaa teekinolojii qonna galmaan gahuuf saanyii filatamaa baayisuun waldaalee bu’uraa fi qonnaan bultootaaf dhiyyesuu fi xaa’oo kara guutuu ta’een qonnaan bulaaf dhiyyeessaa jirra ,kana malee walittii hidhaminsaa gabaa biyyaa keessaa fi alaaf oluu midhaan gosa adda addaa dheyyeessa kan jiru fi waldaalee bu’uuraa miseensaa yuuniyeenichaa ta’aan kappitaala isaanii akka guddifaataniif ciminaan hojjachaa jirraa jedhan
Itti dabaluun obbo Abdiin akka ibsanitti Investimeenti yuuniyeenichaa guddisuuf magaala Diree Dawaa Bufataa rabsaa boba’aa sadarkaa isaa egatee ijarsisuu hojiitti kan galee yoo ta’u feedhii miseensii qonnaan bulaan omishaa isaa guddisuuf irraa fayyadama kan jiru yoo ta'u ,kan alattis mana kusaa magaala Diree Dawaatti miliyoona 52,799031 kan ijarsi isaa adeemsaa kan jiru yoo ta’u gamaa kaniin yeroo amma kana yuuniyeenichi carraa hojii dhabbiin namootaa 101'f umuu dandanda’eraa jedhaan,kanamalees Qabeenyaa Dhabbataa 281,726420.53 fi qabeenyaa socho’aa 1,977,290,556.79 kan qabuu ta’u obbo Abdiin himan.
Addee Miskiin Mahamaad Bulchituu Godina Harargee Bahaa akka jedhanitti Yuuniyeeniin Waldaa Hojii Gamtaa Qonaan Bultoota Arfan Qalloo Fakkeenyaa Bu’a Gurma’u jijjiramaa ce’umsaa Qonnaan Bultoota fi Horsisee Buloota Godina Harargee Baha ta'u himanii yuuniyeeniin bakka ce’umsaa qonna irraa garaa Industirittii godhamuu waan ta’eef cimtani hojjachuu qabduu,akka godinatis deeggaarsaa barbachisuu hundaan kan tasisaan ta’u addee Miskiin himaan

Photos from Oromia cooperative promotion agency  OCPA's post 12/05/2026

Yuuniyeeniin WHG Qonna Bultoota Naannoo Haramayaa Feedhii Qonnaan Bultoota fi horsisee Bultoota akkasumaas hojii tajajilaa miseensa isaa fayyadamaa tasisuu hojjacha jiraachu Godinii Harargee bahaa beeksise.
(EBWHGO Finfinnee 4/9/2018) Yuuniyeenichi bara 1992 baay'inaa waldaalee bu'uura 5 fi kappitaala kuma 470tiin kan hunda'ee yoo ta'u bara 2012 irraa kasee bifaa haraan of gurmeesuun dangaa hojii isaa babalifachuun Aanalee Godina Harargee bahaa 14 fi waldaalee bu'uura 171 kappitalaa Miliyoona 270 horachuu danda'ee jira.
Obbo Mahamaad Aluwal hojii Gaggeessaa Olaana Yuuniyeenii WHG Qonna Bultoota Naannoo Haramayaa akka jedhanitti yuuniyeenichii hojii qonna maraaf xiyyeeffanna addaa itti kenuun hojjacha kan jiru yoo ta'u kaneen keessa oomishaa Jalisii kuduraa fi muduraa, Furdisaa loonii fi horii Aannanii,saanyii filatamaa baayisuu, Piroojeektii ijarsaa bufataa boba'a dabalataa,Ristoorantii Biftuu Bilazaa sadarkaa isaa egaatee bulchinsa magaala Mayaatti ijarsisuu waldaalee bu'uuraa fi miseensa isaa fayyadamaa tasisuu dandenyee jira jedhan
Itti dabaluun obbo Mahamaad akka ibsanittii fedhii qonnaan bultoota isaanii galmaan gahuuf bara oomishaa 2018/19 xaa'oo Kuntala kuma 120 garaa waldaalee bu'uuraatti gejjibsisuun raabsii isaas gaggeefamaa kan jira yoo ta'u sirnii gurgurtaa isaa kara Dijitaala qofaan rawwatama kan jiru himani, bara kana hanqiinnii xaa'oo akka hin jirree obbo Mahamaad kan dubbataa yoo ta'u Qonna gannaaf saanyii filatamaa baay'ina fi qulqilinan kan dhiyyeessan ta'u himan
Addee Miskiin Mahaamaad Bulchituu Godina Harargee bahaa akka jedhanitti Yuuniyeeniin WHG Qonnaan Bultoota Naannoo Haramayaa fayyadamummaa Qonnan Bultoota godina keenyaa galmaan gahuuf kuttannoon hojjachaa kan jiru ta'u ibsani dinagdee ummataa oromoo jijjiramaa olaannatti cessisuuf waldaalee fi Yuuniyeenonni kara gurma'een hojjachuun irra egama, kanaaf immoo akeektuun guddaan Yuuniyeeniin WHG Qonna Bultoota Naannoo Haramyaa warshaa Nyaataa loonii Qindessuu ijarsisuu fedhii Dhiyyeessii nyaataa loonii fi lukku godina keenyaa galmaan gahuu keessatti yuuniyeenichi shoraa Olaana bahaachaa jira sirnii deeggaarsaa fi hordoffiin keenyaa cimee kan itti fufuu ta'u addaa Miskiin himaan

Photos from Oromia cooperative promotion agency  OCPA's post 28/04/2026

EBWHGO Finfinnee, Ebla 20/2018)Ejensii Babal'ina waldaalee hojii gamtaa Oromiyaa fi dhaabbani BRUH-Ifa pilaat formii Chrompay Faayinansii Dijitaala irraatti hojjatuu waldaalee fi Yuuniyeenoota qusannoo fi liqii waliin hojjachuuf isaa dandeesisuu irraatti waraqaa qorannoo dhiyeessuun waligaltee walin isaan hojjachisuu danda'uu waliini malatteessan.
Dhabbanii BRUH-Ifa Faayinansii Dijitaala pilaatformii Chrompay irratti hojjatu waldaalee fi Yuuniyeenoota garaa Dijitaalatti fiduu fi qabanaa ragaa isaani ammayyeesuu sirnaa sistemaa salphaan fayyadamuun waldaalee qusannoo fi liqii miseensaa dhunfaa qonnaan bulaa bira ittiin gahaan pilaat formii garii ta'uu himamee
Addee Hinseenee Mahamaad Ittii Aantuu Hoggaana EBWHGO akka jedhanitti Waldaalee fi Yuuniyeenonni keenyaa dorgommii gaba adduunyaa keessaa seenuuf sirna Faayinansii isaani ammayyeesuu fi qabna ragaa isaanii Dijitaleessuun dhabbataa sisteemaa software Faayinansii jabaa qabu waliin hojirraa olchuun waliin hojjachuutu isinirraa egama jedha.
Pilataat formii sisteema software Chrompay waldaalee fi yuuniyeenoonni haala qabatamaa isaanittin itti fayyadamuu akka danda'niif EBWHGO fi Dhabbanni Bruh-Ifa Chrompay waligaltee walinii isaan hojjachisuu danda'aan irratti waliif mallateessan.

27/04/2026
Photos from Oromia cooperative promotion agency  OCPA's post 24/04/2026

EBWHGO Finfinnee, Ebla 16/2018) Ejensii Babal'ina waldaalee hojii gamtaa Oromiyaa fi Inistiitiyuuti Tiraanisfoormeeshini Qonna Damee Oromiyaa ( ATI) leenjii mata duree "gaheen waldaalee hojii gamtaa faayinaansi dijiitaala keessaatti qabu jedhu irratti bakka Hoggansi naannoo, oggeessota naannoo,Hojii gaggeessitoota fi Walitti qabaa bordii Yuuniyeenootaa Qusannoo fi liqii waldaalee hojii gamtaa waliin Magaala Bishooftutti kenna jira.
Waldaalee hojii gamtaa Qusannoo fi liqii cimsuun tajaajila faayinaansii Dijitalaa karaa guutuu ta'een baadiyyaa keessatti qonnaan bulaa fi magaala keessatti jiraata magaalaaf tajajilaa qussannoo fi liqii kennuun fayyadamummaa miseensaa guddisuuf waldaalee qusannoo fi liqiin cimani hojjachuutu irraa egama.
Obbo Abarraa Abbosee I/A Hoggaana EBWHGO akka jedhanitti leenjii hubbannoo keennu dhimma waldaalee hojii gamtaa Qusannoo fi liqii tajajilaa faayinaansii magaalaa fi baadiyyaa keessatti dhaqabamaa tasisuuf waldaalee hojimataa isaa manuwaalii irraa gara Eleektirooniksitti jijjiruun faayinaansii waldalee guddisuun barbachisaa waan ta'eef akka naannoo keenyaatti Wiirtuu Tajaajila Waloo (share service center SSC) ijaaruun deeggaruun akka irra jiraatu xiyyeeffannoo guddaan akka hojjatamuu himanii jiru.

Photos from Ethiopian News Agency/Afaan Oromoo's post 23/04/2026
Want your business to be the top-listed Government Service in Addis Ababa?

Click here to claim your Sponsored Listing.

Location

Address


Addis Ababa

Opening Hours

Monday 08:00 - 17:00
Tuesday 08:00 - 17:00
Wednesday 08:00 - 17:00
Thursday 08:00 - 17:00
Friday 08:00 - 17:00
Saturday 08:00 - 17:00
Sunday 08:00 - 17:00