03/06/2026
Naannoo Harariitti lafa hektaara kuma 11fi 956 sanyiin facaasuuf karoorfamee hojjatamaa jira
Caamsaa 26/2018 (ENA) Naannoo Harariitti qonna Arfaasaa fi Gannaatiin waliigala lafti heektarri kuma 11 fi 956 facaasuuf karoorfamee hojjatamaa akka jiru Biroon Qonnaa naannichaa beeksiseera.
Itti-Antuun Pirezidaantii Naannichaa fi hoggantuun Biiroo Misooma Qonnaa Roozaa Umar akka ibsanitti; lafa xiqqaa naannicha keessa jiru sirnaan itti fayyadamanii oomishtummaa guddisuuf hojiin qindoomina qabu hojjatamaa jira
Naannichatti bara oomishaa 2018/19 keessa Qonna Arfaasaa fi Gannaan waliigala lafa hektaara kuma 11 fi 956 midhaan akaakuuwwan adda addaatiin misoomsuuf hojjatamaa akka jiru ibsaniiru.
Rooba Arfaasaatiin hanga yoonaatti lafti heektarri kuma 8 fi 681 sanyiin faca’uu eeranii, lafa hafe heektara kuma 3 fi 275 immoo rooba gannaatiin bisingaa fi qamadii dafee gahu facaasuuf hojiin qophii duraa barbaachisu hojjatamaa jira jedhaniiru.
Aanaalee baadiyyaa naannichaa sadan keessatti sanyiiwwan midhaanii misoomaa jiran Bisingaa, boqqolloo fi qamadii ta'uusaaniis eeraniiru.
Oomishtummaa qonna gannaa guddisuuf xaa'oon, sanyii fi dhiyeessii galteewwan qonnaa biroon qonnaan bulaaf raabsamuu isaa kan eeran Itti-Antuun Pirezidantii kun, bara oomisha kana keessa sanyiiwwan midhaanii misoomaa jiran irraa oomisha kuntaala kuma 300 walitti qabuuf karoorfamuu isaas ibsaniiru.
Ogeeyyiin qonnaa sadarkaan jiran qonnan bultootaaf deeggarsa ogummaa barbaachisu taasisaa akka jiranis ibsaniiru.
Kanaanis Qonnan bultoonni rooba eeggachuu irraa bilisa gochuu fi fayyadamummaa isaanii guddisuu irratti hojiin jajjabeessaan hojjatameera jedhaniiru.
Fuulduras bu'aawwan jajjabeessoo argaman ittifufuudhaan fayyadamummaa qonnaan bultootaa mirkaneessuu fi oomishtummaa guddisuuf xiyyeffannoo guddaan kan kennamu ta'uu ibsaniiru.
03/06/2026
Itiyoophiyaan deeggarsa gamtaa Afriikaa fi ajandaawwan Ardii Afriikaaf gootu cimsitee itti ni fufti-Ambaasaaddar Lamlam Fisahaa
Caamsaa 26/2018 (ENA)- Itiyoophiyaan deeggarsa gamtaa Afriikaa fi ajandaawwan Ardii Afriikaaf gootu cimsitee akka itti fuftu ambaasaaddar Lamlam Fisahaa ibsan.
Dura taa’aan komishinii gamtaa Afriikaa Mahaammud Alii Yuusuuf gamtaa Afriikaatti errgamtuun dhaabbataa Itiyoophiyaa haaraa ta’uun kan muudaman xalayaa muudamaa ambaasaaddar Lamlam Fissahaa har’a fudhataniiru.
Dura taa’aan kun ambaasaaddar Lamlam Fissahaatiin baga gammaddan jechuun ergaa kan dabarsan yoo ta’u muuxannoo fi hoggansi ambaasaaddaritti tumsa Itiyoophiyaa fi gamtaa Afriikaa jidduu jiru caalaatti akka cimsu ibsaniiru.
Deeggarsa fulla’aa Itiyoophiyaan gamtichaaf gochaa jirtu kan dinqisiifatan dura taa’aan kun, adeemsi filannoon walii galaa Itiyoophiyaatti gaggeeffame naga qabeessaa fi sirna eegee gaggeeffamuusaa galateeffataniiru.
Qaamoleen lamaan taateewwan riijinii fi idil addunyaarratti akkasumas ajandaawwan gamtichaa ijoorratti yaada bal’aa kan wal jijjiiran yoo ta’u, galmoota gamtichaa milkeessuu fi gufuulee Afriikaa mudatan qolachuuf komishinichi Itiyoophiyaa waliin walitti dhiheenyaan hojjechuuf qophii ta’uusaa dura taa’aan kun mirkaneessaniiru.
Ambaasaaddar Lamlam Fissahaa gamasaaniin gaggeessummaa dura taa’ichaa dinqisiifatanii, Itiyoophiyaan gamtaa Afriikaa fi ajandaawwan Ardichaaf deeggarsa taasiftu cimsitee itti fufti jedhaniiru.
Mootummaan Itiyoophiyaa komishinicha waliin walitti dhiheenyaan hojjechuuf qophii ta’uusaa odeeffannoon gamtaa Afriikaarraa arganne ni mul’isa.
Afaan Oromoo
See less
03/06/2026
Itiyoophiyaanonni Filannoo milkaa'aa fi nagayaa ijaarsa sirna dimokiraasiitiif boqonnaa haaraa bane gaggeessaniiru
Caamsaa 26/2018(ENA)-Filannoon walii galaa 7ffaan, Itiyoophiyaanonni kutannoo sirna dimokiraasii ijaaruuf qaban gochaan agarsiisuun boqonnaa haaraa kan bane, milkaa'aa fi nagaa akka ture gareen jila taajjabdoota waloo filannoo Gamtaa Afrikaa fi IGAD beeksisaniiru.
Gamtaan Afriikaa fi IGAD, filannoo walii galaa Itiyoophiyaa 7ffaa ilaalchisee kutaalee biyyattii garaa garaa keessatti taajjabdoota bobbaasuun waan taajjaban irratti gabaasa bu'aa jalqabaa irratti ibsa waloo kennaniiru.
Pirezidantiin duraanii Keeniyaa fi hogganaan garee taajjabdoota filannoo Gamtaa Afrikaa Uhuruu Keeniyaataa fi Itti anaan pirezidaantii Yugaandaa duraanii_fi hogganaan garee taajjabdoota filannoo IGAD Doktora Ispeesiyoozaa Waandiiraa Kaaziibwee ibsa waliinii kennaniiru.
Hogganaan garee taajjabdoota filannoo Gamtaa Afrikaa Uhuruu Keeniyaataa akka ibsanitti; Mootummaan Itiyoophiyaa sirna dimokiraasii ijaaruu cimsuuf hojii dinqisiisaa hojjateera.
Adeemsi kenninsa sagalee filannoo walii galaa Itiyoophiyaa 7ffaa seera biyyaalessaa fi hammattoo seera Idil-Addunyaa hordofuun milkiin xumuramuusaa mirkaneessaniiru.
Qophii filannoo fi adeemsa sagalee kennuu keessatti hojiiwwan tekinoolojii dabalatee raawwataman, adeemsa sagalee kennuu ariifachiisuurratti milkaa'aa akka ture ibsaniiru.
Sa'aatiin sagalee kennuu dheerachuun isaa filattootaaf carraa dabalataa kan kenne yoo ta'u, qaama miidhamtootaaf, maanguddootaaf fi kutaalee hawaasaa garaa garaatiif adeemsa sagalee kennuu keessatti dursi kennamuun isaa hirmaannaa lammiilee akka gaariitti kan mirkaneesse ta'uu ibsaniiru.
Guutuu Itiyoophiyaa keessatti raawwachiistonni filannoo fi qaamoleen nageenyaa itti gaafatamummaa itti kenname akka gaariitti ba'achuu isaanii, miidiyaaleenis haaluma kanaan miira itti gaafatamummaa guddaadhaan hojii isaanii raawwachuu isaanii dinqisiifataniiru.
Waliigala hirmaannaanii fi gootummaan uummanni Itiyoophiyaa filannichaan agarsiise baay'ee kan galateeffatamu ta'uu kaasaniiru.
Itti aanaan pirezidantii Yugaandaa duraanii fi hogganaan garee taajjabdoota filannoo IGAD Doktora Ispeesiyoozaa Waandiiraa Kaaziibwee; miseensonni garee taajjabdoota filannoo IGAD buufataalee filannoo argaman keessatti adeemsi sagalee kennuu sa'aatii karoorfameetti jalqabameera jedhaniiru.
Gareen taajjabdoota IGAD naannolee Oromiyaa, Amaaraa, Sidaamaa fi Somaalee fi magaalota Dirree Dawaa fi Finfinnee keessatti buufataalee bobba'anitti meeshaaleen filannoo raawwachiisuuf gargaaran guutamanii adeemsi sagalee kennuu iftoomina kan qabuu fi sochii filattootaatiif baay'ee mijataa akka ture beeksisaniiru.
Guyyaa filannichaa buufataalee keessatti hiriirri dheeraan kan ture ta'us, boordiin filannoo sa'aatii hanga halkan sa'aatii ja'aatti dheeressuu isaa hordofuun, ummatni filataan obsa guddaa fi tasgabiidhaan sagalee isaa kennuu danda'uusaanii ibsaniiru.
Humnoonni nageenyaas naannoo sana keessatti ergama ummataa isaaniif kenname ba'achuun, nageenya adeemsa filannichaatiif gumaacha guddaa fi gaarii ta'e gumaachuu isaanii dubbataniiru.
Qaamoleen dhimmi ilaallatu adeemsa filannichaa keessatti itti gaafatamummaa isaanii sirriitti ba'achuun, filannoo biyyaalessaa 7ffaan Itiyoophiyaanonni kutannoo sirna dimokiraasii ijaaruuf qaban gochaan agarsiisuun boqonnaa haaraa kan bane, milkaa'aa fi nagayaa ta'uu isaa mirkaneessaniiru jedhaniiru.
Filatteetti mo’atteetti
See less
03/06/2026
Hojiilee ciccimoo ministirri muummee baatilee Eblaa fi Caamsaa keessa raawwatan
See less
03/06/2026
Adeemsi Dimokiraasii haala qabatamaa fi muuxannoo Ardii keenyaa wajjin kan wal simate akka ta'u gochuu keessatti dhaabbileen Afrikaa gahee murteessaa bahatu – Minisira Muummee Doktar Abiyyi Ahimad
Caamsaa 26/2018 (ENA) - Adeemsi dimokraasii haala qabatamaa fi muuxannoo Ardii keenyaa wajjin kan wal simate akka ta'u gochuu keessatti dhaabbileen Afrikaa gahee murteessaa bahatu jedhan Minisitirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad.
Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad ergaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaanii irratti dabarsaniin, Pirezidaantii Keeniyaa duraanii Uhuruu Keeniyaataa fi waahillan hojiisaanii waliin wal arguu kootti, gammachuu guddaan natti dhaga'ameera jedhaniiru.
Garee jila taajjabdoota filannoo Gamtaa Afrikaa miseensota 73 qabuu fi Uhuruu Keeniyaataatiin durfamu, tattaaffii fi gumaacha isaan adeemsa ijaararsa dimokiraasii keenyaaf taasisaniif galata guddaa dhiyeessina jedhaniiru.
Adeemsi dimokiraasii haala qabatamaa fi muuxannoo Ardii keenyaa wajjin kan wal simate akka ta'u gochuu keessatti dhaabbileen Afrikaa gahee murteessaa bahau jedhaniiru Ministirri Muummee ergaa isaaniitiin.
Adeemsa filannoo keenya deeggaruuf guutuu biyyattii keessatti taajjabdoota bobbaasuun tattaaffii walirraa hin cinne gareen jila taajjabdoota filannichaa taasiseef beekamtii fi dinqisiifannaa kenninuu, bu'aa guutuu kan xiinxala isaanii ni eegganna jedhaniiru
Filatteetti mo’atteetti
See less
03/06/2026
Haalli Filannoon waliigalaa 7ffaan Itiyoophiyaa keessatti geggeeffame dinqisiifatamaadha - garee taajjabdoota Filannoo Gamtaa Afriikaa fi IGAD
Caamsaa 26/2018 (ENA)-Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa filannoo walii galaa 7ffaa gaggeessuuf taasisee fi dandeettiin inni filannicha itti raawwachiisee kan dinqisiifatamu ta'uu hogganoonni garee taajjabdoota filannoo Gamtaa Afriikaa fi IGAD ibsaniiru.
Gareen taajjabdoota filannoo walii galaa 7ffaa Gamtaa Afriikaa fi IGAD, adeemsa filannichaa ilaalchisee gabaasa gamaaggama isaanii jalqabaa irratti ibsa kennaniiru.
Ibsa isaanii kanaanis, walaba ta'uun boordii filannichaa, qophiin teekinoolojii, hirmaachisummaasaa fi bulchiinsi filannichaa cimina kan qabu akka ture kaasaniiru.
Kaadhimamtoonni fi filattoonni seenaa Itiyoophiyaa keessatti yeroo jalqabaatiif galmee tekinoolojiin deeggarame taasisuu isaaniis akka taajjaban eeraniiru.
ENA Afaan Oromoo filatteetti
See less
03/06/2026
Gamtaan Awurooppaa fi Biyyoottan Michuu Adeemsa Filannoo Waliigalaa 7ffaa Itiyoophiyaan gaggeessite dinqisiifatan
Caamsaa 26/2018 (ENA)- Gamtaa Awurooppaa fi biyyoottan michuu adeemsa filannoo waliigalaa 7ffaa Itiyoophiyaan Caamsaa 24 bara 2018 gaggeessite dinqisiifataniiru.
Embaasiiwwan biyyoota miseensa gamtichaa kanneen teessoon isaanii Finfinnee ta’e, akkasumas Embaasiiwwan Kanaadaa, Norweeyii fi Siwiizarlaandi Itiyoophiyaa keessa jiran waa’ee filannichaa ilaalchisee ibsa waloo baasaniiru.
Ibsa isaaniitiinis, Boordiin Filannoo Biyyaalessa Itiyoophiyaa, raawwachiistonni filannoo, paartileen siyaasaa, kaadhimamtoonni fi dhaabbileen siivilii filannoon waliigalaa kun milkiidhaan akka raawwatamuuf gumaacha taasisan dinqisiifataniiru.
Biyyoonni kunniin Gamtaan Afrikaa fi IGAD gahee taajjabdummaa filannicha irratti qaban beekamtii kennuu isaaniis mirkaneessaniiru.
Filatteetti mo’atteetti
See less
03/06/2026
Mootummaan guddina egeree fi dandeettii dorgomuu damee industiriitiin karoorfame mirkaneessuuf imaammattoota fooyyesseera
Caamsaa 26/2018(ENA)- Mootummaan guddina egeree fi dandeettii dorgomuu dame industiriitiin karoorfame mirkaneessuuf imaammattoota fooyyesseera jechuun ibsan itti aanaan ministira muummee Tamasgeen Xurunaa.
Itti aanaan ministira muummee Tamasgeen fuula marsariitiisaaniirratti akka ibsanitti, walabummaa fi bilisummaan biyyaa guutummaatti kan mirkanaa’u oomishoota industirii qulqullinaan, akaakuu fi baay’inaan beekumsa ofii, ogummaa ofii fi teeknooloojii ofiitiin oomishuu yeroo dandeenyudha.
Mootummaanis guddina egeree fi dandeettii dorgomuu damee industiriitiin karoorfame mirkaneessuuf imaammattoota fooyyesseera jedhan.
Hojmaatilees diriirseera. Onnachiiftuus taasiseera jechuun insaniiru.
Qaama riifoormii kanaa kan ta’e sosochiin Itiyoophiyaan haa oomishtuus bu’aansaa ifatti mul’achaa jira jedhaniiru.
See less
03/06/2026
Hirmannaa cimaa Adeemsa Filannoo keessatti ijaarsa Sirna Dimokiraasiitiif agarsiisne Misoomaanis itti fuffna
Caamsaa 26/2018 (ENA)- Hirmaannaa jabaa adeemsa filannoo keessatti ijaarsa sirna dimokiraasiif agarsiisne misooma irrattis itti fufsiisna jechuun jiraattonni magaalaa Dirree Dawaa yaada isaanii ENA’f kennan ibsan.
Filannoo waliigalaa torbaffaa guutuu biyyattiitti Caamsaa24 gaggeeffame irratti lammiileen qorri ganamaa fi dukkanni galgalaa osoo isaan hin daangessiin sagalee isaanii kennaniiru.
Rippoortarri ENA adeemsa filannichaa fi hirmaannaa ture ilaalchisee magaalaa Dirree Dawaa keessa deemuun jiraattota haasofsiiseera.
Jiraattonni yaada kennaniin akka ibsanitti, gumaacha adeemsa filannichaa keessatti dimokiraasii dhugoomsuuf taasisan, imala misoomaa fi guddina magaalattii keessattis itti fufsiisuuf akka hojjetan ibsaniiru.
Yaada kennitoota keessaa Obbo Mindaa Salamoonii fi Aadde Maahileet Taaddalaa hirmaannaan isaan kenniinsa sagalee irratti taasisan biyya ofii fi ijoollee isaaniif mijattu ijaaruuf itti gaafatamummaa qaban ta'uu dubbataniiru.
Kanas ta'uun, adeemsa filannichaa keessatti hirmaannaa jabaa ijaarsa sirna dimokiraasiif agarsiisne misooma irrattis itti fufsiisna jedhaniiru.
Obbo Alamayyahu Baqalaa, Aadde Kadiraa Usmaan fi Obbo Girmaa Bazzaayee gama isaaniitiin; filannoo seena qabeessa kana irratti hirmaachuu fi sagalee kennuun itti gaafatamummaa biyyaalessaa ta'u kaasanii, adeemsi filannichaa ijaarsa sirna dimokiraasii biyya keenyaa bu'uura gaarii irra kan dhaabu ta'uu eeraniiru.
Kanaafis hirmaannaa jabaa filannicha keessatti argisiisne gara fuulduraatti adeemsa ijaarsa misoomaa fi nageenya biyyaa irratti itti fufsiisuuf qophii ta'uu isaanii ibsaniiru.
See less