Waajjira Komunikeshinii Kolfee Qaraaniyoo

Waajjira Komunikeshinii Kolfee Qaraaniyoo

Share

This is an official page of Kolfe Keranio Subcity Administration Communication Office - Afaan Oromo.

03/06/2026

Pirezedaantii Keeniyaa duraanii Uhuruu Keeniyaattaa fi waahillan hojiisaaniif galata guddaa dhiyyeessina- Ministira muummee Abiyyi Ahmad (PhD)

Pirezedaantii Keeniyaa duraanii Uhuruu Keeniyaattaa fi waahillan hojiisaanii argachuu kootti baayyee gammadeeraa kan jedhan Ministirri muummee Abiyyi Ahmad (PhD) jila Pirezedaantii Keeniyaa duraanii Uhuruu Keeniyaattaan durfamu taajjabdoota filannoo Gamtaa Afriikaa 73, tajaajilaafi gumaacha ijaarsa sirna dimookiraasiif biyya keenyaaf taasistaniif galatoomaas jedhaniiru.

03/06/2026

Gamtaan Awurooppaafi biyyootni tumsitootaa adeemsa filannoo waliigalaa marsaa 7ffaa Itoophiyaa dinqisiifatan

Gamtaan Awurooppaafi biyyootni tumsitootaa adeemsa filannoo waliigalaa marsaa 7ffaa Itoophiyaan Caamsaa 24/2018 gaggeessite dinqisiifataniiru.

Filannoo waliigalaa Itoophiyaan gaggeessite ilaalchiisuun teessoo isaanii Finfinnee kanneen taasifatan miseensotni gamtaa Awurooppaafi Imbaasiiwwan garaagaraa Imbaasiin Kanaadaa, Noorweey fi Siwizeerlaandi ibsa waloo baasaniin adeemsa filannichaa dinqisiifataniiru.

Biyyootni kunniin ibsa isaaniitiin Boordii Filannoo Biyyaalessaa, Raawwachiiftoota Filannoo, Paartilee Siyaasaa, Kaadhimamtootni Filannoofi Dhaabbileen Siivilii Filannichi haala gaariitiin akka xumuramuuf shoora bahatan dinqisiifataniiru.

Jilli taajjabdota AU fi IGAD gaheen taajjabdummaa filannoo waliigalaa marsaa 7ffaa keessatti bahatanis kan galateeffachiisu tahuu biyyootni miseensa gamtaaAwurooppaafi Imbaasiiwwan teessoo isaanii Finfinnee taasifatan kunniin ibsa waloo baasaniin hubachiisaniiru.

Photos from Waajjira Komunikeshinii Kolfee Qaraaniyoo's post 03/06/2026

Bulchiinsi Kutaa Magaalicha keessatti tajaajilli kennamu yeroo irraa gara yerootti qulqullinaa fi ariitiidhaan fooyya’aa akka dhufe tajaajilamtootni ibsan.

‎Kominukeeshinii kolfee, Caamsaa 26/2018

‎Bulchiinsa Kutaa Magaalaa Kolfee Qaraaniyootti tajaajiloonni kennaman qulqullinaa fi aartiin yeroo irraa gara yerootti fooyya’aa dhufuu isaatiin, tajaajila haqaqabeessa ta’e argachaa akka jiran tajaajilamtootni yaada isaanii kennaniin ibsaniiru.

‎Waajjirri Komunikeeshinii Kutaa Magaalicha fi Aanaalee guyyaa tajaajilaa abbaa dhimmaa guyyaa Roobii fi Jimaataa sababeeffachuun, tajaajiloota Bulchiinsa Kutaa Magaalichaan kennaman irratti hundaa’uun tajaajilamtoota yaada isaanii walitti qabeera.

‎Abbootiin dhimmaa tajaajila argatan akka jedhanitti, Sekteraalee mootummaa sadarkaa kutaa Magaalicha irraa hanga Aanaatti jiran tajaajila kennan yeroo gara yerootti fooyya’aa akka dhufe ibsuun, tajaajila saffisaa fi si’ataa argachaa akka jiranis yaada isaanii ibsaniiru.

‎Abbootiin dhimmaa itti dabaluun, kutaan hojii isaan ilaallatu simannaa fi tajaajila odeeffannoo kennu keessatti fooyya’iinsi guddaan jirachuu ibsuun, kunis tajaajila yeroo darban irraa tajaajila gaarii fi safisaan argachuun isaanii gammachuu akka isaaniitti uume ibsaniiru.

‎Bulchiinsa Kutaa Magaalichaa keessatti fi Aanaalee hunda keessatti Sekteraaleen guyyaa Abbaa Dhimmaa sababeeffachuun tajaajila kennaan cimsanii itti fufanii akka jiran ibsameera.

02/06/2026

Itoophiyaan injifatteetti – Kantiibaa Adaanech Abeebee

Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee filannoon waliigalaa marsaa 7ffaa akka fedhii baandaafi baadaa keessaafi alaa wixifachaa turanitti osoo hin taane Itoophiyaanotaan bifa dimokiraatawaafi haqa qabeessan galma ga’uu ibsan.

Aadde Adaanech ergaa toora miidiyaa hawaasaa isaaniin dabarsaniin lammiileen biyyattii filachuuf barii barraaqaa hanga halkan walakkaatti cichoominniifi kutannoon agarsiisan adda ture jechuun ibsaniiru.

Keessattuu Finfinneetti hiriirri dhedheeraan iddoo garaagaraa akka ture taajjabuu kan kaasan Aadde Adaanech garuu ammoo qorraafi hirriba osoo hin jedhiin naamusaan dabaree eeggatan filachuu ibsaniiru.

Kunis paartileen morkattootaafi beektootni biyya keenyaa uummata naamusa qabu kana akkaataa itti hubachuufi madaaluu qabnu kan agarsiisu tahee hojimanee kennuun goolabamu Kantiibaa Adaanech ibsaniiru.

Photos from Waajjira Komunikeshinii Kolfee Qaraaniyoo's post 02/06/2026

Piroojketiin deebisanii misoomsuu fi Qarqara Lagaa Inxooxxoo/ Riqicha Adurree - Qacanee/Doobbii :-

 Misooma Qarqara Lagaa Lafa hektaara 597 uwwisu

 Iddoolee magariisummaa lafa hektaara 15 uwwise

 Gaagura Horsiisa Kanniisaa 210,

 Misooma Abaaboo fi Biqiltootaa

 Daandii konkolaataa kiiloomeetira 6.4,

👉Daandii Biskileetii kiiloomeetira 8,

👉Daandii imaltoota lafoo kiiloomeetira 22,

👉Daandii Haayikiingii kiiloomeetira 4,

👉Riqichawwan konkolaataa haaraa 2,

👉 Riqichawwan konkolaataa haaromfaman 3

👉Hidhawwan Bishaan Ittisan 39 kan hammateedha.

02/06/2026

Filannoon waliigalaa 7ffaan karaa hirmaachisaa fi diimokiraatawaa ta’een filatame – Mana marichaa

Filannoon waliigalaa 7ffaan karaa hirmaachisaa fi diimokiraatawaa ta’een filatame jedhe Manni Maree Waloo Paartilee Siyaasaa Magaalaa Finfinnee.

Manni marichaa adeemsa kenniinsa sagalee guyyaa kaleessaa raawwatame ilaalchisee ibsa kenneera.

Adeemsichi eegalee hanga xumuramutti hordoffii barbaachisu taasisaa turuu hime.

Ummanni Magaalaa Finfinnee dhiibbaa tokko malee walabummaan paartii barbaadan filachaa ooluu Walitti Qabaan Mana Marichaa Maaruu Jaaneen ibsaniiru.

Maanguddoota, dargaggoota, dubartootaa fi qaama miidhamtoota dabalatee kutaalee hawaasaa bilisummaan filachuu dubbatan.

Rakkoo tokko malee adeemsaa fi seera filannoo eegee milkiin xumuramuu ibsan.

Filannichi karaa nagaan akka xumuramu ummata bal’aa fi Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa dabalatee qaamolee qooda qaban hunda galateeffataniiru.
FBC- Waabeffachuun

Photos from Waajjira Komunikeshinii Kolfee Qaraaniyoo's post 02/06/2026

Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) har'a ganama pirojektii deebisanii misoomsuufi qarqara lagaa Inxooxxoorraa hanga Qacanee Madanaalamii jiru hojii eegalchiisan

Filannoo Waliigalaa 7ffa buleesaa, har'a ganama pirojektii deebisanii misoomsuufi qarqara lagaa Inxooxxoorraa hanga Qacanee Madanaalamii jiru ifatti hojii eegalsiifneerra.

Kaka'umsi guddaan kun iddoowwan gogolaa'an eegumsa biyyoo ammayyaafi laga calaluudhaan gara bakkeewwan magariisaatti geeddaruudhaan paarkiiwwan muduraalee, daandiiwwan deemsa miilaafi biskileetii waliin qindeessuudhaan magaalaa guddoo keenya haaresseera.

Poroojektiin walumaagalatti misooma qarqara lagaa kiiloo meetira 22.25 uwwisu kun, hojii misoomaa keenya addaan hin cinneef ragaa jiraataa ta'uusarrayyuu guddinni biyya keenyaa, kunuunsi naannoofi haaromsi magaalaa hojiidhaan kan itti mul'atedha.

Photos from Waajjira Komunikeshinii Kolfee Qaraaniyoo's post 02/06/2026

Adeemsi Kenniinsa Sagalee Filannoo Nagaadhan Xumurame – Koomaand Poostii Filannoo

Adeemsi kenniinsa sagalee filannoo waliigalaa 7ffaa nagaadhan xumuramuu isaa Qajeelcha Ol-aanaa Poolisii Finfinneetti Koomaand Poostiin Filannoo beeksiseera.

Adeemsi sagalee kennuu hanga halkan keessaa sa'aatii 7:00tti raawwatamaa akka ture eeruun, buufataalee filannoo magaalaa Finfinnee keessatti argaman hundatti adeemsi sagalee kennuu guutummaatti nagaa fi tasgabbaa'aa akka ture Koomaand Poostichi ibseera.

Balaa tiraafikaatiin lubbuun namoota lamaa kan darbe yoo ta'u, Caamsaa 24 guyyaas ta'ee halkan yakki kamiyyuu akka hin raawwatamne ibsameera.

Sirni kenniinsa sagalee milkiidhaan akka xumuramuuf uummatni filataan, raawwachiistonni filannoo, kaadhimamtoonni fi taajjabdoonni gumaacha taasisaniif, akkasumas kutaaleen nageenyaa hundi itti gaafatamummaa isaanii ba'ataniif Koomaand Poostichi galateeffateera.

Yeroo ammaa sagalee lakkaa'uun itti fufuu isaa kan ibse Koomaand Poostichi, adeemsi filannoon boodaa akkuma kanaan milkiidhaan akka raawwatamuuf qooda-fudhattoonni hundi itti gaafatamummaa isaanii akka ba'atan Koomaand Poostiin Filannoo Qajeelcha Ol-aanaa Poolisii Finfinneetti hundaa'e waamicha dabarseera.

02/06/2026

Itoophiyaanotni filataniiru; Itoophiyaan injifatteetti! - TKM

Itoophiyaan lammiilee isheerraa waan barbaadde hunda yeroofi haala barbaaddeetti biyya argattu tahuu Tajaajilli Komunikeeshinii Mootummaa ibseera.

Lammiilee biyya isaaniif waan kennuu qaban kennuuf gara boodaatti hin jennee qabaachuunis baay'ee itti boonti jechuunis ibseera.

Injifannoo Adawaa hanga Hidha Haaromsaa, maaddii qooduun waliif dhaabbachuurraa hanga sagantaa ashaaraa magariisaa hirmaannaa lammiilee ishee barbaaddee dhabdee hin beektu, mirkanaa'eraafis, har'as kanumati irra deebi'e jedheera Tajaajilli Komunikeeshinii Mootummaa.

Itoophiyaan sirna dimokiraasii dagaagsuu,filannoo iftoomina qabuun mootummaa filachuu,heera mootummaa bu'uuressuus dandeessetti.

Kanaafis filannoon waliigalaa marsaa 7ffaa akka carraa guddaatti fayyadamuun ishee barbaachisee turuufi toora qabsiisuu danda'us tajaajilichi ibseera.

Lammiileen biyyatti Miiliyoona 54 ol galmaa'uun guyyicha eeggachaa turan hedduminaan ba'an filachuus kan ibse Tajaajilli Komunikeeshinii Mootummaa seenaa filannoo Itoophiyaa keessatti ashaaraa of-danda'e keewwachuu hubachiiseera.

Qaaamoleen filannoon akka hin adeemsifamnee gufuu tahuuf yaalan, baandaawwan keessaafi alaa gurmaa'uun kana qaban sana gadi dhiisanis Itoophiyaanota kutannoo qaban filachuurraa gara boodaatti deebisuu akka hindandeenyees lammiileen biyyatti agarsiisuun hanga halkan walakkaatti filachuun karaa milkaa'ina qabuun xumuramuu tajaajilichi ibseera.

Caamsaa 25/2018

Photos from Waajjira Komunikeshinii Kolfee Qaraaniyoo's post 01/06/2026

Jiraattonni Kutaa Magaalaa Kolfee Qaraaniyoo waadaa isaanii eeggatanii Qorra Halkanii fi Dukkana Galgalaa Injifatanii Sagalee isaanii Kenna Jiru

‎Buufataalee filannoo kutaa Magaalicha keessatti argaman hunda keessatti, adeemsi sagalee kennuu kaka’umsa guddaadhaan ammallee itti fufee jira.

Want your business to be the top-listed Government Service in Addis Ababa?

Click here to claim your Sponsored Listing.

Location

Address


Bethel, Finfinnee
Addis Ababa